Biritiish lammiileenshee atattamaan Itoophiyaa keessaa akka bahan gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Biritish haala nageenyaa Itoophiyaa keessa ammaan tana jiruun walqabatee lammiileen ishee atattamaan Itoophiyaa keessaa akka bahaniif gaafatte.
Waajjirri dhimmoota Alaa, Komanwalziifi Misoomaa lammiilee isaa amma osoo balaliinsi idilee jiruu Itoophiyaa keessaa bahaa jechuun gaafate.
Ministirri Biritish Afriikaaf Viikii Foordi ibsa Roobii galgala kennaniin, ''haalli waraanaa Itoophiyaa keessaa ariitiin geedaramaa jira.
''Tarii guyyoota murasa dhufan keessatti lollii magaalaa guddoo, Finfinneetti dhiyaatee arguu dandeenya ta'a. Kun ammoo lammiilee Biritiish haala itti Itoophiyaa bahan daangeessuu danda'a,'' jedhan.
"Lammiileen Biritiish hundinuu haala kamuu keessa yoo jiraatan, atattamaan osoo balaliinsii idilee jiruufi buufannii xiyyaaraa Boolee saaqaa jiruu akka bahanan gaafadha.
''Tarii lammiileen Biritishi kanneen gara UKtti deebi'uu balaliinsa kanfalachuuf rakkatan yoo jiraatan liqaan dhalarraa bilisa ta'e jira,'' jedhan Ministirittiin kun.
Kana malees kanneen amma Itoophiyaadhaa bahuuf hinbarbaadne ammoo torbanoota dhufan keessa bakka naga qabeessa ta'eetti dahachuu qabu jedhan. ''Booda keessa bahuun filmaata ta'uusaatii wabii hin kenninu.''
Waajjirichi haala waraana kaaba biyyattiitti gaggeefamaa jiru irratti hundaa'uun lammiilee isaa Itoophiyaa keessaa akka bahaniif gaafachu kan eegale Sadaasa 9, 2021 irraa kaasee ture.
Deeggarsawwan mootummaan Biritishii lammiilee isaa gara biyyaatti akka deebi'aniif waamicha taasiseef dhiyeessuu beeksiseera.
Fakkeenyaaf kanneen baasii balaliinsaa hindandeenyeef dhala malee tajaajila liqaa kennuun alatti, yeroof uggura ulaagaa namoonni hintalaalamiin UK osoo hingahiin dura Covid-19f qoratamu qabu jedhu kaasuu beeksiseera.
Waraanaa naannoo Tigraayittii waggaa tokkoon dura eegaluun amma gara naannoolee Amaaraafi Affaariitti babal'ataa dhufeen, biyyoonnii fi dhaabbileen idil-addunyaa hedduun lammiilee isaanii Itoophiyaa keessaa baasuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Dhiheenya kanas Faransaayi, Jarmaniifi Tarkiin lammiileen isaanii atattamaan akka bahaniif waamicha taasisuun ni yaadatama.












