Itoophiyaan dippilomaatota Ayirlaandi afur Imbaasii Finfinnee keessa turan ariite

Mootummaan Itoophiyaa dippilomaatota Ayirlaandi Imbaasii biyyattii Finfinnee jiru keessa hojjetan jaha keessaa afur gadhiisanii bahuu akka qaban imbaasichatti hime.
Ministerri Dhimma Alaa Ayerlaandi akka beeksisetti Ambaasadara isaanii fi dippilomaatiin tokko qofa Itoophiyaatti hojjechuuf eeyyamani akka kennameef hime.
Dippilomaatotni kaan afur aduu torban tokkoo keessatti gadhiisuun bahuu akka qaban itti himamuu ibseera.
EBC'n Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa irraa argadhe jedhee akka gabaasetti, dippilomaatotni afur torban tokko keessatti gadhiisanii bahuu akka qaban murtaa'eera.
Dhimmi haala Itoophiyaa irra deddeebbiin Mana Maree Nageenyaa UN'tti ajandaa akka ta'u Ayirlaand sochii taasisaa turuun ishee ni beekama.
Sababni lakkoofsa dippilomaatota Ayerlaandi xiqqeessuuf barbaachise ammoo ejjennoo Ayerlaandi waraana Kaaba Itoophiyaa fi rakkoo namoomaa mudatu ilaalchisee ibsiteen walqabatee akka ta'u Ayirlaand ibsite.
Dabalataan, Mana Maree Nageenyaa UN dabalatee qooda idil adunyaarratti qabdu akka tahe, qondaalonni mootummaa Itoophiyaa himuu isaanii eerera ibsi Ministeera Haajaa Alaa Ayarlaandi.
Ministeerri Dhimma Alaa Ayerlaandi Saayiman Koovenii ''murtee mootummaa Itoophiyaa kanaan baay'ee gaddeera,'' jedhan.
Saayiman Koovenii Ayerlaandii erga bara 1994 michuu Itoophiyaa tahuu himanii, biyyi isaanii misooma Itoophiyaa deeggaraa akka turte himan.
Waggoota shanan darban keessas Itoophiyaan biyyoota Ayirlaandi irraa deeggarsa argataa turan keessaa jalqaba irratti akka argamtu himaniiru.
Hariiroon Itoophiyaa waliin qabnu Mana Maree nageenyaa UN dabalatee akkaataadhuma ibsa Gamtaa Awurooppaatti dhaabbataafi kan hin jijjiiramnedha jedhan.
''Imbaasiin keenya Finfinnee banaa tahee itti fufa. Gareen keenya dhaabbilee idila addunyaa ittiin beekkamtii arganne kan akka Gamtaa Afrikaa fi IGAD waliin hojjechuun itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu ni bahatu,'' jedhan.
Itti dabaluun hojii Gamtaan Afrikaa walitti bu'insicha karaa nagaa furuuf hojjetu akka deeggaran himan.
Ol aantummaa fi walabummaa Itoophiyaa akka kabajanis ibsaniiru.
Haala nageenyaa Itoophiyaa 'yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufe' kana keessa hojiin imbaasii inni guddaan tajaajila qontsilaa kennuu akka tahes himaniiru.
Haa tahu malee, lakkoofsi hojjettoota imbaasichaa harka lama sadaffaan xiqqaachuun isaa tajaajilicha karaa guutuu taheen kennuuf rakkisaa tahuu ibsaniiru.
Lammiileen Ayerlaandi gara Itoophiyaatti akka imaluu hin qabne ibsuun kanneen biyyicha jiranis balalii idileen akka gadhiisanii bahuu qaban dhaaman.
''Murtoon Itoophiyaa kun yeroofidha jedheen abdadha. Hojjettootni imbaasii keenyaa yeroo danda'ametti gara hojii isaaniitti ni deebi'u jennee abdanna,'' jedhan.
Saayiman ''yeroo rakkoon deeggarsa namoomaa itti hammaate kanatti uummata Itoophiyaa waliin dhaabbanna'' jedhan.
Torban dhufu keessa 'Dhaabbatni Gargaarsa Ayerlaandi [Irish Aid] Yuuroo miliyoona 16 dhaabbilee gargaarsa Itoophiyaatti waliin hojjetan akka UN OCHA, UNICEF, UNFPA fi IRC'f akka rabsu himaniiru.
Itoophiyaan kana duras hojjettoota UN humnoota TPLF deeggaru jechuun himatte biyyashee gadhiisanii akka bahan gochuun ishee ni yaadatama.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti eegale erga gara Amaaraafi Affaaritti ce'ee baatiiwwan muraasa darbaniiru.
Keessumaa humnoonni TPLF Naannoo Amaaraa bakkeewwan garaagaraa Kaaba Walloofi Kibba Walloo to'achuun gara Shawaa Kaabaatti dhihaachuu isaanii hordofeeti MM Abiy waraana kana ofumaa hoogganuuf gara adda waraanaatti kan qajeelan.
Waraana Kaaba Itoophiyaa mariin xumura itti tolchuuf yaaliin hanga ammaa taasifamaa ture hin milkoofne.
Gaanfa Afrikaatti Jilli Addaa US Jeeferii Feltimaan waraana mariin xumuruuf yaaliin taasifamaa ture abdii horatuus waraanni akka haaraatti tibbana cime danquu ta'u gaafa Kibxataa ibsaniiru.















