Dhaabileefi namoonni meeshaalee odeeffannoofi kominikeeshinii qaban galmeessisaa jedhaman

Meeshaa qunnamtii

Madda suuraa, Ejensii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Itoophiy

Ejensiin Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa Imbaasiiwwaniifi dippilomaatota dabalatee dhaabbileefi namootni dhuunfaa meeshaalee qunnamtii qaban akka galmeessisan hubachiise.

Ejensiin Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo fi Tikaa Itoophiyaa tokkummaa fi walabummaan biyyaa soda keessa waan jiruuf of eeggannoo barbaachisu hunda fudhachaa akka jiru ibsa hubachiisa kana dhaame keessatti beeksiseera.

Ejeensichi meeshaalee qunnamtii biyya keessa jiran galmeessaa fi to'ataa turuu isaa himuun ammas meeshaalee qunnamtii gareen shororkessitootaa akka itti hin fayyadamneef galmeessuu fi nama qabate harka jiraachuu isaa mirkaneessuu akka barbaadu hime.

Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa keessatti eegumsa kennuurratti bobba'an, Imbaasiiwwan, dippilomaatotni fi namni dhuunfaa fi dhaabbileen alaa galchaa jiran meeshaalee qunnamtii harkaa qaban guyyoota 15 keessatti akka galmeessuu qaban hime.

Isaan keessaa meeshaalee loltuu akka naannoo ilaaluuf oolan akka Baayinakular, kompaas, GPS galmeessuu akka qaban hime.

Dabalataan meeshaalee qunnamtii loltuu fi namootni siivilii qabatan akka radiyoo qunnamtii, bilbila satalaayitii, diroonii akkasumas VSAT fi BGAN satalaayitii jedhaman akka galmeessuu qaban hime.

Bulchiinsi magaala Finfinnees namootni meeshaa waraanaa qaban akka galmeessan labsuun meeshaalee waraanaa magaalicha keessa jiran galmeessaa jira. Namootni mana kireessanis eenyummaa kireeffattootaa akka adda baasaniifi beeksisan gaafateera.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa darbe jalqabe gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babbal'ateera.

Hidhattootni Tigraay naannolee haara gara gidduugala biyyaatti geessan qabachaa jiraachuu hordofee magaalaa Finfinnee naannoo isheetti tarkaanfileen of-eeggannoo adda addaa mootummaa fudhatamaa jira.

Labsii kunis qaam of-eeggannoo yoo ta'u, torbanoota darban namootni kumootaan lakkaawwam hidhattoota TPLF fi WBO deeggaruun shakkamanii qabamaa jiru.