Daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessa balali'uuf yaaddoon nageenyaa hin jiru jedhe Abbaa Taayita Aviyeeshinii Itoophiyaa

Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa

Madda suuraa, Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa

Abbaan Taayitaa Siiviil Aviiyeeshinii Itoophiyaa daangaa balalii qilleensaa Itoophiyaa naga qabeessa jedhe.

Abbaan taayitaa kun ibsa gabaabaa baaseen buufata xiyyaaraa Finfinnee dabalatee daangaan qilleensaa Itoophiyaa naga qabeessa jedhe.

Ibsi abbaa taayitichaa Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa US Buufata xiyyaaraa Boolee dabalatee daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessatti xiyyaarotni haleellaa meeshaa waraanaaf saaxilamuu danda'uu jechuun akeekkachiisa baasuun erga dhagaahamee bahe.

Dhaabbatichi xiyyaaronni ''kallattiinis ta'e al-kallattiin haleellaa meeshaa waraanaaf ni saaxilamu'' jedhe.

Abbaan Taayitaa Aviiyeeshinii Itoophiyaa ibsa isaa keessatti ''akeekkachifni bahee fi miidiyaaleen gadhiifame bu'uura kan hin qabneefi dhugaa lafa jiruun kan walfaallessuu'' jedheera.

Itti dabaluunis ''nageenya dangaa qilleensaa haala kamiinuu yaaddoo keessa kan hin galchine ta'uu maamiltootaaf mirkaneessinaa'' jedheera.

Ulaagaa idila addunyaa nageenyaa daangaa qilleensaa eeguun hojii balalii akka amma dura turetti nageenyi isaa shakkii malee akka ta'u akka mirkaneessus ibseera.

Biyyootnifi dhaabbileen idila addunyaa tokko tokko waraanni gara magaalaa guddoo Finfinneetti siqaa jira sababa jedhuun lammiileen isaanii Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan irra deddeebiin akeekkachiisaa jiru.

Gama kaaniin ammoo Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii naannolee to'annoo hidhattoota TPLF jala jiran Kombolchaa fi Laalibalaatti xiyyaaraan deeggarsa akka dhiyeessu mootummaa Itoophiyaan hayyamni kennameera,.

Saqalaa to'annoo balalii

Madda suuraa, ETHIOPIAN CIVIL AVIATION AUTHORITY/FB

MM Abiy Ahimad biyyootni gariin Finfinneen marfamteetti jechuun lammiilee isaanii Itoophiyaatii baasuuf waamichi godhan qaama duula burjaajii uumuufi mootummaa bir'achiisuuti jedhanii turan.

Ameerikaan lammiileeshee Itoophiyaa jiran hatattamaan akka bahan irra dedebiin akeekkachiifteetti.

Erga bulchiinsa Joo Baayiden jalatti muudamanii yeroo jalqabaaf gara Afrikaa kan dhufan ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken waraanni Itoophiyaatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduuti gaggeeffamu akka dhaabbatuuf gaafataa turan.

Dhimma kana irratti Pirezidaantii Keeniyaa kan torban darbe gara Itoophiyaatti imaluun MM Abiy Ahimed waliin mari'atan, Uhuuruu Keeniyaataa waliin dubbataniiru.

Gamtaan Afrikaas qaamoleen wal waraanan dhukaasa dhaabuun gara marii naga qabeessatti akka dhufaniif hojjechaa jira.