MM I/Aanaa Dammaqaa Mokonniin hojiiwwan idilee mootummaa akka hoogganan taasifame

Madda suuraa, Demeke Mekonnen/Facebook
Ministirri Muummee Abiy Ahimad dirree waraanaatti bobba'uun waraana hoogganuuf murteessuu isaanii hordofee hojiin idilee mootummaa MM I/Aanaa Dammaqaa Mokonniinin durfamaa akka jiru mootummaan hime.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaa Tulluu ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin akka himanitti MM Abiy Kibxata Sadaasa 14, 2014 eegalee dirree waraanaatti bobba'aniiru.
MM Abiy gaafa Wiixataa ''yeroon kan wareegamaa biyya itti hooggananidha'' jechuun lafa waraanni biyyattii jirutti adeemuun akka hoogganan erga ibsanii boodadha adeemuun isaanii kan ibsame.
MM Abiy adda waraanaa akka deeman ibsa gaafa Wiixataa beeksisaniin yeroo adda waraanaatti argamuun waraana gaggeessaniitti hojiin mootummaa akka qaawwa hin uumneef waan ta'u qabu himanii turan.
Hanqinni akka hin uumamneef hoggantoonni federaalaafi naannoo jiran yeroo kamuu caalaa hojiiwwan misoomaafi bulchiinsaa humna guutuun akka dalagan ibsanii turan.
Dr Laggasaa ibsa isaanii keessatti MM Abiy akkuma jedhan adda waraanaatti argamuun hooggansa kennaa akka jiran miidiyaalee biyya keessaaf kennaniiru.
Dabaluunis, hojiiwwan idilee mootummaa akka hin gufanne hojiin guyyuu MM I/Aanaafi Ministira Alaa Dammaqaa Mokonniin hoogganamaa akka jiru himan.
Obbo Dammaqaa Mokonniin ministira muummee itti aanaa ta'un waggoota dheeraaf tajaajilaniiru. Ministira Dhimma Alaas ta'un tajaajilaa jiru.
MM Abiy murtee isaanii gaafa Wiixataa ifa godhaniin ''ijoollee Itoophiyaa seenaan isaan yaadatu keessaa tokko ta'uf kan yaaddan hunduu biyya keessaniif jettanii har'uma ka'aa, dirree irratti walagarra'' jechuun kaanis akka faana bu'an waamicha taasisaniiru.
Kana boodas qondaaltonni mootummaa olaanoo gara dirree waraanaatti deemuun gahee isaanii gumaachuuf fedhii akka qaban kan ibsaniiru.
Namoonni beekamoofi maqaa gurguddaa qabanis dhaqanii akka lolan himaa jiru. Kanneen keessaa atileet Haayilee G/Sillaaseefi Fayyisaa Leellisaa keessatti argamu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti eegale erga gara Amaaraafi Affaaritti ce'ee baatiiwwan muraasa darbaniiru.
Keessumaa humnoonni TPLF Naannoo Amaaraa bakkeewwan garaagaraa Kaaba Walloofi Kibba Walloo to'achuun gara Shawaa Kaabaatti dhihaachuu isaanii hordofeeti MM Abiy waraana kana ofumaa hoogganuuf gara adda waraanaatti kan qajeelan.
Waraana Kaaba Itoophiyaa mariin xumura itti tolchuuf yaaliin hanga ammaa taasifamaa ture hin milkoofne.
Gaanfa Afrikaatti Jilli Addaa US Jeeferii Feltimaan waraana mariin xumuruuf yaaliin taasifamaa ture abdii horatuus waraanni akka haaraatti tibbana cime danquu ta'u gaafa Kibxataa ibsaniiru.














