Waraana Tigraay: Naannoo Amaaraatti finciltoota TPLF'n 'badiifi saamicha olaanaatu raawwatame'

Tigray People's Liberation Front (TPLF) fighters walk in lines towards another field in Mekele, the capital of Tigray region, Ethiopia, on June 30, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Tigraay Maqaleetti, Waxabajjii 30, 2021

Waraanni naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture erga gara naannoo Amaaraatti babal'ateen booda godinaalee naannichaa to'annoo finciltoota TPLF jala jiran keessatti badiin olaanaan qaqqabuu biiroon Misoomaafi Karoora naannoo Amaaraa BBCtti hime.

Itti gaafatamaan biiriichaa Obbo Annimuuti Ballaxaa akka jedhaniitti, aanaalee 45 godinaalee shanan; Walloo Kaabaa, Kibba Gondar, Kaaba Gondar, Waaghimraa fi Walloo Kibbaa keessatti argaman keessatti saamichiifi badiin birrii biiliyoona 280 ta'u qaqqabeera.

Tilmaamni kunis godina Walloo kibbaa fi naannoolee Shawaa Kaabaa kanneen waraanichi dhiheenya keessatti babal'ate hin hammatu jedhan.

Badii qaqqabe kanas waajjiraalee damee garaa garaa waliin ta'uun qorannoo taasiseen baruu akka danda'e ittigaafatamaan kun dubbatanii, keessattuu badiin damee qonnaatiin qaqqabe olaanaa ta'uu BBCtti himaniiru.

Qorannichi eddoowwan hunda qaqqabuuf hanqina akka qabu Obbo Annimuuti ibsan.

Waraanichi Dasseefi Kombolchaa dabalatee naannoolee Shawaa Kaabaa kan diinagdee cimaa qaban keessatti babal'achuunsaa badiin naannichatti qaqqabe kan jedhameen ol akka ta'u kaasu.

Obbo Annimuuti akka jedhaniitti aanaalee qorannoon keessatti gaggeeffameetti sadarkaa guutummaan jedhamuun hospitaaloonni, manneen barnootaa, kiliiniikoonni, buufataaleen fayyaa fi bu'uuraaleen misoomaa mootummaa barbadaa'aniiru.

Keessattuu damee qonnaarratti badiifi saamichi olaanaan raawwatameera jedhan.

''Dhaabbilee qorannoo qonnaa Siriinqaa, Saqooxaa fi Qobboo irraa konkoolaataa, tiraaktaroota, midhaan, qabeenya loonii fi buu'uraalee misoomaa jallisii irra badiin qaqqabeera,'' jedhu.

Haata'u malee godinaalee kanneen to'atee kan argamu TPLF irraa BBC himannaa kanarratti yaanni argate hinjiru.

Dameen biraa badii fi saamichi irratti raawwatame ammoo fayyaa ta'uu kan kaasan Obbo Annimuuti, hospitaaloonni, kiliniikoonnfi buufataaleen fayyaa saamamuufi barbadaa'uu dubbatu.

Kana malees manneen barnotaafi intarpiraayizoonni carraa hojii uumuuf hundeeffamanis balaa walfakkaataan irra gahu himan.

''Barattoonni dhaabbilee kanneen keessatti barataa turan, hojjattoonni akkasumas miseensoonni hawaasaa carraan hojii umameefii ture hojii dhabaniiru. Daandiileefi riqichoonni barbadaa'aniiru. Dhaabbilee amantaa, hoteeloonniifi eddoowwan hawwata turiistii miidhaan irra gaheera,'' jedhan.

Qorannoon kunis eddoowwan finciltoonni keessaa bahanitti qaamaan argamuun bakka amma to'annoo filciltootaa jala jiranii ammoo namoota achii jiraataniifi aanga'oota baqatanii bahan irraa yaada argataniifi maloota biraatti fayyadamuun ragaa argataniin ta'uu dubbatan.

Badiin qaqqabe naannicha attamiin miidha?

Obbo Annimuuti BBCtti akka himanitti, badiiwwan eddoowwan jedhaman kanneenitti qaqqabe deebiisanii bakka buusuuf kan naannichaan danda'amu miti.

Bajanni naannichaa ALI bara 2014 birrii biiliyoona 80 ta'uu kan himan ittigaafatamaan kun, naannichi hojiiwwan idilee hunda dhaabuun kan barbadaa'een deebiisa jedhee osoo hojjatee waggoota 10 keessattuu deebiisuu kan hindandeenye ta'uu dubbatu.

Bajannii sadarkaa feedeeraalaatti jiru gara biiliyoona 500 akka ta'efi kunis liqaafi galii keessaa irraa kan walitti qabameedha jechuun, badiin naannichatti qaqqabe, mootummaa federaalaatiinuu kan hindanda'amne ta'uu ibsu.

Naannichi badii qaqqabeera jedhame kanaaf itti gaafatamaadha kan jedhe finciltoota TPLF yoo ta'u, kunis naannicha waggoota 40 fi 50 kan booddeetti deebiisuudha jedhan Obbo Annimuuti.

Kana malees, ''maashinoonni wal'aansaa ogeessootaan hiikamanii, konkolaatoonni, meeshaaleen qonnaa fudhatamaniiru.'' jedhu.

Waraanni Sadaasa 04, 2020 haleellaa buufata raayyaa ittisaa kan kaaba biyyattiitti buufatee turerratti raawwateen hordofee eegalee ammalleen hin xumuramne.

Waxabajjii darbee keessa motummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee labsuun erga naannoo Tigraay keessaa baheen booda, finciltoonni TPLF gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaar keessa galuun to'annaa babal'ifatan.

Sababii waraana kanaatiin rakkoo namoomaa naannoo Tigraay keessatti mudateen alatti, naannoolee lama keessatti namoonni miliyoonootaan lakkaa'amn bakka jireenyaa isaanii buqqa'uun gargaarsa eeggachuuf dirqaman.

Naannoo Amaaraa keessatti qofa namoonni miiliyoona 1.1 ta'an buqqa'uu komishiniin ittisa balaa fi wabii nyaataa naannichaa hima.

Naannoolee to'annoo finciltootaa jala jiraniitti dhaabbilee gargaarsa namoomaa idil-addunyaa deeggarsa namoomaa kamuu akka hin taasiisin naannichi ibseera.