Jabuutiin waraana Itoophiyaan qabeenya ishee keessaa walakkaa dhabuu beeksiste

Madda suuraa, CARL DE SOUZA
Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko darbeef adeemsifamaa jiruun biyyi xiqqoo ollaa Itoophiyaa taate Jibuutiin, qabeenya biyyaalessaa ishee keessaa walakkaa dhabuu beeksifte.
Ministeerri Maallaqaa Jibuutii Iliyaas Muusaa Dawaaleh BBC'tti akka himanitti Jibuutiin walakkaa qabeenya ishee jechuunis dolaara biiliyoona 1.7 dhabdeetti.
Kunis kan ta'e sababa galiin xiqqaateefi hojiin dhibuurraa kan ka'een.
Kanaan alatti garuu waraanni kuni guddina diinagdee Jibuutii waggoota 20 dhabsiisuu danda'a jedhamee yaadda'ameera.
''Amma kan nu yaaddessu hojiin cimaa waggoota 20 akkasumas misoomni naannawa Itoophiyaadhaa hanga Jibuutii jiru gaaffii keessa galeera. Kunis kan ta'e osoo madda waldhabdee sanaa hin ta''iini.
''Jibuutiin yeroo hunda nagaaf xiyyeeffannoo kenniti. Naannichis ta'e Jibuutiin waraana kana hin danda'ani,'' jedhaniiru.
Biyyi Jibuutii ummata miiliyoona tokko ta'u qabdi.
''Dhalli namaa qormaata isa qoraa jiruun dabalata dhiibbaan hin barbaachifne irra gahuu hin qabu. Waraanni kuni dhihootti akka dhaabatu cimsinee kadhanna.
''Wal waraanuurra waan fooyyee qabu dalaguu dandeenya,'' jedhaniiru ministirri Faayinaansii biyyattii BBC Afrikaa Biiznas waliin turtii taasisan.
Diinagdeen Jibuutii weerara awwaannisaa, Covid-19 akkasumas sababa jijiirama haala qilleensaan rakkoo keessa ture.
Ammammoo waraana Itoophiyaa waggaa tokko ture hidhamiinsa dhiheessii laaffisuun daldalli dhibbantaa 20'n akka hir'isu taasiseera.
Meeshaaleen shaqaxaa Finfinnee 90% ta'an gama buufata Jibuutiin kan darban yoo ta'u kunis biyyattiin dolaaraa biiliyoona 1.5 - 2 akka argattu ishee taasisa.
Biyyoonni lamaan dolaara biiliyoonaan lakkaa'amu baasuun daandii baaburaa 757km dheeratu ijaaruu dabalatee daandii Itoophiyaatiin Garba Guddaa Hindiitti baasu ijaaraniiru.
Haa ta'u malee waraanni adeemaa jiru furmaata nagaa yoo hin arganne kunneen rakkoo keessa galu yaaddoon jedhu jira.














