Waraana Tigraay: Waa'ee haasaa jibbiinsaa Facebook fi Twitter maal hojjatan?

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Peter Mwai
- Gahee, BBC Reality Check irraa
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa gurguddoon Facebook fi Twitter gahee waraana Itoophiyaa keessatti qabaataniif balaaleeffannaan irratti ka'eera.
Qeeqxoonnis dhaabbileen kunneen haasaa jibbiinsaa fi gochaawwan okkora kakaasan to'achuuf hojii gahaa hin raawwanne jedhu, haata'u malee dhaabbileen kunneen himannaa kana hin fudhatan.
Fakkeenyota muraasaa fi to'achuuf waan raawwatame ilaallee jirra.
Miidiyaaleen hawaasaa Itoophiyaa keessatti hangam cimoodha?
Akka dhaabbata kanaatti, ummata Itoophiyaa keessatti kan parsantaa 10 ta'u qofatu Facebook fayyadama. Kana malees gahiinsi intarneetiin gadaanaa yoo ta'u, eddoowwan tokko tokkotti bu'uuraaleen misoomaa biroodbaandii ni hanqata.
Haata'u malee, lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiran miidiyaa hawaasaa haalaan fayyadamu. Kanaafuu yeroo hunda maxxansoonni MM Abiy Ahimad 'Like' fi 'share' kumaatama argatu.

Motummaan Itoophiyaa fi kanneen isa morman waan miidiyaa hawaasaa irratti ta'aa jiru itti dhiyeenyaan hordofan.
Fakkeenyaaf, Facebook kan amma Meta jedhame, maxxansa MM Abiy lammiilee hundi ka'uun finciltoota Tigraay barbadeessaniif ittiin waaman, waan haqeef mootummaan balaaleeffateera.
''Dhaabbileen akka Facebook jiraniifi okkoora babal'isuuf itti fayyadamamu, ergaa MM keenyaa haquun eenyummaa dhugaa isaa agarsiiseera,'' jedhee ibsi motummaan baase.
Dubbii himaan Metaa BBCtti akka himeetti, ''Meta biratti ergaawwan hanga seera hawaasaa keenyaa cabsanitti namoota dhuunfaa kaasee hanga kan dhaabbilee ni haqna. Eeenyuu ta'usaa hin ilaallu,'' jedhan.
Haasaa jibbiinsaa hangamiitu jira?
Dhaabbanni mirgaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal waraana Itoophiyaa tibbanaatiin wal qabatee maxxansa miidiyaalee hawaasaa ifatti okkoora kakaasanii fi gadi xiqqeessuu sabaa qaban baayyachuu akka hubate beeksiseera.
Baatii darbe keessa, Facebook keessa hojjataa kan turte Firaansiis Haageen, haalli dhaabbatichi maxxansawwan itti sadarkaa kennu, keessattuu ''eddoowwn akka Itoophiyaatti dhugaatti okkora sabaa jajjabeessaa jira'' jettee turte.
Akkasumas miidiyaalee hawaasaa kan biraa akan akka Tiwiitaraa irratti fakkeenyota maxxansawwan okkora kakaasanii turan.

Maxxansi tiwiitaraa asiin olii kun deeggartoota finciltoota Tigraayiin kan barreeffame wayita tahu, haleellaa MM Abiy irratti akka gaggeeffamu jajjabeessa waan ta'ef haguugneerra.
Akkasumas fakkeenya asiin gadii kun ammoo, akkaawuntiin fuula deeggartoota Amaaraa kan barreeffamaafi suuraasaa isaa sababiidhuma wal fakkaataaf jecha guutummaan mul'isuu hinbarbaadnedha.

"Waan na aarsu fakkeenyawwan ifa ta'an irratti tarkaanfii hin fudhatan,'' jetti Timniit Gabruu qorattuun daataa fi kan miidiyaalee hawaasaa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordoftu.
Isheenis namoota dhiheenya kana maxxansi namoota mootummaa haala akka baleeffamaniif waamichi taasisuu tokkoo akka haqamuuf duula gaggeessaa turan keessaa tokko. Isaanis maxxansichi ''duguggaa sanyii kan jajabeessuudha'' jechuun amanu.
Facebook jalqabarratti maxxansichi imaammatawaan isaa hin mormu jedhee ture, booda garuu ni haqe.
''Erga maxxansicha haqaniin boodas... akkaawunticha irratti tarkaanfii hin fudhanne'' jetti Timnit.
Gareen Neetiworki Farra Haasaa-Jibbaa ofiin jedhu tokkoos fuula Facebook mataasaa hundeessuun qabiyyeewwan fudhatama hin qabne kan adda baasuu yoo ta'u, dubbiftoonnis waan argan akka gabaasa taasisan gaafata.

BBC gamasaatiin, maxxansa facebook torbanootaaf erga tureen booda garuu erga eeruu kenneen booda seera cabsuun haqaman argeera.
Ta'us, dhaabbatichi maxxansa eeraman muraasni kana imaammata isaa cabsanii waan hin taaneef hin haqnu jedha.

Deeggartoonnii fi mormitoonni mootummaa lamaanuu kanneen faallaa isaanii cufsiisuuf jecha sirna gabaasa gochuu (in-built reporting tools) Facebook fi Tiwitara irratti fayyadamu.
Kun ammoo gara himannaawwan miidiyaan hawaasaa haala wal qixa ta'een hunda keessummeessaa hin jiru jedhutti geesse.

Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa maal jedhan?
Tiwiitariin haalaa Itoophiyaa keessaa hordofaa jiraachuu himuun, ''nageenyummaa haasaawwan tiwiitara irraa eeguuf kutannoo qabaachuu,'' beeksise.
Jalqaba baatii kanarrattis, dhaabbatichi Itoophiyaadhaa 'Trends' - kunis mata dureewwan baayyee haasa'aman kan agarsiisu, yeroodhaaf dhaabeera.,
''Tarkaanfiin kunis balaawwan haala qindaa'een okkora kakaasuu ykn miidhaa umuu ni hir'isa jennee abdanna,'' jedhe.
Ta'u garuu, akkaawuntiiwwan deeggartoota mootummaa muraasni tarkaanfiin kunis yeroo hashtag deeggarsa mootummaa itti mata dure ta'etti fudhatame jechuun komatu.

Facebook gamasaatiin waggoota lamaa oliif tarkaanfiiwwan nageenyaa irratti invasti gochuu hima. Kanaanis dandeettii ittiin qabbiyyeewwan maxxansaa jibba qabaniifi okkora kakaasan Afaan Amaaraa, Oromoo, Somaalii fi Tigriffaatiin akka ijaaramu taasisuu hima.
''Garee of kennan qabna. Isaanis kanneen afaan siirriin beekaniifi kan haala Itoophiyaa keessaa itti dhiyeenyaan hordofanidha. Kanaanis qabiyyeewwan miidhaa qabaatan maxxansuu keenya kan mirkanneessanidha,'' jedhu dubbi himaan Meta.
Haata'u malees, Facebook qabiyyee afaanoota kanneenii kana hordofuudhaaf namoota meeqa akka mindeesse ifa hingoone.
Qabiyyeewwan hedduun hin ilaalaman jedhu Mulaatuu Ayaaleewu Yunvarsitii Finfinnee irraa.
Akka inni jedhuutti ''beekamee ykn osoo hin beekamiin, maxxansi Amaariiffaan alatti afaanoota garaa garaatiin barraa'aan gabaafamuufi haqamuuf baayyee hin saaxilaman,'' jedha.
Kanaafuu akka waan fuuloonni Afaan Amaaraatiin maxxanfama irratti xiyyeeffatameetti akka itti dhagahamu hima.

Madda suuraa, Getty Images
Facebook gama isaatiin meeshaalee teknooloojii dhimma kana adda baasaniitti fayyadamuun maxxansawwan Afaan Oromoo fi Amaariiffaa battalatti adda baasuu akka danda'u gochuu himeera.
Dhaabbati Caamsaa fi Onkolooleessa 2021 jidduutti qofaa maxxansawwan facebook fi Instaagraama irratti Itoophiyaa keessaa maxxanfaman 92,000 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiise.
"Isaan keessaa kanneen harka 98 osoo namootaan eeruun hinkennamiin dura kan haqamaniidha,'' jedhe.

















