Jeefrii Feeltimaan kaayyoon MM finciltoota Amaaraafi Affaarii baasuudha jedhan

Ergamaa addaa US kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Jeefrii Feeltimaan marii MM Abiy Ahimad waliin taasisaniin, kaayyoon isaa finciltoota Amaaraafi Affaaar keessaa baasuu akka tahe hubachuusaanii himan.

Ambaasaaddar Feeltimaan kana kan jedhan erga dowwannaa Itoophiyaatti taasisan xumuruun biyyatti deebi'uun ibsa Kibxata kennaniin ture.

Ambaasaaddarichi gareewwan waraanicha keessatti hirmaatan garaagarummaa isaanii mariin akka furan kan dandeessisu jalqabbiin abdii kennuu jira jedhan.

Haata'u malee qaamooleen lamaanuu yaalii dippilomaasiitiin gara marii akka galanii yaaliin taasifames, haalota atattammaan jijjiramaniin gufatu yaaddoo jedhu qabaachuu himan.

''Ifa ta'uun barbaada. Mariin walitti bu'iinsi dhaabbatee walgahii dhukaasa dhaabuu irra geessisuu dandeessisu jira,'' jechuun, MM kaayyoonsaanii inni guddaan eddoowwan finciltootaan qabamanii jiran keessaa baasuu natti himan jedhu Aabba Feeltimaan.

''Kaayyoo kana ni qooddanna'' kan jedhan Feeltimaan, ''gama biraatiin ammoo humni ittisaa Tigaraayiifi hoggantoonni TPLF dubbifne, dhorkaa deeggarsa namoomaa mootummaan Itoophiyaa karaa ifa hintaaneen baatii Adooleessa irraa eegalee kaa'e kaasuun kaayyoo keenya jedhan. Kanas ni deeggarra,'' jedhan.

Ambaasaaddar Feeltimaan akka jedhanitti ergamaan addaa Gamtaa Afriikaa Oliseegun Obaasaanjoo, mootummaa federaalaa fi humnootii TPLF akkasumas dippilomaatootaafi dureewwan birootiif ergaa walfakkaataa dabarsaniiru.

Feeltimaan ibsa Kibxata kennan kanaan, dhimmi bu'uuraa kaayyoowwan lamaanuu milkaa'uu ni danda'u jedhu. ''Kutannoon siyaasaa yoo jiraate, lamaanuu milkeessuun ni danda'ama. Haata'uutii garuu gareewwan lamaanuu karaa waraanaatiin galmaan gahuu yaalaa jiru. Lamaanuu mo'achaa jiraachuu amanu,'' jedhan.

Ambaasaaddarichi waraanni waggaa tokko lakkoofsiise kunis badiinsa qabeenyaafi namoomaa olaanaa qaqqabsiisuu kaasuun, waraana kanaan filmaanni waraanaa furmaata akka hintaane dubbatan.

Feeltimaan mootummaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa irratti gufuu ta'usaa kaasuun, tarkaanfiin deebiisanii haleeluu dhaabbachuu qabaata akkasumas humnootiin Tigraayis imala gara Finfinneetti gochaa jiraa dhaabuu qabaatu jedhan.

''Waraanichaaf furmaata kennuuf kaayyoon jalqabaa fi dhumaa akkasumas qofti, deeggarsa dippilomaasii kennuudha. Garee kamuu ni deeggarra. Oduun garee tokkoof looguu jedhu soba.''

Biyyoonni olaa Itoophiyaa, Gamtaan Afriikaa, dhaabbileen UN fi idil-addunyaa garaagarummaa jiru karaa dippilomaasiitiin furuuf yeroon badu hinjiru kan jedhuun waliigalu jedhan Feeltimaan.

Feeltimaan marii MM Abiy waliin taasisaniin karaa waraanaa irraa karaa mariitiin kaayyoosaanii fiixaan baafachuu akka danda'an akka itti himan dubbatan.

''Humnoota Tigraay dhiibuun gara kaabaatti deebisuun akka danda'amu amanu. Kanarratti garuu gaaffiin qaba. Dhuma Waxabajjiitti yeroo raayyaan ittisa biyyaa Tigraay gadhiisee bahee booda kaartaa yoon ilaalu, dhimma kanarratti shakkii natti uumeera,'' jedhan.

Humnootiin Tigraay loltoota gara Tigraayitti deebisuuf filmaata jedhurratti aarsaan olaanaa ta'uu kaasuun, adeemsi dippilomaasii maal fakkaachuu akka danda'u MM waliin bal'inaan mari'achusaanii jajjabeeessaa ta'uu himan Feeltimaan.

Feeltimaan turtiisaanii Gaanfa Afriikaatiin aanga'oota Itoophiyaatiin alatti hooggantoota TPLF Keenyaatti waliin dubbachuu ibsan.

Ambaasaaddarichi hooggantoota TPLF garaa garaa waliin marii taasisaniin, Finfinnee seenuun TPLF fi biyyattii guutuuf balaa ta'uusaa hubachuun Finfinnee galuuf fedhii akka hinqabne itti himuu kaasan.

Haata'u malee dhorkaa mootummaan Tigraay irra kaa'eera jedhan akka kaasuuf fedhii akka qabaniif Feeltimaan himaniiru.