Waraana Tigraay: Hayilee Gabrasillaasee dabalatee namoonni beekamoon kaan adda waraanaatti duuluuf

Atileet Hayilee Gabrasillaasee fi Atileet Fayyisaa Leellisaa

Madda suuraa, Getty Images

Atileetii Itoophiyaa dirree dorgommii Olimpikiirratti beekamu Haayilee Gabrasillaaseefi Fayyiisaa Leelliisaa fa'i dabalatee namoonni bebbeekamoon kaaniis, waraana kaaba Itoophiyaan dirree waraanaatti duuluuf karoora akka himuutii gabaafame.

Hayileen duula akka deemu kan beeksise, Ministirri Muummee Abiy Ahimad waraana finciltoota naannoo Tigiraay TPLF irratti duulutti dhaqanii akka itti dabalaman beeksisuu hordofee guyyaa tokko booda ture.

Ibsi isaanii kunis erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Wiixataa gara adda waraanaatti bobba'uun waraana imaluun raayyaa ittisa biyyaaf ajaja akka kennan beeksiisanii booda.

Finciltoonni Tigraay gama isaanitiin karaa Walloottiin gara magaalaa guddiitti biyyattiitti ilamaa jiruu himunisaani ni yaadatama.

Garmaniifi Faransaayis biyyoota kanneen dhiyeenya sababii waraaa kaaba biyyattiitti gaggeeffamuun wal qabatee lammiileensaanii akka Itoophiyaa keessaa bahaniif gorsaniidha.

Guyyaa Kibtaxaa Ergamaan Addaa US Jeefrii Feeltimaan wanti lafarratti ta'aa jiruu yaaliiwwan dippilomaasii waraanicha dhaabuuf taasifamuu danquu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

Hayileen akkas jedhe: ''Adda waraanaatti hiriiruu dabalatee, duula jiraachuufi jiraachuu dhiisuu duulamurratti waan narraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha.''

''Itoophiyaa jennee injifatamnee hin beeknu, Itoophiyaan yeroo hundumaa injifatti,’’ jechuun Hayileen miidiyaa biyya keessaaf hime.

Hayilee gaheessi waggaa 48, waamicha MM Abiy fudhachuun gara adda waraanaatti duuluuf murteessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

''Waan narraa eegamu hunda, gara adda waraanaatti duuluu dabalatee, gochuuf qophiidha,'' jedhe.

Haayileen dorgommiiwwan ispoortii keessaa bara 2015 irraa kaasee soorama bahuunsaa ni yaadatama.

Fayyiisaa Leelliisaa

Madda suuraa, AFP

Haaluma walfakkaatuun, fageenya dheeraa fiiguun kan beekamu atileet Fayyisaa Leellisaa kan umuriin waggaa 31s duula kanatti dabalamuuf qophii ta'uu beeksiisuutu Fanaatu gabaase.

Atileet Fayyisaa Leellisaa Olimpikii Riyootti bara 2016 gubbaatti harka isaa walirra qaxxaamursuun, akkaataa mootummaan uummata Oromoo miidhe mormuun beekamtii guddaa argates duula kanatti makameera.

Kanaafuu ammas gara adda waraanaatti bobba'uun ''biiya kiyyaa oolchuuf'' nan duula jechuutu gabaafame.

Akkasumas hooggantoonni paartilee mormituus murtoo MM Abiy hordofee adda waraanaatti duuluuf qophaa'aa jiru.

Kanneen keessaas qondaalli paartii ABIN fi miseensi paarlaamaa Obboo Kiristiyaan Taaddala, akkasumas qondaalli IZEMA Aadde Gannat Arraagee, waraanaaf duuluuf kanneen murteessan keessaati.

Wayita lolli hammaatee fi finciltoonni TPLF gara magaalaa Finfinneetti qajeelaa jiraachuu beeksisaa jiran kanatti, namoonni bebbeekamoon biroos duula kanatti akka dabalaman himaa jiru.

Jaarsummaan Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa Oluseguun Obaasaanjoon durfamu bu’aa guddaa ta’e hin fidne.

Ibsa Kibxata kennaniin Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Jeefri Feeltimaan, adeemsi karaa dippiloomaasii waraanicha goolabuu waraanni hammaachuu isaatiin gufachuu himaniiru.

TPLF paartii waggoota 27'f motummaa itoophiyaa keessatti olaantummaa qabaataa turedha. Haata'u malee erga mormii cimaan keessattu dargaggoota Oromootiin, booda keessaa gama Amaaraatiin itti cimeen booda aangoorraa buufamuun, booda MM Abiya bara 2018tti aangoo qabatan.

Isaan booda TPLF gara naannoo isaaniitti deebii'uun erga waldhabdeen isaaniifi morummaa federaalaa jidduutti umameen booda Sadaasa 2020 gara waraanaatti seename.

Waraanichis badii namoomaa olaanaa qaqabsiisuun, kummaatan lubbuusaanii akka itti dhaban, kanneen miiliyoonotaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaasnii buqqa'aniiru.

Kana malees namoonni kummaatamni hedduun beelaaf saaxilamuu dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa ni himu.