Dhalattoonni Itoophiyaa 'giddu-seentummaa' mormuun biyyoota alaatti hiriira bahan

Hiriira UKtti godhame

Madda suuraa, Ethiopian Digest

Dhalattoonni Itoophiyaa magaalota biyyoota alaa garagaraa keessa jiran waraana Tigraayin walqabatee ''giddu-seentummaa biyyoota Lixaa'' mormuun hiriira guddaa gaggeessan.

Teessoo mootuummaa Ameerikaa ka taate Waashingitan DCtti dabalatee, magaalota kaanittis dhalattoonni Itoophiyaa, Ertiraa fi kaan kumaatamatti lakka'aman hiriira kanarratti hirmaataniiru.

Hiriira Waayit Haawus duratti gaggeeffameen, hiriirtonni Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa gariin ''giddu-seentummaa fi dhiibbaa mootummaa Itoophiyaarra taasisan'' jedhan akka dhaabana gaafataniiru.

Ameerikaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Fitsum Araggaa guyyichi ''guyyaa seena-qabeessa'' ture jechuun ibsan.

Akka ambaasaaddar Fitsumitti lammiileen kuma kudhaniin lakka'aman magaalota addunyaa 27 taha keessa hiriira bahaniiru.

Israa'el, Ingiliiz, Afrikaa Kibbaa fi kaanis dabalatee hiriirtonni hedduun daandii gubbaa bahuun sagalee dhageessisan.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

Waraanni Tigraay Sadaasa bara dabre keessa eegalee amma gara naannolee ollaatti babal'ate, erga eegalee ganna tokko ol lakkoofsiseera.

Mootummaan Itoophiyaa lola kanaan dhimma keessoo biyyaafi qaama seera kabachiisuuti kan jedhu yeroo tahu, Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa kaan dhimma keessoo keessa seenuun dhiibbaa taasisu jechuun komata.

Kana malees miidiyaaleen idil-addunyaa biyyoota alaa haalli waraana kana itti gabaasani sirrii kan hin taaneefi finciltoota TPLF'f kan loogudha jechuunis irra deddeebiin kaasa.

Kanneen hiriira magaalota garagaraa keessatti hirmaatanis, dhimmoota kanneen irra deddeebiin kaasanii morman.

Keessattuu dhaadannoo #NoMore yookaan 'Ni gaha' yaada jedhuun marsaalee hawaasaa gubbaa dabalatee duula bal'aa taasisaa jiru.

Dhaadannoo hiriirtonni dhageessisaa turan keessaa: kanneen TPLF balaaleeffatan, deeggarsa MM Abiy Ahimad'f qaban kan itti agarsiisaniifi miidiyaalee idil-addunyaa kan itti balaaleeffatan ture.

line

Lakkoofsi namoota waraana Kaaba Itoophiyaan lubbuusaanii dhabanii sirriin beekamu baatus, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle dhaabbileen idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu.

UN akka jedhutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti namoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsi namoomaa hatattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen walakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.

Gama kaaniin hawaasni idil-addunyaa qaamoleen walwaraanan hundi gara marii dhukaasa dhaabuutti akka seenan gaafachaa jiru.

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinkeen torban dabre keessa Naayiroobiitti miidiyaaleef ibsa yoo kennan: ''Qaamoleen hundi of duuba akka deebi'an, WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna. Qaamoleen hundi walitti dhufanii waraana dhabuuf mariin eegalamuu arguu feena,'' jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa waraana kanaaf fala karaa nagaa soquuf fedha akka qabu ibsee, kun ta'uuf garuu hidhattootni TPLF nnaannolee Affaariifi Amaaraa keessaa bahuu, haleellaa raawwachuu dhaabuufi mootummaa federaalaaf beekamtii akka kennuu qabu beeksiseera.

Gama kaaniin hoogganootni TPLF marii dhukaasa dhaabuu gochuuf haaldureewwan akka ulaa deeggarsa namoomaa banuu, danqaa deeggarsarratti kaahame kaasuu, tajaajila hawaasaa naannicha keessatti ugguraman deebisanii banuu fi kaanis akka haaldureetti kaahaniiru.