Piroofeesaroonni seeraa Yunivarsitii Finfinnee beekamoon lama poolisiin to'ataman

Tumsaa Pirofessaraa Asaffaa Fisahaa fi Tumsaa Pirofesaraa Mahaarii Radaa'ii

Madda suuraa, Facebook/The Reporter

Ibsa waa'ee suuraa, Bitaa gara mirgaa: Asaffaa Fissahaa fi Mahaarii Radaa'ii

Piroofeesaroonni Yunivarsitii Finfinneetti Barnoota Seeraafi Qo'annoo barsiisuun beekamoo ta'an: Tumsaa Pirofeesaraa Asaffaa Fissahaa fi Tumsaa Pirofeesaraa Mahaarii Radaa'ii to'annoo jala oolfamuu BBCn maddeen amanamoo irraa mirkaneeffate.

Tumsaa Pirofeesaraa Asaffaa Fissahaa yunivarsitichatti damee barnoota heera mootummaatiin gumaata olaanaa kan taasisan yoo ta'u, Tumsaa Pirofeesaraa Mahaarii Radaa'ii ammoo ogeessa damee seera hojjataafi hojjachiisaatiin beekamtii argataniidha.

Hayyoonni kunneen lamaanuu to'annoo jala kan oolfaman labsii yeroo muddamaatiin wal qabatee ta'uu maddeen dabaluun ibsaniiru. Tumsaan Pirofeesaraa Mahaariin guyyoota muraasaan dura guyyaa tokkoof hidhamanii akka gadhiifamaniifi amma yeroo lammaffaa to'atamutu maddeen BBCn dubbise kan himan.

Namni maatii hidhamtootaatti dhiheenya qabaniifi maqaansaanii akka hineeramne gaafatan BBC'n dubbise kunneen, barsiiftoonni Yunivarsitii Finfinnee lamaanuu to'atamuu isaanii mirkaneessaniiru.

Diinii Kutaa Barnoota Seeraa Yunivarsitii Finfinnee kan ta'an Biruuk Haayilee (Dr) haala barsiisonni kunneen irratti argaman irratti gaafatamanii, ''reefuun isin irraa dhagaha. Hanga ammaatti waanan beeku hin jiru,'' jechuun deebii kennan.

Kanaan booda waa'ee barsiiftoota kanneen kan hordofan yoo ta'e gaaffii dhiyaateefis: ''Sadarkaa kanatti kana jechuu hindanda'u. Qaama dhimmisaa ilaallatu malee ani kana hinbeeku'' jechuun deebii kennan.

Dubbi-himaan Poolisii Magaalaa Finfinnee Faasikaawu Fantaa waa'ee namoota to'ataman jedhaman kanneen irratti ammatti ragaa akka hinqabneefi qulqulleessuun deebii akka kennan BBCtti himan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaatiin walqabatee haalli itti namoonni to'annoo jala oolfamaa jiraniifi haalli qabinsa hidhamtootaa xiyyeeffannaa atattamaa akka barbaadu tibbana beeksisuun isaa ni yaadatama.

Komishinichi erga labsiin kun baheen booda baay'ina namoota to'atamanii sirriin beekuu baatulleen, Finfinnee kutaa magaalaa Qiirqoos qofaatti labsichaan walqabatee namoonni 714 to'atamuu himerea.

Ibsa magaalaa Finfinnee qofaatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman hinto'atamin akka hin hafne ittiin beeksise kanaanis, magaalaa Dirree Dawaatti ammoo namoonni 300 hidhamuu himeera.

Namoonni muraasni ragaa qaamoolee nageenyaa dhimmisaa ilaallatuun kan to'ataman yoo ta'u, hidhamtoonni irra caalaan garuu eeruu hawaasarraa argame jedhameen to'annaa jala oolfamuufi kanneen hidhaman keessaa garri caalan dhalattoota Tigraay ta'uu komishinichi ibseera.

Kana malees namoonni buufataalee tokko tokkotti to'ataman dhalatootta Tigraay akka hintaane agarsiisuun hidhaadhaa yoo gadhiifaman ogeeyyiin komishinichaa arguu ibsichaan kaaseera.

Komishinichi jaarrolee umuriin waggaa 80 ta'u dabalatee, dubartoonni harma hoosisan, kanneen dhukkuba sammuu qaban; akkasumas kanneen hordoffii wallaansa fayyaa akka barbaachisu himamuuf dabalatee to'annaa jala oolfamuu adda baaseera jedha.

Eejansiin Mirga namoomaa UN gabaasa baaseen, labsii yeroo muddamaa hordofee yoo xinnaate namoonni 1,000 tahaniifi baayyeen isaanii dhalattoota Tigraay kan ta'an hidhamuu ibseera.

Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa UN akka jedhaniitti: ''torban darbe keessa yoo xinnaate namoonni kuma tokko ykn isaa ol hidhamaniiru jedhamee tilmaamama. Gabaasaaleen tokko tokko lakkoofsa kanaa ol tahe waamu,'' jedhan.