Waraana Tigraay: Pirezidant Saahilawarq gabaasa MM Abiy waliin waldhabdee qabu jedhu balaaleeffatan

MM Abiy Ahimadiifi Pirezidant Saahilawarq Zawudee

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Saahilawarq Zawudee erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii booda ture aangoo isaan amma jiranitti kan dhufan

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee gabaasa dhimma waraana Itoophiyaa keessa adeemaa jiru irratti MM Abiy waliin waldhabdee qabu jedhu balaaleeffatan.

Barruun The African Report jedhamu maxxansa isaa Afaan Ingiliziifi Afaan Faransaayiin gaara Kibxataa baasen ture hogganoonni lamaan waraana adeemaa jiruurratti waldhabdee akka qaban kan akeeke.

Gabaasa isaa kanaafis maddi eeree hin turre.

Gabaasichi dippilomatiin gameettiin Itoophiyaa ''imaammata waraanaa MM Abiy nan mormas hin jenne hin tumsinees,'' jechuun ibseera.

Dhimma kana irratti Afaan sadiin deebii kan kennan pirezidant Saahilawarq gaazexeessaa gabaasa kana dalage akka arganii hin beekne himan, qabiyyee isaas morman.

Abbaan gabaasa kana barreesse Francois Soudan gulaalaa olaanaa barruu Jeune Afrique, barruu The African Report damee Afaan Faransaayidha.

''Odichi har'a [Kibxata] gadhiifamuun akka tasaa waan ta'e natti hin fakkaatu. Kuni hogganoota gidduu waldhabdeen akka jiru agarsiisuuf yaalii taasifamedha,'' jedhan Pirezidant Saahilawarq.

MM Abiy gaafa Kibxataa gara adda waraanaa deemuun waraana biyyattii finciltoota Tigraay waliin waggaa tokkoof lolaa ture qaamaan argamanii akka hoogganan gaafa Wiixataa himaniiru.

Guyyaa Roobii Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa kenneen MM Abiy lafa waraanaa akka jiran ibseera.

Bakka isaaniis MM I/Aanaa fi Ministira Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniin hojii idilee mootummaa bakka bu'anii dalagaa akka jiran Dubbii Himaan mootummaa Dr Laggasaa Tulluu miidiyaaleef himaniiru.

''Akkuma namoota hundaa lapheen koo cabeera. Waraanni wal waliinii akkaan hamaadha,'' jedhaniiru Aadde Saahilawarq haala biyya keessa jiru akka hubatan ibsuun.

Itoophiyaa keessatti Pirezidantiin biyyaa aangoo cimaa hin qabu.

''Itoophiyaan haala hamaa jirtu keessaa bahuuf yeroo kamuu caalaa ijoollee ishee hunda feeti. Mootummaa kan hoogganan MM Abiy waan ta'aniif kallattii isaan kaa'an fudhannee waan beeknuun, waan hojjenneeniifi ogummaa keenyaan tattaaffii taasisaa jirra,'' jedhan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaan akka furamu biyyoonniifi dhaabbileen carraaqaa turaniiru. Ta'us, ammatti waan barbaadame hin fidne.

Pirezidantiin Itoophiyaa erga MM Abiy aangootti dhufanii as Pirezidantii ta'an kuni ibsa baasaniin MM Abiy Ahimad waliin ejjennoo wal fakkaataa akka qaban akeekaniiru.

Waraana adeemaa jiru karaa nagaan furuuf tattaaffii adeemsifamaa jiru hordofee Pirezidant Saahilawarq haaldureen mootummaan kaa'e akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

''Waldhabdee furuu keessatti furmaatni karaa nagaad dhimma yeroo hunda jirudha. Hangasuma immoo osoo hin fedhiin waraana seenuun akka jiru dagatamuu hin qabu,'' jechuun mootummaan dirqamee seenuu akeekan.

Waraanni Sadaasa 04, 2020 haleellaa buufata raayyaa ittisaa kan kaaba biyyattiitti buufatee turerratti raawwateen hordofee eegalee ammallee xumura hin arganne.

Waxabajjii darbee keessa mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee labsuun erga naannoo Tigraay keessaa baheen booda, finciltoonni TPLF gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaar keessa galuun to'annaa babal'ifataniiru.

Sababii waraana kanaatiin rakkoo namoomaa naannoo Tigraay keessatti mudateen alatti, naannoolee lama keessatti namoonni miliyoonootaan lakkaa'amn bakka jireenyaa isaanii buqqa'uun gargaarsa eeggachuuf dirqamaniiru.

Akka UN ibsetti yeroo ammaa lammiileen miiliyoona 7 caalaniifi naannolee sadii keessa jiran deeggarsa nyaataa barbaadu.