Pireezidantiin haaraa Itoophiyaa Ambaasaaddar Saahileworqi Zawudee eenyu?

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Bara 1950 magaalaa Finfinneetti dhalatan Aadde Saahilaworqi Zawudee. Amma haadha ijoollee dhiiraa lamaati.
Aangoo sadarkaa idil addunyaa garagaraa qabatanii tajaajilaa turan.
Gamtaa Afriikaatti bakka buutuu addaa barreessaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii -Antooniyoo Gutereez ta'anii hojjetaniiru.
Bareessaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Gamtaa Afriikaatti waajjira Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hoogganaa turan. Aangoo akkanaa qabachuun dubartii jalqabaati.
Bara 2011 Daayirektara Olaantuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan waajjira Naayiroobii ta'anii muudamaniiru.
Waggoota 30 oliif muuxannoo hojii akka biyyaalessaatti, baha Afriikaa fi addunyaatti kuufataniiru.
Gama nageenya eegsisuutiin hariiroon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaa akka cimu hojjetaniiru.
Bakka buutuu addaa fi hooggantuu waajjira nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtooamanii kan Rippaabilika Giddu galeessa Afriikaa ta'anii hojjetaniiru.
Gamtaa Afriikaa fi Komishinii diinagdee Afriikaa kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka buutuu Itoophiyaa akkasumas Ministeera dhimma alaa Itoophiyaatti daarektara olaantuu dhimmoota afriikaa ta'aniis hojjetaniiru.
Firaansitti Ambaasaaddara Itoophiyaa, UNESCOtti bakka buutuu Itoophiyaa, ta'uunis hojjetaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 1993-2002tti Jibuutiitti Ambaasaaddara Itoophiyaa, IGADitti bakka buutuu Itoophiyaa, akkasumas Senegaal darbaniis Maalii, Cape Verde, Giinii Bisaawoo, Gaambiyaa fi Giiniitti hojjetaniiru.
Baankii Misoomaa Afriikaatti Itoophiyaa bakka bu'anii tajaajilaniiru.
Bara 2013 fi 2017 filannoo Keenyaa keessatti geggeeffame gargaaruun akka nagaa qabaatu hojjetaniiru.
Niigeer keessatti yeroo sadi filannoo geggeeffame taajjabdummaan tajaajilaniiru.
Yuuniversitii Montpellier kan biyya Firaansitti Saayinsii kan baratan ambaasaaddar Sahilaworqi, Afaan Amaaraa, Fireenchi fi Afaan Ingilizii ni dubbatu.
Aangoon pireezidantii Itoophiyaa maali?
Akka heera mootummaa Itoophiyaatti Pirezidaantiin Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa duree biyyaati.
Heera mootummaa Keewwata 70 jalatti Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa pirezidaantummaaf kaadhimamaa dhiyeessuu danda'a.
Kaadhimamaan dhiyaate yoo harka 2/3ffaa walga'ii waliinii manneen maree bakka bu'oota uummataa fi federeeshinii waliin taa'an irratti argate ni filatama.
Manneen maree lameen keessaayuu kan filataman yoo ta'e teessoo bakka bu'ummaasaanii dhiisanii ba'u.
Yeroon turtii pirezidaantummaa waggaa 6 yoo ta'u, namni tokko marsaa lamaa ol filatamuu hin danda'u.
Namni pirezidaantii ta'ee filatamu aangoo qabachuun dura manneen maree lameen fuulduratti waadaa gala.
Yaa'ii waliinii manneen maree Bakka bu'oota Uummataa fi Federeeshinii kan waggaa haasawaan kan banu pirezidaantiidha.
Pireezidantiin biyyattii seerota 'Negarit Gazexaa' fi Seerota idil addunyaa Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa akkaataa heera mootummaatiin mirkaneesse ni labsa.
Akkaataa Ministirri Muummee dhiyeessuun Ambaasaaddaroota biyyoota adda addaatti ni ramada.
Ambasaaddaroota biyyoota alaa fi bakka buutota biyyootaa ni simata.
Akkaataa hojimaata seera biyyattiitiin badhaasota adda addaa ni kenna.
Akkaataa Ministira Muummee irraa dhiyaatee fi adeemsa seeraasaa eeggateen gulantaalee humna waraanaa olaanoo ta'an ni kenna.
Akkaataa adeemsa seeraa hordofeen dhiifama ni taasisa.














