Muudama dubartootaa: hanna balaaleffachuufi madaallii hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabaata

Ibsa waa'ee viidiyoo, ''Dubartiin yoomiyyuu mana ofii hin hattu'': jiraattota Finfinnee

Muudamni ministiroota dubartootaa hanna balaaleffachuu, madaallii hawaasaa eeguu fi hanna ittisuurratti gahee olaanaa qabaata jedhu jiraattoonni BBC'n dubbise.

Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta'an Obbo Mahaammad Gammachuu, muudamni tibbanaa kan umurii fi korniyaa xiyyeeffannaa keessa galchee ture jedhu. Kunis keessatti dubartoota walakkaa hawaasaa ta'an gara taayitaa akkanaatti ol fiduun hawaasa, dinagdee fi siyaasa biyyaa keessatti hiikaa addaa qabaatas jedhaniiru.

''Dubartoonni walakkaa hawaasaa ta'an biyya bulchuu keessatti gaheesaanii bahuu qabu. Gaheesaanii irraa eegamu bahuuf ammoo taayiitaan kennamuufiin murtessaadha'' jedhadhu Obbo Mohammad.

Akkasumas madaalli hawaasaa gara maraan eeguuf dubartoonni gahee olaanaa akka taphachuu danda'an amantaa qabaachus himaniiru. Kanaafis fakkeenya yoo caqasan, dubartiin utubaa maatii taatee yoom iyyu mana ofii hin hattu.

Hanna ni balaaleffatti warra kaanifis hinhayyamtu, sababii akka waan golli ishee hatamtuutti hattootaafis hin hayyamtu, jedhu amantaa oggansa dubartotaaf qaban yoo ibsan.

Hanni biyyattii qucarsaa jiru kunis karaa maallaqaa, yeroo hojii kabaju dhiisuu ykn karaa qisaasamaatiin ta'u mala kan jedhan Obbo Mohaamad, dubartoonni gama kana ittisuutiin sirriitti hojjatu jedhanii yaadu.

Amanamummaa fi ittigaafatamummaan dubartoonni haalaan baha ammoo hawaasa biratti amantummaa cimsuuf illeen biyyattii deeggaru jedhanii yaadu.

Akka Obbo Mahaammadiitti, aangoo 10 amma dubartootaaf kenname malee haala sirriin kan biyya bulchan taanaan aangoo hunda yoo dhunfatan illeen jibba hinqaban.

Garuu sadarkaa sanarra gahuuf ammoo carraa amma argataniitti haalaan fayyadamuun barbaachisaa ta'u saas himaniiru.

Kan malee hojiitti cimanii hojjachuun kan dubartootaan dorgomu hinjiru waan ta'eef, oggansa amma kennameefiin cimanii ni hojjatu jedha.

Kana durayyuu oggansi biyya bulchaa ture haalaan kan hinsirratiin waan hirmaannaan dubartootaa baayyee hintureefiidha ammantaa jedhu qabu Obbo Mohaammad.

Halwiyaa Kadiir gama isheen kana ''dura dubartoonni beekanis ta'ee wallaalan eddoon nuuf kennamaa ture amma geedaramee mudama kana argu kiyyaatti baayen gamade'' jettee jirti.

Haawaasa kana dura dubartiin hanga barbaadee beektu hanga dhiiraa waan beetu itti hinfakkaanee keessatti haala dhiiraan walqixa ta'een aangoo ministirumaatiif mudamunsaanii akka dubartiitti ishee gammachisu himee jirti.

'Yaalanii dadhabuun kanuma jiru...'

''Yaalanii dadhabuun kanuma jiru yoo ta'u, osoo carraa illeen hinkeniin dubartii hin dandeessu nuu jechaa turaniiru. Amma garuu kun tarkaanfii gaariidha. Dubartiin malaamaltummaa hinhojjatuu'' jettee jirti.

Jiraattu magaala Finfinnee kan taate Gaaddisee Takkaalinyi Gobaanaa gama isheetiin, mudama dubartootaatti gammaduun aangoo itti kennamees dubartoonni gahumsaa akka baha amantaa qabdu ibsitee jirti.

Keessattu malaamaltummaa biyyattii duubatti harkisaa ture furuuf mudamni dubartootaa gummaacha olaanaa qabaatas jettee jirti. Rakkoon malaamaltummaa hiikame jechuun ammoo biyyattiin hanga tokkoo gara fuuladuraatti sochotii jechuudhas jette jirti.