UN waraanni Itoophiyaa hatattamaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeesse

Barreessaa ol-aanaan UN Antooniyoo Guutereez

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez waraanni Itoophiyaa hatattamaan dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiyeessan.

Aab Guutereez waliigaltee nageenyaa ‘Revolutionary Armed Forces of Colombia’ (FARC) wajjin mallatteeffame ganna shanaffaa isaa yaadachuuf Kolombiyaa dawwaachaa kan jiran yoo ta’u, Mootummaan Itoophiyaas fakkeenya kana hordofuu akka qabu gaafatan.

‘’Adeemsi nageenyaa as Kolombiyaa keessa jiru waan na hawwateef, qaamoleen waraana Itoophiyaa keessaatti adeemaa jiru deeggaran haalduree tokko malee saffisaan dhukaasa dhaabanii biyyattii akka badiirra baraaran waamichan dhiyeessa,’’jedhan.

Aab Guutereez dhukaasa dhaabuun ’’rakkina jiru furuuf mariin akka jalqabamu kan haala mijeessuu fi Itoophiyaan tasgabbii naannichaaf gumaachutti akka deebitu taasisa,’’jedhan.

Waamichi Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii taasisan kun kan dhaga’ame, wayita Ameerikaan waraana kanaaf’’ furmaanni karaa waraanaa hin jiru’’ jechuun, akeekkachisaa jirtuttidha.

Dubbi-himaan haajaa alaa Ameerikaa ’’lola kanaaf dippoloomasiin filannoo jalqabaafi isa xumuraati’’jedhan.

Kun kan ibsame MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dirree waraanaa, iddoo loltoonni mootummaa finciltoota TPLF waliin lolaa jiranitti duuluun achii hoggansa kennnuuf murteessuu hordofeetu.

Finciltooti TPLF Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin ta'uun ammas gara magaalaa Finfineetti imalaa jiraachu himan.

Waraanni Itoophiyaatti ganna tokkoo ol lakkoofsise kun rakkoolee namoomaa hordofsiisun, namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman Kaaba biyyattii keessatti haala beela fakkaatu keessa akka jiran gumaache.

Waraana kana keessatti namoonni kumaatamatti lakkaa’aman ajjeefamuun, kanneen miliyoonatti lakkaa’aman immoo qe’eerra buqqa’aaniru.