Daangaa Itiyoo - Sudaan: Itoophiyaan finciltoota Tigraay Sudaanii ce'an malee loltoota Sudaan hin haleelle jette

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa daangaa biyyattii Sudaan waliin daangessu irratti finciltoota Tigraay lo'anii seenan rukute malee loltoota Sudaan irratti haleellaa hin banne jechuun hime.
Waraanni Sudaan ibsa gaafa Sambata darbe baaseen ture waraanni Itoophiyaa fi milishaan waliin ta'un daangaa irratti loltoota kiyya irratti haleellaa raawwatanii miidhaa geessisani jechuun ibseera.
Dhimma kana irratti deebii kan kennan Ministirri Di'eetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawwit Kaasaa gama Sudaaniin irra deddebbiin finciltoonni Tigraay gara Itoophiyaa seenuuf ni carraaqu jedhan.
''Gidduu kana gareen humna badii kanaa karaa Sudaaniin seenan osoo badii raawwachuuf yaalanii mootummaan qaamolee kana irratti tarkaanfii fudhachuun ni beekama,'' jedhan.
''Loltoota Sudaan irratti haleellaan raawwateera jedhanii miidiyaaleen tokko tokko inni gabaasaniis dogongoradha,'' jechuun himan. Ibsa Itoophiyaa kana booda gama Sudaaniin deebiin kenname hjin jiru.
Hariiroon Sudaan waliin qabnu cimaadha kan jette Itoophiyaan rakkoon daangaa biyyoota lamaan gidduu jiru karaa nagaan akka furamu akka feetu ibsiteetti.
Sudaan waraana biyyattii irratti haleellaan banamuu ibsituus kanneen lubbuu dhaban lakkoofsaan hin himne ture. Ta'us boodarra miseensonni waraanaa isaa jaha ajjeefamuu Rooyitars madda waraanaa biyyattii eeruun gabaaseera.
Ta'us gabaasaaleen kaan kanneen du'an lamadha jedhu.
Erga Itoophiyaan finciltota malee loltoota Sudaan hin rukunne jettee wanti ifatti mudate maal akka ta'e qaama walabaarraa mirkaneeffachuun rakkisaa ta'eera.
Itaamaazhor Shumiin waraana Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Juulaa miidiyaa buufata isaa US godhate waliin wayita dubbatan Itoophiyaan sababa Sudaan irratti lola bantuuf hin qabdu jedhaniiru.
Kana dura Itoophiyaan Sudaan finciltoota Tigraayiif dahoo kennite, hidha Abbayyaa danquuf hojjetti jechuun ni himatti.
Baatii Fulbaana darbes Sudaan waraanni Itoophiyaa daangaa cabsee natti seene jechuun himattee turte. Mootummaan Itoophiyaa garuu himannaa kana hin fudhanne.
Waggoota dheeraaf qonnaan bultoonni Itoophiyaa lafa qonnaaf mijatuufi Al - Fashagaa jedhamu qotataa turan. Lafti kun garuu kiyya jechuun Sudaan ni himti.
Waggaa tokko dura waraanni Tigraay keessatti yeroo jalqabee ture waraanni Itoophiyaa lafa kana gadhiisuun lolaaf socho'uu hordofeeti waraanni Sudaan bakkicha kan qabate.
Hariiroon biyyoota lamaanii keessumaa erga Itoophiyaan Hidha Abbayyaa bishaan guutteefi muddamni daangaa gubbaa dhalatee as hammaateera.
Waraanni Sudaan maal jedhe?
Waraanni Sudaan ibsa baasen ''waraanni Itoophiyaafi milishaan Al - Fashaga Al - Sughraatti waraana Sudaan irratti haleellaa banuun ajjeechaan raawwateera,'' jedhe.
''Humnoonni keenya haleellaa kana ofirraa qolataniiru, kanneen haleellaa raawwatan irratti lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa geessisneerra,'' jechuu isaa Rooyitars gabaaseera.
Kanaan ala garuu lakkoofsi humna waraanaa ajjeefaman meeqa akka tahan wanta ibse hin qabu.
Waraana Sudaan keessaa madda eeruun kan gabaase Rooyitars, haleellaa waraana Itoophiyaan waraanni Sudaan jaha gaafa Sambataa ajjeefamuu ibse.
Miidiyaan Tarkii Anadolu immoo maddeen eeruun akka gabaasetti waraanni Sudaan ajjeefaman lamadha. Kan madaa'anis akka jiran gabaase.
Dabalataanis, maddi kun Sudaan Tiribiyuun waabeffate akka gabaasetti Itoophiyaan midhaan qonnaan bultoonni Naannoo Amaaraa facaasan akka sassaaban tumsuuf, akkasumas finciltoota Tigraay danquufi tarkaanfi fudhatte.
Itoophiyaan maal jette?
Itoophiyaafi Sudaan haleellaa raawwachuun yeroo garaagaraatti wal himachaa turaniiru.
Keessumaa Itoophiyaan waraanni Sudaan biyya Itoophiyaa waliin dhimma Abbayyaa irratti waldhabdee qabdu Masrii waliin maxxaneera jechuun himatti. Waraanni biyyattii kana hin fudhatu.
Guyyaa Sambataa miidiyaa ESAT TV'tti kan dubbatan Itaamaazhor Shumiin Waraana Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Juulaa taatee Sudaan keessaa hin mirkaneessine.
Itoophiyaan rakkoon waldhibdee daangaa karaa nagaa akka furamu akka fedhii qabdu kan himan Janaraal Birhaanuun, waraanni isaanii fedhii lola Sudaan akka hin qabne himaniiru.

Ta'us, finciltoota Tigraayiif Sudaan dawoo kennite jechuun himataniiru.
Kana dura waraanni Itoophiyaa gama Lixa biyyattii Hidhi Haaromsa Abbayyaa jiruun finciltoota Tigraay gama Sudaan irraan dhufanirratti haleellaa raawwachuu himaa tureera.
Al-Fashagaa - lafa qonnaa biyyoota lamaan walitti buuse
Al-fashagaa bakka jedhamu qonnaaf mijataa ta'erratti qonnaan-bultoonni Itoophiyaa qabatanii kan turan yoo ta'u, Sudaan garuu gaaffii 'lafti kun kan kooti' jedhu kaasaa turteetti.
Naannawaa sana keessatti yeroo gara garaa qonnaan-bultootarratti haleellaan gaggeeffamaa waan tureef Itoophiyaan humna raayyaa hanga tokko bobbaastee eegumsa taasisaa turte.
Bara darbe ALI 2013 dhuma ji'a Onkoloolessaa wayita lolli Tigraay keessatti jalqabetti Itoophiyaan raayyaa ittisaashee ergama birootiif baasuu ishee hordofee, Sudaan loltootashee gara naannoo sanaatti bobbaasuun Itoophiyaanonni akka bahan taasisuun lafa sana to'atteetti.
Aanga'oonni olaanoo Sudaan lafa to'annoo Itoophiyaa jala ture harka caalaa deebifachuu isaaniifi isa hafellee akka to'achuuf deeman dhaadataniiru.
Itoophiyaan tarkaanfiin kun 'weerara' jechuudhaan ibsitee Sudaan loltootashee bakkawwan qabatte keessaa baasuun, dhimmicha karaa seera-qabeessa ta'e kanaan dura jalqabameen falli nagaa akka barbaadamu gaafachaa turteetti.
Sudaan garuu lafni qabatte kan ishii ta'uufi dhiistee akka hin baane ibsaa jirti.
Haala Itoophiyaafi Sudaan itti jiran
Biyyoonni ollaa walii ta'an lamaanuu haala rakkisaa keessa jiru. Lamaanuu Labsii Yeroo Muddamaa jalatti bulaa jiru.
Itoophiyaan waraana Kaaba biyyattii Tigraayitti eegaleefi booda keessa gara Affaariifi Amaaraatti ce'e to'achuuf akka haaraatti haleellaa eegalteetti.
Haleellaa kana immoo torban kana MM Abiy Ahimad qaamaan dirree waraanaatti argamanii lolchiisaa jiru. Namoonni beekamoofi qondaaltonni olaanoo kaanis faana isaanii akka hordofan himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfiin mootummaa kuni finciltoota Tigraay Naannoo Afaariifi Amaaraa keessaa baasuuf Gaanfa Afrikaatti Jilli Addaa US Jefrii Feltimaan jalqaba torban kana himaniiru.
Sababa lola Naannoo Amaaraa keessaan lakkoofsi namoota deeggarsa fedhaniifi qe'eerraa buqqa'anii dabaluu mootummaan Itoophiyaa fi UN ibsaniiru.
Lolli dhaabatee mariin akka furamu yaaliin taasifamaa ture mallattoo gaarii agarsiisuus ammatti ija hin godhanne. Haleellaan gama lamaanii jabaate immoo kanaaf danqaa ta'e jedhaniiru kanneen jaarsummaan dalagan.
Sudaan kan waggaa lama dura Pirezidantii waggaa 30'f aangorra ture mormii ummataan buqqaasuun mootummaa ce'umsaan bulaa turtemmoo mormiitti deebiteetti.
Baatii dura waraanni biyyattii silaa baatii tokko booda aangoo isaa bulchinsoota siviliif dabarsa osoo jedhamuu fonqolcha raawwachuun bulchiinsa sivilii hunda hidhaa buuse ture.
Torban darbe garuu MM Abdallaa Hamdook hidhaarraa gadhiisuun aangootti deebiseera. Kanas mootummaan Itoophiyaa akka simatu ibsa baasen beeksiseera.
Ta'us, ammallee mormiin hin dhaabbanne. Waraanni biyyattii kanneen mormiif hiriira bahan ajjeesuun himatama.
















