Rakkoon Sudaan attamiin marii Hidha Haaromsaafi waraana kaaba Itoophiyaa irratti dhiibbaa qabaata?

Aanga'oota mootummaa ce'umsaa Sudaan lamaan

Madda suuraa, AFP

Bulchinsi ce'umsaa Sudaan erga pirezidaantiin duraanii aangorraa buufamaniin booda ditintiraa ture, torban darbe keessa fonqolcha miseensa mootummaa ce'umsaa turan Janaraal Al-Burhaamiin hogganameen dhunfatameera.

Hawaasni addunyaafi Gamtaan Afriikaas fonqolcha kana kan balaaleeffatan yoo ta'u, dhaabbileen idil-addunyaas deeggarsa maallaqaa Sudaaniif taasisan dhorkuun alatti, aanga'oota fonqolcha mootummaa gaggeessaniif beekamtii kennuu irraa of qusatan.

Erga oduu fonqolcha motummaa dhagahamee kaasee ummanni biyyattii ce'umsa sirna dimokiraasii barbaadan, waldaaleen ogummaa fi qondaaltoonni siyaasaa guyya guyyaan mormii dhageessisaa jiru.

Sudaaniitti humni waraanaa aangoo qabachuufi tasgabbii dhabiinsi umamee, waldhabdee daangaafi marii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti dhiibbaa attamii qabaataa laata?

line

Fonqolcha motummaa Sudaan kan hogganan Janaraal Abdul Fattaah al- Burhaan, Alsiisi Sudaan ta'uu danda'u sodaa jedhutu jira. Janaraalichi Al-Sisii Masrii waliinis waliigalte gaarii akka qabaniitu himama.

Teessoo isaanii Landan kan taasifatan qorataan dhimmoota siyaasa Baha Afriikaa, Abruraahimaan Sa'iid Abuhaashim, aangoo dhunfachuun Janaraal Burhaam siyaasa Itoophiyaa irratti dhiibbaa qabaachu akka danda'u dubbatu.

''Waggoota lamaan darbaniif motummaan Burhaan motummaa Masrii waliin waliigaltee mallatteessuun dhimma Abbayyaa irratti imaammata walfakkaataa gaggeessaa ture,'' jedhu.

Kanaan kan ka'ees waldhabdee daangaa kaasuun Itoophiyaa akka gara waraanaatti galtuuf dhiibaa turuu qorataan kun ni kaasu. ''Kunis obsa motummaa Itoophiyaatiin darbame'' jedhu.

Abuhaashiim akka jedhaniitti, miseensoonni siviilii mootummaa Sudaan dubbi barbaacha Burhaan taasisan waliin hingalan ture. Lammiileen Sudaanis Itoophiyaa akka olmaa olteefi akka obbooleessaatti waan ilalaniif waldhabdicha hindeeggaran.

Kana waan ta'eefu, Janaraalichi erga humnaan aangoo gutummaatti dhunfatanii fi dimokiraasiin biyyattii badee booda, aangoosaaniif jecha filmaatawwan miidhaa qaqqabsiisan fudhachuu akka danda'an Abuhaashim ni dubbatu.

''Kana yoo ta'e ammoo kallattiidhaan gara waraanaatti qajeeluu waan danda'uuf Itoophiyaaf yaaddoodha'' jechuun, kana ta'uu baatuus walitti dhufeenya Masrii waliin qabuun Burhaan Itoophiyaa gara waraanaatti dhiibuu akka danda'an kaasu.

Rakkoon Sudaan waraana Kaaba Itoophiyaarratti dhiibbaa maal qabaata?

Akka xinxalaa siyaasaa kanatti, humni Burhaan cimee gara waraanaatti yoo galame malee rakkoon Sudaan keessaa waraana kaaba Itoophiyaa irratti jijjirama guddaa hinqabaatu.

Sababii yoo eeranis, kanaan dura humni Sudaan humnootii TPLF deeggaru yaalaa waan turanifu amma waan haaraa hinuman kan jedhuudha.

Mootummaan Itoophiyaa kaampii baqattootaa Sudaanitti argamu keessatti humnootii TPLF kuma 20 ta'an ijaaramuu fi gara Itoophiyaa galuuf yaalaa akka turan himataa turuu xinxalaan kun ni kaasu.

Kana malees, motummaan Sudaan ejjannoo tarsimowaa ta'e waan hinqabneefu humnootiin mormitootaa Itoophiyaa irratti wayita dhufaniitti, haala waliin ejjannoosaanii geeddarachuu akka danda'an Abuhaashim ni hima.

Kanaafuu, ''TPLF akka walta'aa tarsimoo isaa gochuun waan isa gargaaru natti hinfakkaatu,'' jedhaniiru.

Sudanese people stage a demonstration demanding the end of the military intervention and the transfer of administration to civilians in Khartoum, Sudan on October 30, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Marii Hidha Haaromsaa Guddichaa

Ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii jidduutti gaggeeffamu osoo waliigaltee irra hingeenye waggoota kudhan lakkoofsiseera.

Dhimmichi mana maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii bira gahuun booda, yeroo lammaffaa dhimmicha garuma Gamtaa Afriikaa deebiifamunsaa ni yaadatama.

Haata'u malee marichi osoo hineegalamiin fonqolchi mootummaa Sudaan gaggeeffamuun kaabineen biyyattii bittinneeffameera. Kanaafuu marii hidha haaromsaa garam geessa laataa? kan jedhu gaaffii namoota baayyeeti.

Hojii gaggeessaan mummee Waajjira Bahaa Abbayyaafi Teeknika Ardiitti (ENTRO), Obbo Faqi Ahimad Nagaash haalli Itoophiyaatti umamee, keessattuu rakkoon ammaa Sudaaniitti mudateen walqabatee mariin hanga ammaatti akka hineegalamne BBC'tti himan.

Manni Maree Mootummoota Gamtoomanis walgahii isaa yeroo lammaffaatiin yeroodhuma kaa'ame keessatti waliigaltee irra gahamuu akka qabaatu murtee dabarsee kan ture ta'uu kan yaadatan Obbo Faqi Ahimad, kana gochuun akka hindanda'mne kaasu.

Gamtaan Afriikaa kan maricha mijeessuuf ittigaafatamummaa fudhates Sudaan hanga gara bulchiinsa siviiliitti deebiituutti miseensummaa keessaa dhorkuu beeksisieera.

Janaraal Burhaan fonqolcha motummaatiin booda kaabinee wayita diiganiitti, adda durummaan dhimma hidha Abbayyaa irratti gama Sudaaniin mari'ataa kan turan Ministirri Haajaa Alaa fi Ministirri Bishaaniifi Jallisii sochiinsaanii dhorkameera.

Kanaafuu, ''mari'attoonni bakka haalli carraasaanii egeree hinbaramneetti waa'ee marichaa dubbachuun rakkisaadha'' jedhu Obbo Faqi Ahimad.

''Jijjiramni imaammataas ni jiraata. Ammaan tanatti imaammanni Sudaan hordoftu maal akka ta'e hinbaramne. Sochii Gamtaan Afriikaa nagaafi tasgabbii taasisuuf raawwatu keessattis Sudaan hin hirmaattu. Kanaafuu mariin hidha Abbayyaas akkuma rarra'eetti kan turu ta'a,'' jedhu.

Lt-Gen Abdel Fattah Abdelrahman Burhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Let-Jen Abdal Fattaah Abdalraahman Burhaan

Walitti dhufeenya humna waraanaa Sudaaniifi Mootummaa Masrii hidha Abbayyaarratti

Erga Al Baashir aangoorraa kaafamaniin booda aanga'oonni siiviliifi waraanaa waliin biyyattii hogganaa jiraatan illeen, aangoo irra jireessa kan qabate waraana akka ture Obbo Faqi Ahimad kaasuun, humni waraanaas Kaayiroo waliin akka hiriire dubbatu.

Kanaafuu motummaan waraanaa aangorra turees dhiisuus eejjannoosaa ni geeddara amantaa jedhu akka hinqabne kaasu.

''Filannoon jiru marii waan ta'eef mariin itti fufa. Kanas isaaniis sirriitti bareechanii beeku,'' jedhu.

Obbo Faqi Ahimad dhiibaan Baankii Addunyaa, Gamtaan Afriikaa, Gamtaan Awurooppaa, Ameeriikaa fi hawaasni addunyaa motummaa waraanaa Sudaan irratti taasisaa jiru bu'aa argamsiisaa jiraachuu dubbatu.

To'annaa jala kan turan MM Abdallaa Amdok gara manasaaniitti deebiifamuu kanaaf akka fakkeenyaatti eeru.

Dhiibbaan yoo itti baayyate ammoo humni waraanaa motummaa siviilii gara hojiitti deebiisa ykn ammoo yeroo gabaabaa keessatti filannoo gaggeessuun bulchiinsa siviilii hundeessa jechuun akka yaadan himu Obbo Faqi Ahimad. Kun yoo ta'e ammoo atattamaan haalli gara mariitti deebii'amu ni jiraata jedhu.

Kun yoo ta'u baatee hoo?

''Kun ta'u baannaan garuu biyyoonni filannoo gara biraa kan barbaadan natti fakkaata,'' jedhu.

Namoonni gama Sudaaniin maricha irratti hirmaatan, Ministira Haajaa Alaa fi Bishaaniifi Jalliisii gara hojiitti deebisuun gara marichaatti akka deebi'an gochuun filmaata tokko ta'uu akka danda'u timaamu.

Kanaan alatti bulchiinsa yeroo biraa hundeessuun haala biyyoonni sadan itti mari'achu danda'an uumuun akka danda'amu dubbatu.

Mariin biyyoota lageen daangaa qaxxaamuranii jiddugaluun biyya sadaffaa kan deeggaramu ta'u baatulleen, qaama walabaa sadaffaa, kan fedhii addaa fi fooyya'aa ta'e qabu maricha keessa galchuun filannoo biraatii jedhu.

Obbo Faqi Ahimad akka jedhaniitti, Gamtaan Afriikaa maricha itti hin fufu jedhulleen, biyyoonni fedhii qabaannaan garaa garummaasaanii furuu ni danda'u.

Masriin hidhichaan walqabatee filmaatawwan garaa garaa yaalaa akka turte kan dubbatan Obbo Faqi Ahimad, ''wayita pirezidaanti Mursiin aangoorra turaniitti yaadawwan furmaata jaha dhiyeessanii turan. Jahan keessa hojiirra kan hinoolfamiin isa 'waraana kallattii banuu'' jedhu qofaadha,'' jedhu.

Haata'u malee waraana kallattiitti seenuun isaanumaa waan balaaf saaxiluuf, haaluma amma jiruun itti fufa amantaa jechu qabaachuu himu.

Xinxalaan siyaasa Baha Afrriikaa Abuhaashimis yaada kanaan waliin galu.

''Dhimmi Abbayyaa irra caala furamu kan danda'u Itoophiyaafi Masriidhaan'' kan jedhan Abuhaashiim, Sudaanoonnis ta'an Masriin mormitoota Itoophiyaa deeggaruuf ykn deeggaruu dhiisuu kan murteessan dhimma Abbayyaatiif jecha qofaadha jedhu.

Haata'u malee hidhi guddichi kun ijaarsi isaa %80 ol kan xumurame waan ta'eefi dhimma booddeetti deebi'uu danda'u waan hinataneefu, keessattuu Masriin filmaata attamii akka barbaadan hanga ammaatti ifa akka hintaane dubbatu Abuhaashiim.

''Masriin hidhicha nan diiga osoo jetteeyyuu, balaan isheedhumarratti fidee dhufu olaanaadha, kunis furmaata waara'aa hinta'u,'' jedhu.

Gama Itoophiyaatiin maricha itti fufuun gaariidha kan jedhan Obbo Faqi Ahimad, Itoophiyaan dantaa biyyaaleessaa ishee eegsiisuuf osoo dantaa warra kaanii hin miidhiin, adeemsa marii haaraa gaggeessuun gara waliigaltee fooyya'aatti dhufuu akka dandeessu dubbataniiru.

Qaxanichi rakkoo walxaxaa keessa galuu danda'aa?

Yaaddoon waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru, dhimmi waldhabdeen daangaa Al-faashagaa, Masirii, Sudaaniifi Itoophiyaan waldhabdee laga Abbayyaa, akkasumas fedhiiwwan Itoophiyaafi Ertiraa, gaheen biyyoota Arabaa qaxanicha gara rakkoo walxaxaa ta'eetti galchuu danda'u jedhu jira.

Xiinxalaan siyaasaa Abuhaashim, waraanni kaaba biyyattii karaa nagaa ykn waraanaan atattamaan xumuruun Itoophiyaafis ta'e naannichaaf bu'aa qaba jedhu.

''Mootummaan Itoophiyaa waraanicha dhimma keessoo taasisuun xumuruuf yaalaa jira,'' kan jedhan xinxalaan kun, haata'u malee waraanichi xumuramuu dhabuunsaa jiddugalmaata biyyoota kaaniif karra banuuf danda'a jedhanii amanu.

Haata'u malee, Itoophiyaa dhimma keessoo isheetiin jeeqamaa dhimmoonni waa'ee Abbayyaafi hidha kanaa dagachiisan yoo uumaman Masriidhaaf mijataa ta'a jedhu.

Gama biraatiin ammoo Ertiraan TPLF akka diinaatti akka ilaaltu kan kaasan xinxalaan kun, ciminni TPLF dabalaa yoo dhufe ammoo carraan Ertiraan kallattiin waraana keessaa itti galuu dandeessu jiraachuu himu.