Fonqolcha Sudaan: Eessaa garamiitti?

Uummatni bulchiinsa Siivilii deeggaru sagalee dhageessisuuf daandiitti baye

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Uummatni bulchiinsa Siivilii deeggaru sagalee dhageessisuuf daandiitti baye

Fonqolchi mootummaa Sudaan kan ministira muummee fi kaabinoota isaanii to'annoo jala oolcheefi mootummaa siiviilii diige biyya waggoota jeeqamaan dabarteef qormaata biraadha.

Muddama siyaasaa kanaan dabalataan diinagdeen Sudaan kufaatii guddaa keessa jira. Qaalayinsi gatiifi hanqinni nyaataa, boba'aafi qorichaas muddama diinagdee warra agarsiisan keessaati.

Fonqolchi mootummaa alanaa biyyoota Lixaa aangoo qaban kan waggoota dheeraa booda reefu hariiroo waliin tolfachaa jiran rifaasiseera.

Sudaan akkamiin as geesse?

Waraanniifi bulchiinsi Siiviilii erga Hagayya bara 2019 pireezidantiin baroota hedduu biyyattii Omaar al-Bashiir aangoorraa buqqa'anii booda aangoo qooddatanii biyya bulchaa turan.

Bashiiriin aangoorraa kan buuse humna waraanaa ta'uus, uummatni daandiitti ba'ee bulchiinsi siiviilii akka hundaa'u gaafachuu isaatiin waraanni bulchiinsa siiviilii ijaaruuf karoora baasee aangoo walii qooduun gara bulchiinsa Dimookraasiitti ce'uuf walta'ame.

Manni maree walabaa koree waloo waraanaa fi siiviiliin hundaa'e, biyyattii gara bulchiinsa dimookraatawaa filannoorratti hundaa'etti ceesisuuf eegamaa ture.

Ta'uus gareeleen lamaan waliigaluu dhabaa deemuun isaanii ifatti bahuu eegale.

Muddama kana duuba maaltu jira?

Hoogganoonni waraanaa mootummaa ce'umsaa keessa jiran gama siiviiliin rifoormiin akka gaggeefamuufi miseensonni kaabinee haaraan akka muudaman barbaadu. Kun ammo gama warra siiviiliin ni didame.

Sababa kanaatti erga bara 2019 yaaliiwwan fonqolchaa hedduun yaalamanii osoo hin milkaahiin kan hafan yeroo ta'u inni dhiyeenyaa isa ji'a darbe fashalaa'edha.

Hoogganaan warra siiviilii Ministirri muummee Abdallaa Hamdook ta'iiwwan biyyattiin keessummeessaa jirtuuf qaamota al - Bashiriif amanamoo ta'an yeroo himatan dhagaahama. Qaamoleen kun harki hedduun bulchiinsa waraanaa, nageenyaafi dhaabbilee biroo keessa jiru jedhu.

Torbanoota darban deeggartootni bulchiinsa waraanaafi kan warra siivilii dabareedhaan hiriira mormii yeroo gaggeessan mul'ateera.

Warreen bulchiinsa waraanaa deeggaran mootummaan diinagdee biyyattii wayyeessuu hin dandeenye jechuun komatan.

Hamdook diinagdee wayyeessuuf rifoormii hojjetan keessumaa kan boba'aa wajjin walqabatu uummata gariin akkaan balaaleffatame.

Rakkoon siyaasaa Sudaan kan walirra tuulamaa as gaheedha.

Waggoota kurna hedduuf dhaabbileen siyaasaa Sudaan waliigaltee biyyaalessaa uumuu hanqachuun isaanii waraanni dhimma siyaasa furuuf irra deddeebiin akka gidduu galu sababa ta'eera. Kun ammoo maaqaa tasgabbii mirkaneessuuf jedhuun fonqolcha mootummaa gaggeessuu akka ta'e xiinxalaan naannichaa Magdii Abdelhadii barreesseera.

Ammaan tana Sudaan keessa dhaabbilee siyaasaa 80 oltu jira.

Garaagartummaan dhaabbilee siyaasaa keessa jiru sun mana maree walabaa gama warra bulchiinsa waraanafi kan Siivilii keessa jiru waliigaltee biyyaalessaa dhuguumsuuttis danqaa ta'eera.

Amma maaltu ta'aa jira?

Hoogganaan mana maree walabaa biyyattii Abdel Fattaa Al Burhaan ibsa kennaniin mana marrichaa fi Kaabinee bittimsuun labsiin yeroo muddamaa labsamuu himaniiru.

Itti dabaluunis filannoon biyyaalessaa Waxabajjii 2023 akka gaggeefamu himan.

Ministirri muummee Hamdook ammoo miseensota waraanaan hidhamanii jiraachuun gabaafameera. Hamdook Ministiroota isaanii hedduu waliin to'annoo jala jiru. Buufataaleen tamsaasa TV fi Raadiyoos waraanaan to'atamanii jiru.

Intarneetiin guutummaatti ta'uu baatus cufameera. Gamtaa Afrikaa, UN, EU, US fi dhaabbileen hedduun fonqolcha kanaan yaaddahuu ibsaniiru.

Itti aanee maaltu ta'uu danda'a?

Akka Ministeerri odeeffannoo fuula feesbukii isaa gubbaa maxxansetti Ministirri Muummee Hamdook uummatni daandiitti bahee mootummaaf deeggarsa qabu akka agarsiisu gaafataniiru.

Viidiyoofi suuraaleen Kaartuumii bahan hiriirri mormii jabaan adeemaa jiraachuu mul'isu.

Waraannis sochii mromitootaa to'achuuf duulaniiru.

Bara 2019'tti ce'uumsa dimookrasiif waliigalteen mallattaa'uun dura waraanni mormitootatti dhukaasuun Kaartuum keessatti yoo xiqqaate namootni 87 ajjeefamaniiru.

Ammas muddamni qaamolee lamaan kanaa hammaachuun ta'ii bara sanii yaadachiisa.