Mootummaan Itoophiyaa qaamoleen Sudaan gaaga'ama dhalate 'karaa nagaan' akka furan gaafate

Madda suuraa, AFP
Mootummaan Itoophiyaa fonqolcha mootummaa Sudaanitti raawwatameen walqabatee ibsa baaseen qaamoleen Sudaan gaaga'ama dhalate karaa nagaan akka furan gaafate.
Waajirri Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa Wiixata sa'aa booda baaseen, ta'ii Sudaan dhiyeenyaan hordofaan jira jedheera. Dhimmicha dhiyeenyaan hordofuun kun kan maddu hariiroo obbolummaa uummattoota lamaan gidduu jirurraa akka ta'es ibseera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota 11 dura dhalachuu isaatiin dura biyyoonni lameen hariiroo gaarii jedhamu qabaachaa kan turan ta'us, waraanichi eegaluu booda humnoonni Sudaan lafa waraanaa Itoophiyaa qabatanii turan humni to'achuun hariiroo isaaniitti muddama uumeera.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa isaa kana keessatti fonqolcha bara 2018 al-Bashiriin hidhaatti darbe hordofee mootummaan ce'umsaa waloo akka ijaaramu gahee olaanaa taphachuu yaadateera.
MM Abiy Ahimad Sudaan keessatti ce'uumsi gara dimookrasii akka si'atu jaarsummaan qoodni taphatan lammiilee biyyattiirraa galata akka argataniis taasisee ture.
Mootummaan Itoophiyaa ammaan tana Kaaba Itoophiyaatti hidhattoota TPLF waliin waraana waggaa tokkootti dhiyaate keessa galee wayita jirutti, qaamoleen Sudaan keessatti muddama dhalate keessaa harka qaban haalicha qabbaneessanii rakkoo dhalate ''karaa nagaatiin furuuf'' akka hojjatan gaafateera.
Mootummaan Itoophiyaa ''ce'uumsi Sudaan gara Dimookraasiitti godhamu milkaahee, wixineen heeraa kan yeroo ce'uumsaa akka kabajamu deeggarsa nana'' godha jedheera.
''Itoophiyaan fedhiin walabaa lammiilee Sudaan akka kabajamu, dhimma keessoo Sudaan keessa qaamoleen alaa akka hin seenne ni hubachiisa'' jedha ibsi mootummaa.
Uummatni Sudaan rakkoo isaan mudate keessaa bahuuf oogummaa fala karaa nagaa dhahuuf ni qabaatu jedhee amanas jedha mootummaan.
Fedha uummata Sudaan cinaa akka dhaabatus mootummman Itoophiyaa ibseera.
Ejjennoon qaamni bulchiinsaa siiviiliifi humna waraanaa Sudaan daanqaa waraanni isaanii erga lolli Kaaba Itoophiyaa dhalatee qabataniifi kaan irratti qaban adda addummaa qabaachuun rakkoon amma Sudaanitti dhalate Itoophiyaarraan dhiibbaa akkamii geessisuu mala kan jedhu gaaffii namoota hedduu ta'eera.














