MM Sudaan humnoota waraanaan to'atamanii bakka hin beekamne geeffamuun himame

MM Sudaan Abdallaa Hamdok

Madda suuraa, AFP

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdok, humnootiin waraanaatiin erga to'atamaniin booda gara bakka hin beekamnetti geeffamuu Minisirri Odeeffannoo biyyattii beeksise.

Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Hamdok kan yeroo ammaa hiidhaa mana keessaa jala akka jiran himamu ammoo ummanni karaa nagaa bahee mormii itti fufuun ''Warraaqsa akka eeggatuuf' gaaffachusaanii Ministeerrichi ibseera.

Ministeerichi karaa fuula Facebook isaatiin ergaa maxxanseen, humnootiin waraanaa waloon ganama kana mana isaatti MM hidhan fonqolchicha deeggaruun ibsa akka baasuuf dhiibbaa irraan gahaa jiraachuu hime.

Fonqolchiichaaf beekkamtii kennuu erga didaniin booda, waraanichi amma Ministira Mummee Abdallaa Hamdok bakka hin beekamne geessuu maxxansi kun dabaluun himeera.

Kana duraas, Ministeerichi miseensoonni siiviilii qaamni bulchiinsa Ce'uumsa Sudaan fi ministeeroonni hedduun hidhamusaaniifi bakka hin beekamneetti geeffamuu himee ture.

''Miseensoonni siviilii ce'umsa mana maree biyyattiifi ministeeroonni hedduun mootummaa ce'uumsaa irraa humnootii waraanaa walootiin to'atamuun bakka hin beekamnetti geeffamaniiru,'' jedha ibsi toora miidiyaa hawaasaa Ministerichaa irratti bahe kun.

Gama biraatiin ammoo Ameerikaan gabaasa fonqolchaa Sudaaniitti ta'aa jiruutiin 'baayyee yaadda'u' beeksiifte.

Ergamaan Addaa Ameerikaan Gaanfa Afriikaa Jeefrii Feltimaan karaa ergaa tiwitaraatiin akka jedhaniitti, gabaasaalee Sudaanii keessatti waraanni fonqolcha raawwateera jedhuun 'baayyee yaada'uu' fi kunis fudhatam kan hinqabnee ta'u beeksiifte.

Jeefrii akka jedhaniitti waraanni aangoo fudhachuuf kamiiyyuu ''ifatti kan hinfudhatamne'' fi ''kan deeggarsa Ameerikaa balaarra kan busuudha'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Hanga ammaa maal beekna?

Raafama siyaasaa keessa kan jirtu Sudaan keessatti yaaliin fonqolcha mootummaa gaggeeffamuun hin oolu gabaasaaleen jedhan bahaa jiru.

Loltoonni hidhatan hedduun miseensota mootummaa ce'umsaa mana mana isaanii keessatti akka hidhaman gabaasaaleen magaalaa Kaartum kessa bahan ni mul'isu.

Hidhattoonni hogganoota bulchiinsa sivilii mootummaa ce'umsaa Sudaan mana isaanitti hidhuu gabaasaalee himan.

Taateen kuni yeroo rakkoon siyaasaa biyyattii keessa hammaataa dhufetti dhagahame.

Gaafa Wiixataa bari'uu dura yoo xiqqaate miseensonni kaabinee afur loltoota hin beekamneen hidhamaniiru.

Gabaasni tokko Ministirri Muummee Sivilii Sudaan Abdallaa Hamdook hidhamaniiru jedhus garuu hin mirkanoofne.

Eenyu hidhaa akka raawwate hin baramne. Waraanni biyyattii dhimma kana irratti waan dubbate hin qabu.

Gabaasaaleen intarneetnii magaalaa guddoo Sudaan Kaartumitti cufamuu himanis suuraaleen miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman mormitoonni aarii qaban yeroo daandiirra gommaa guban agarsiisu.

Gabaasni hidhaa raawwachuu kan dhagahame yeroo waraanaafi bulchiinsa sivilii biyyattii gidduu muddamni hammaataa dhufettidha.

Lamaanuu erga Pirezidant Omar al-Bashir bara 2019 aangoorraa kaafamanii booda aangoo walii qooddataa turan.

Gaafa namoonni kuma hedduu ta'an mootummaa ce'umsaa Sudaan deeggaruuf Kaartumitti hiriira gaggeessaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Kamisa darbe namoonni kuma hedduu ta'an mootummaa ce'umsaa Sudaan deeggaruuf Kaartumitti hiriira gaggeessaniiru

Haa ta'u malee, fonqolchi garee al-Bashiir deeggarutu raawwate jedhame baatii Fulbaanaa keessa erga fashalaa'ee booda hariiroon isaan gidduu hammaate.

Baatiidhuma kana keessa mormitoonni mootummaa ce'umsaa Sudaan magaalaa Kaartumitti bahuun waraanni biyyatti akka to'atu waamicha dhiheessaan.

Gaafa Kamisaa immoo namoonni kuma hedduun lakkaa'aman magaalaa Kaartumitti daanditti bahuun bulchiinsa sivilii Sudaan deeggaran.

Sababa diinagdeen biyyattii miidhamee jiruuf deeggarsi mootummaa yeroo biyyattiif taasifamu laafeera.