Sudaanitti mormitoonni waraanni fonqolcha motummaa akka taasisuuf gaafatan

Sudaaniitti mormitoon motummaan ce'umsaa akka diigamuuf gaafatan hiriira bahan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sudaaniitti mormitoon motummaan ce'umsaa akka diigamuuf gaafatan hiriira bahan

Mormitoonni Sudaan gara dimokraasiitti akka hin ceene barbaadan Sanbata daandiiwwan magaalaa Kaartuum irratti hiriira gaggeessuun waraanni olaantummaa biyyattii akka fudhatu gaafatan.

Namoonni kuma hedduun lakkaa'amanis masaraa mootummaa biyyattii alatti walitti qabamuun waamicha kana taasisan.

Erga pirezidaantiin biyyattii duraanii Omaar al-Baashir bara 2019tti aangoorraa kaafamanii booda waraanniifi gareewwan sivilii aangoo qooddachuun biyya bulchaa jiru.

Haata'u malee, erga yaaliin folqolacha motummaa Fulbaana keesssaa deeggartoota Baashiriin jedhame taasifameen booda mudamni biyyattii keessatti cimeera.

Erga yeroo sanaatiin booda aanga'oonni waraanaa qindoomina Humnoota Jijjiaramaafi Bilisummaa (FFC), garee sivilii kan mormii farra Baashir gaggeessuu fi motummaa ce'umsaa mummee hundeessee keessatti rifoormiin akka gaggeeffamuuf gaafataa jiru.

Akkasumas humnootiin waraanaa kaabineen bakka akka bu'uufis waamicha taasisaniiru.

Haata'u malee hoggantoonni siviilii gaaffichi qaama aangoo saamuutii jedhan.

Guyyaa Sanbataa deeggartoonni waraanaa hiriira bahuun, raayyaan waraanaa biyyattii kan Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaaniin durfamu aangoo biyyattii akka qabatuuf waamicha taasisan.

Hiriirtoota keessaa namni tokkoo ''Motummaan ammaa haqaafi walqixxummaa mirkanneessuu waan hindandeenyeef, motummaa waraanaa barbaadna,'' jechuu AFPn gabaase.

Akkasumas hirriirri motumaa deeggaru mormii Sanbataa kanaaf deebii kennuuf guyyaa Kamiisaatti karoorfameera.

Sarara

Guyyaa Jimaataa ammoo Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Hamdok qaamoolee adeemsa ce'umsa biyyattii gufachiisuuf jedheen akeekkachiisan.

Ministirri mummichaa akeekkachisa kana kan kennan, ammaan tana wayita aanga'oota waraanaa fi sivilii mana maree bulchiinsa ce'umsa biyyattii hoggannu keessatti argaman jidduutti wal dhabdeen cimaa jiruu kanatti.

Bulchiinsi ce'umsa Sudaan kan hundeeffame erga mormiin ummataa waggaa lamaan dura bulchiinsa abbaa hirree Omaar Al Bashir kan gara waggoota 30f biyya bulchaa ture aangoo irraa buusanii booda ture.

Ministirri Mummee kunis hokkora balaafamaa jedhaniin biyyattiitti umamee tasgabbeessuuf malli tokkichi marii qofaa ta'u qaba jedhan.

Haata'u malee miseensoonni waraanaa dhiibbaafi dhaggeettii gosaa cimaa gochu danda'an haala karoorfameen adeemsa biyyattiin gara bulchiinsa siviliitti ce'uuf taasisaa jirtu gufachiisuuf yaalii olaanaa mana marichaa keessa jiraachusaanitu dubbatama.

Erga fonqolcha motummaa baatii Fulbaana darbe MM Abdallaa Hamdook irratti yaalamuun fashalaa'eetiin booda, miseensoota mana maree bulchiinsa ce'umsa biyyattii hoggannu jidduutti mudamni umameera.

Guyyoota ittaanan muraasa keessatti bulchiinsa ce'umsa Sudaaniifi carraa eegeree biyyattii irratti taateewwan murteessoon umamuu akka danda'an tilmaamama.

Deeggartoonni raayyaa biyyattii motummaan biyyattii amma jiru kan biraatiin bakka akka bu'u gaafachuuf Sabata kaleessaatti hiriira mormiitiif bahanii ture.

Kamisa dhufaa hiriir mormii Sudaan gara bulchiinsa siviliitti akka ceetuuf gaafatu gaggeeffamuuf waamichi taasifameera.

Sudaan ammaan tanatti tasgabbii dhabiinsa siyaasaatiin alatti rakkina diinadgee cimaan mudateera.

Buufanni biyyatti guddichi sababii mormiitii cufamusaatti biyyattii meeshaalee biyya alaatii galchisu magaalaa guddittii Kaartuum dabalate gara kutaa biyyaa kamu erga dhaabbatee guyyoonni lakkaa'amaniiru.

Sababii kanaatiin biyyattii keessatti dhiyyeessitiin shaqaxa bu'uuraa irratti rakkinni mudateera.

Biyyattii waggoota dheeraaf kan hogganan Omaar al-Baashir aango irraa buufamuu hordofee, waggoota lamaan dura qoodiinsii aangoo siviilii fi gareewwan mormicha dursaa duran jidduutti taasifamuunsaa ni yaadatama.

Haaluma kanaanis sivilii bakka bu'uun aangoo MM Abdallaa Hamook kan qabatan yoo ta'u, gama raayyaatiin ammoo dura taa'aa mana marichaa kan ta'an Abdul Fattaah Alburhaan aangoo alaanaa qabatan.

Haata'u malee walitti dhufeenye qondaaltoota waraanaafi sivilii bulchiinsa ce'umsa Sudaan hoggananoso hintasgaboofne tureera.

Dhiheenya keessas haalli nageenyaa biyya keessaa dadhabaa kan dhufe yoo ta'u, kanaafis sababiin aanga'oonni waraanaa yeroon aangoo itti dabarsanii kennan akka gufatu gochuuf jedhe qeeqxoonni.

Humni Meejar Janaraal Abduul Fattaah Al- Burhaniin hogganamuu Muddee dhufaa keessaa aangoo mana maree sivilootaatti akka dabarsu karoorri baheera.