Jeneraalli waraana Sudaan yaalii fonqolchaaf hogganoota siyaasaa qeeqan

Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagooloo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagooloo

Pireezidantii itti-aanaa mana maree walabaa Sudaan fi ajajaa waraana 'Humna deeggarsa hatattamaa' (Rapid Support Forces) jedhamuu Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagooloo, fonqolchaa mootummaa Sudaan keessatti Kibxata yaalameef hogganoota siyaasaa qeeqan.

"Sababni inni ijoo fonqolcha kana duuba jiru warra siyaasaati, lammilee sadarkaa jiddugaleessaarra jiran guutummaatti dagataniiru...dhimmi isaan yaaddessu akkamiin aangoorra turuu akka danda'an qofa" jedha jeneraalli kun.

Yaadni jeneraalli maqaa masoo 'Hemeti' jedhamuun lammilee Sudaan biratti daran beekamu kun TV biyyaalessaa irratti kenne waan mootummaan Sudaan amma dura jedheen adda.

Lammileen dagatamuu fi warri siyaasaa dhimma aangoo isaanii qofa cinqamuun, "uummata biratti gumgummii uumeera" jedha Hemetiin.

MM Sudaan Abdallaa Hamdook yaada yaalii fonqolchaa fashalee booda kennaniin, "hafteewwan bulchiinsa duraanii" Omar al-Bashir kan aangoorraa ari'ameen hidhata qaban fonqolcha kana duuba jiru jechuun dubbatan.

Ministirri Haajaa Alaa Sudaan Mariyaam al-Sadiiq al-Maahdii BBC'tti akka himanitti waraanni biyyattii loltoota sadarkaa gadiirra jiran fonqolcha yaalan dhaabsisuu himanii, kuni amanamummaa waraanni cehuumsa biyyatiif qabu mul'isa jedhan.

Loltoonni fonqolcha yaalan iddoowwan murteessoo ta'an qabatanii akka turaniifi fonqolcha labsuuf fiixeerra gahanii akka turanis himte.

Tekniishaana miidiyaa biyyaalessaa irratti ibsa isaanii muuziqaa waraanaa waliin dabarsuuf barbaadaa akka turanis himteetti.

Jeneraala Hamdaan Daagooloo humnoonni isaa erga pireezidantiin duraanii Omaar al-bashir aangoorraa buufamee booda yaalii fonqolchaa hedduu fashalsuu himan.

Humnoonni isaa 'Rapid Support Forces' jedhaman Omaar al-Bashiriif amanamoo ta'uun Daarfuur keessatti yakkoota suukkanneessoo hedduu raawwataniiru jedhamuun himatamu.

Omaar al-Bashir aangoorraa erga buufameen duubaa humni waraanaa biyyattii jeneraal Mohaammad al-Burhaaniin durfamu aangoo to'atee kan ture yoo ta'u, fincila uummataa namootni hedduun irratti wareegamaniin booda waraanni bulchiinsa siiviilii waliin aangoo qooddachuun biyyattii bulchaa jiru.