Mormitoonni Sudaan wal morman daandii Kaartumitti bahan

Mormitoota Sudaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni bulchiinsa sivilii deeggarsan gaafa Kamisaa daanditti bahan
    • Barreessaa, Anne Soyiin
    • Gahee, Senior Africa correspondent

Akkuma kanneen mootummaa waraanaan hoogganamu deeggaran mormiif taa'aa jiran deeggartoonni mootummaa cee'umsaa deeggaran Sudaan gaafa Kamisaa Kaartumitti hiriira gaggeessaniiru.

Qoodaminsi waraanaafii bulchiinsa siivilii biyyattii gidduu jiru ce'umsa biyyattiin gara dimookiraasitti taasistu karaarraa maqsa jedhamee sodaatameera.

Greewwan lamaan bara 2019 erga biyyattii yeroo dheeraaf kan bulchan Pirezidant al-Bashir aangoorraa buufaman booda aangoo qooddachuuf waliigalanii turan.

Haa ta'u malee, erga fonqolchi mootummaa deeggartoota al-Bashiriin taasifame jedhame as muddamni gidduu isaanii dabaleera.

Qoodaminsi kuni qindoomina garee siivilii kana dura al-Bashir aangoorraa buusuuf gargaare, Humnoota Bilisummaafi Jijjiiramaaf (FFC), gidduuttillee qoodinsa uumeera.

Gaafa Kamisaa yeroo deeggartoonni bulchiinsa mootummaa siivilii gommaa gubaniifi alaabaa Sudaan mirmirsan irratti humnoonni nageenyaa gaasii imimmaanessituu dhukaasaniiru.

Deeggartoonni waraanaa mootummaan siivilii akka diigamu fedhu. Mootummaan sivilii diinagdee biyyattiitti lubbuu horuu hin dandeenye gatiin daabbos dabaleera jechuun himatu.

Baha biyyattiitti buufanni Port Sudaan garee biraan danqamuun immoo haalicha hammesseera.

Gaafa Sambata darbe deeggartoonni waraanaa daanditti bahan ''mootummaan beelaa haa jigu'' jechuun dhaadachaa turan.

Ajajaan waraana biyyattiifi Dura Taa'aan Mana Maree Ce'umsaa biyyattii Janaraal Abdul Fattaaf al-Burhaan fonqolcha gaggeessuun biyyattii akka to'atan waamicha taasisaa turan.

Muraasni isaanii masaraa mootummaa magaalaa guddoo biyyattii Kaartum argamu fuuldura taa'utti jiru.

Gaafa Kamisa kaleessaa kanneen daanditti bahan immoo dhaadannoo ''filannoon ummataa mootummaa siviliidha,'' jedhu qabatanii mul'atu AFP'n gabaaseera.

''aA-Burhaan, aangoo dabarsaa!'' kan jedhus dhaadachaa turan jedheera gabaasichi.

Akkaataa waliigalteen raawwatetti baatiiwwan dhufanitti Manni Maree Ce'umsaa Sudaan aangoo bulchiinsa siviliitti dabarsa.

Biyyoonni Lixaa deeggarsa isaanii bulchiinsa siviliif agarsiisaniiru.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook rakkoo siyaasaa ''hamaa'' biyyattii qunname hanqisuuf karoora ifa godhaniiru.

''Walitti bu'iinsa kana keessatti ani walaba miti. Deeggarsikoo fi ejjannoon koo ce'umsa dimokiiraatawaa sivilii ta'edha,'' jedhaniiru Hagayya 2019'tti aangootti kan bahan Hamdook.

Riiformiin diinagdee isaaniin durfamu gaggeeffame deeggarsa boba'aaf taasifamu xiqqeessuufi qaala'insi waan dabaleef deeggarsi mootummaa ce'umsaa siviliif taasifamu xiqqaateera.