Sudaan osoo dimookiraasitti ce'uuf rarraatuu ededarra geesse

Madda suuraa, EPA
- Barreessaa, Magdi Abdelhaadi
- Gahee, Xiinxalaa Afrikaa
Erga kufaatii Pirezidant Omar al-Bashir booda gareewwan hedduu hiree fuulduraa biyyattii keessatti dhageettii argachuuf taasisan hanguma dabalu waligalteerra gahuun ammallee rakkoo ta'eera.
Pirezidant Bashir waraanaan aangoo irraa kaafaman. Garuu, mormii ummataa boodadha.
Yeroos qindoominni garee - Humnoota Bilisummaafi Jijjiiramaaf (FFC) jedhu ummata mormiif daanditti bahe bakka bu'uun bulchaa waggoota 30'tti siquuf biyyatti bulchan qofaa kuffisuuf barbaadan.
Taaten waggoota lamaan mudate akka agarsiisetti ergasii fuulduratti qajeeluurratti waliigalteen taasifame xiqqoodha.
Waliigalteen aangoo walii qooduu waraanaafi gareewwan ummata mormiif bahe bakka bu'an gidduu raawwatee Manni Maree Ce'umsaa Sudaan hundaa'e.
Manni Maree kuni waggaa dabalataa tokkoof bulchee filannoon erga taasifame booda bulchiinsa siviliitti aangoo dabarsuu kaayyeffate.
Haa ta'u malee, konfiransii dhihoo taasifame irratti gareen tokko sagantaa siyaasaa haaraa baasun galma mormii ummataa duraaniifi hirmaannaan paartilee akka cimu gaafate.

Madda suuraa, AFP
Kunis, muddamniifi qoodamni FFC keessa jiru caalaatti akka mul'atu taasise. Silaa yaa'iin kuni hariiroo paartilee 80 - 100 Sudaan keessa jiran cimsa jedhameetu yaadame. Paartileen qoodinsa aangoo mormanis jiru.
Ministirri Muummee mootummaa ce'umsaa Sudaan Abddallaa Hamdook dhihoo dubbii taasisaniin qoodinsi paartilee gidduu akka dhuma godhatu gaafatan.
Qoodaminsi paartilee dimookiraasitti ce'uf yaaddoo guddaa ta'eera kan jedhan Hamdook tokkummaa lallabaniiru.
Seenaa keessatti irra deddeebbiin waliigaltee dhabuun namoota siyaasaa waraanni maqaa biyyattii namoota siyaasaan rakkoo seente baraaru jedhuun fonqolcha akka gaggeessu karaa bal'iseera.
Waggaafi ji'a torba dura yaalii ajjeechaa irraa kan hafan Hamdook qoodinsi bulchiinsa siivilii qofa osoo hin taane waraana keessa akka jirus himan.
Mallattoon kanaas baatiiwwan booda kanaa mul'ataa turee hiriira Sambata darbe taasifameefi waraanni bulchiinsa siivilii akka buqqaasu waamicha taasisu irratti ifatti mul'ateera.
Adaaduma yeroon manni maree aangoo isaa bulchiinsa sivilii Sudaaniifi dabarsu dhihaatu waraanni waliigaltee isaarraa fagaachuuf sababa barbaadaa jira amantaan jedhu bal'inaan dhagahama.
Jeequmsa boodanaa jechuunis yaalii fonqolchaa, buufanni ijoo biyyattii gama Bahaan jiru cufamuu keessa harki waraana biyyattii jira jedhamee shakkama.
Namoonni waraanaa ijoo ifatti bahuun namoota siyaasaa qeeqaa turan. Isaan yeroo hundaa nagaan akka dhufu malee aangoo akka hin barbaanne ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Torban darbe Facebook akkaawuntiiwwan 700 Humnoota Deggarsa Saffisaa (RSF)'tti hidhata qaban jedheefi olola keessa qooda fudhachuun shakke haqeera.
Ajajaan waraana kanaa Dura Taa'aa Itti - aanaa Mana Maree Sudaan kan ta'an Mohaammad Hamdaan ''Hemeti'' Dagoloo jedhamanidha.
Waraanni isaanii ammallee waraana biyyattiitti hin dabalamu jedhee wadhabbiitti jira.
Dhihoo dubbii taasisaniin namoonni siyaasaa teessuma qofaaf dhiphatu, loltoonni akka koo garuu ummataafi biyyattiif dhiphatu jechuun himan.
Namoonni siyaasaa mormii daandiirraa dhorkaniis waraani ''daandii ofii qaba'' jechuun himan.
Torban darbe kanneen waraana deeggaranis Kaartuum keessa hiriira gaggeessaniiru. Mootummaan haaraa hundaa'ee waraanni aangoo mootummaa ce'umsaa akka fudhatu gaafatan.
Haa ta'u malee, kanneen gaafa Sambataa hiriira bahan hundi waraana deeggaru miti. Kanneen FFC keessa kaan qollifatan jedhan hin deeggarre jiru.
Sababa kanaaf taateen kunneen hunduu fedhii ofiifi aangoo tolfachuuf taasifamudha shakkii jedhu bal'iseera.
Muraasni waraanni akkuma Masrii keessa taasise waraanni Sudaanis mormii ummataa fayyadamee aangoo qabachuun ce'umsa dimokiraasii danqa jedhanii shakku.
Hiriirri biraas torban kana keessumaa waraana biyyattii mormu ni taasifama jedhamee karoorfameera.
Waliigalteen bara 2019 jajameefi biyyattii walitti bu'iinsarraa hambise yeroo ammaa waraanaafi paartileerraa dhiibbaan guddaa itti dhufeera.
Naannawa gaanfa Afrikaatti ekispartii kan ta'an Alex Di Waal Sudaan kan wagoota 60 darban siyaasa irratti wal hin galle ammatti tokummaa tolfatti jechuun ni dhiba jedhu. Sababa kanaaf marii itti fufuu qabuu jedhan.














