Madda suuraa, @JuttaUrpilainen
Ibsa waa'ee suuraa, Komishinarri Michummaa Idil – addunyaa EU Yuttaa Urpilaayinan Pirezidant Saahilawarq waliin Gamtaa Awuroppaatti Komishinarri Michummaa Idil – addunyaa Yuttaa
Urpilaayinan guyyaa kaleessaa MM Abiy Ahimadiifi aanga'oota olaanoo Itoophiyaa
kaan waliin mari’ataniiru.
‘’Marii ijaaraa’’ taasisuu isaanii kan himan qondaalli kuni dhimma
riformii siyaasaafi diinagdee akkasumas lolaafi rakkoo deeggarsa namoomaa
irratti mari’achuu himan.
Torban darbe Hoogganaan imaammata alaa EU Hoseeph Boreel jila Yuttaa Urpilaayinaniin
hoogganamu gara Itoophiyaa akka ergan ibsanii turan.
Adeemsi ijoo imala kanaas ‘’adeemsa siyaasaa hunda hammate
akka eegalamu ergaa EU ifa ta’e’’ akka dabarsaniifi jedhan.
Komishinar Yuttaan marii Ministria Dhimma Alaafi I/Aanaa MM
Dammaqaa Mokonniin waliin taasisaniin filannoo milkaa’aa biyyattiin taasisteef
galateeffatu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Dabalataan, Gamtaan Awurooppaa sagantaa misoomaa isaa
deebisee eegaluufi ajandaa riformii mootummaa akka deeggaru ibsuullee hime.
Waa’ee karoora marii biyyaalessaa gadi fageenyaan waliin
mari’atuufi EU deeggarsa namoomaa gama qilleensaan taasisu kanneen Naannoo
Amaaraa keessa buqqa’aniifis akkas geessisu gaafachuu ibse.
Gamtaan Awurooppaa
qorannoo UN fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa bu’uura godhachuun
Itoophiyaarratti qoqqobbii kaa’uf akka sochii eegalu kana dura ibseera.
Maxxansa X irra dabri Qabiyyee X hayyamtaa? Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Accept and continue Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.