Fonqolcha Sudaan: Namoota loltuun aangoo dhuunfachuu mormuuf hirira bahan keessaa sadii ajjeeffaman

Mormiitoota Sudaan keessatti hiriir abahan, Onkoloolessa 30, 2021

Madda suuraa, EPA

Humnootiin nageenyaa Sudaan leelliftoota dimookiraasii humna waraanaa mootummaa fonqolche mormuuf hiriira bahanirratti kallattiin dhukaasuufi gaazii imimmaaneessaa fayyadamuun yoo xinnaate namoonni sadii ajjeeffamuu koreen hakiimootaa beeksiise.

Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa guddoo biyyatti Kaartumiifi kanneen biroo keessatti Sanbata hiriira bahuun MM Abdallaa Hamdok akka aangootti deebi'an gaafatan.

Ministeerri dhimma biyya keessaa kallattiin ummatarratti dhukaafamuu haale. Rooggeeyyoonni ammoo namoonni 100 ol miidhamuu himan.

Hogganaan fonqolchichaa Janaraal Abdal Fattaah Burhaan mana maree siviilii kan diigan torban darbe kana ture.

Labsii yeroo muddamaa kan labsan Janaraalichi, gochaan isaanii kunis 'wal waraansi akka hin mudanne' gochuuf jedhan.

Waraanni aangoo qabachuunsaa balaaleeffannaa idil-addunyaa cimaa hordofsiiseera.

Namoonni Kaartum keessa hiriiraaf bahan alaabaa biyyattii qabachuun ''hoggansa waraanaatiif lakkii!'' yoo jedhan dhagahamu.

''Namoonni asitti argaman baayyee nagaa qabeessoodha. Hiriirri kun osuma qawween irratti dhukaafamuuyyu nagaadhumaan gaggeeffamaa jira,'' jedhan Shaheen al-Shaaheef miseensi koree Mormitootaa Kaartum BBCtti wayita himaniitti.

Mormitoon Sudaan, kaartuum keessatti hiriira bahanii, Onkoloolessa 30, 2021

Madda suuraa, EPA

"Haata'u malee, haala amma jiruun Burhaan deeggartoota isaa hunda akka dhaban hubachaa jirra. Dhugumatti kun fonqolcha nama tokkooti. Namni isa gargaaraa jiru hin jiru.''

Koreen Jidduugala Hakiimoota Sudaan, kan qaama walabaa ta'ees, Omdurmaaniitti namoota hiriiraaf bahan keessa sadii erga itti dhukaafamee booda ajjeefamuu hime.

Haata'u malee, ministeerri himma biyya keessaa kallattiin hiriirtootatti dhukaafamuu haaluun, namoonni tokko tokkoo pooliisii irratti haleellaa raawwachuu himatan.

Torban darbe kana keessa namoonni 10 ol humnootii nageenyaatiin ajjeeffamaniiru.

Anga'oonni Sudaan intarneetiifi malawwan komunikeshinii biroo addaan kutuun sochii ummataarratti dhorkaa kaa'aniiru.

Hanga fonqolcha Wiixata darbeetti, dureewwan siviiliifi waraanaa kanneen bara 2019 erga Omaar al-Baashir aangoorraa kaafamanii booda aangoo qooddattan jidduu waliigalteen akka hin turre himama.

Waliigaltichi garuu Sudaaniin gara daandii dimookiraasiitti geessuuf ture.

Janaraal Burhaan kan mana maree aangoo qoodatee hogganaa turan, ammalleen filannoo Adooleessa bara 2023tiin aangoo gara siiviiliitti ceesisuuf kutatoo ta'u himu.