Sudaanitti hiriirri mormii itti fufe, intarneetii deebisuuf haaldureen kaahame

Mormii waraanni aangoo dhuunfachuu hordofee Sudaanitti gaggeefamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Fonqolcha mootummaa Wiixata darbe Sudaanitti raawwatame hordofee lammiileen waraana biyyattii balaaleffatan mormii itti fufan, waraanni gama isaan intarneeta deebisuuf haalduree kaahe.

Hiriirtonni dhibbaan lakkaa'aman hiriiratti kan hirmaatan yoo ta'u, yeroo kaan immoo hiriirtonni kumaatamaan lakka'aman mormii magaalaa guddoo Sudaan Kaartumiifi magaalota biyyattii kanneen biroorratti hirmaachuu itti fufaniiru jechuun Kaartumirraa Mohaammad Usmaan BBCtti hime.

Rogeeyyiin biyyattii Sambata dhufutti qaamoleen nageenyaa miidhaa nurraan gahanis hiriira mormii guddaa waamuun dimookirasiidhaaf falmuu itti fufna jedhu.

Baankonni, dukkaanni fi hojiiwwan biizinasii biroo hiriira mormii kanaan walqabatee cufamuun bulchiinsi siviilii akka deebi'u gaafataa jiru.

Ammatti hojjattoonni hojiirraa hafaa jiru.

Qondaalli biiroo fayyaa Sudaan AFPtti akka himetti hiriirtonni torba erga fonqolchi mootumma gaggeeffame as ajjeefamaniiru.

Hoogganaan waraana Sudaan Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaan, intarneetiin bakkatti kan deebi'u ''miidiyaan dhugaa jiru ni gabaasa yoo ta'e dabaree dabareeni'' jedhan.

Bilisummaa intarneetii kan hordofu Netblock fonqolchaan booda erga intarneetiin cufamuun gabaafamee rakkoon itti fufee akka jiru ni agarsiisa.

TV'n biyyaalessaa erga fonqolchaan as walleewwan aadaafi jaalala biyyaa ibsan gidduu gidduutti ibsa Janaraal al-Burhaan malee waawuu gabaasaatti hin jiru.

Marsariitiin oduu mootummaa ammoo erga Wiixata darbee maxxansi baase hin jiru.

Fuulli Feesbuukii Ministeera Odeeffannoofi Aadaa kan MM Abdallaa Hamdookiif amanamaa ta'e, ibsoota waraanni mootummaa to'achuu balaaleffatu yeroo yerootti baasa.

Waldaan ogeeyyii Sudaan kan bara 2018 keessa mormii pireezidantii duraanii biyyattii al-Bashiriin aangoorraa buqqise gaggessaa ture, ammas mormiin akka itti fufu marsaalee hawaasaa irratti jajjabeessaa jira.

Yeroo ammaa qondaalli waraanaa biyyattii aangoo akka gadhiiisan dhiibban sadarkaa idil-addunyaa itti hammaachaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken gitasaanii kan Sudaan bilbilaan haasofsiisuun, waraanni aangoo dhuunfachuufi hoggantoonni sivilii hidhamuu balaaleffataniiru.