Fonqolcha Sudaan: Gamtaan Afrikaa Sudaan sochiileesaa hunda keessaa dhorke

Gamoo Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Gamtaan Afrikaa (AU) fonqolcha motummaa Wixata darbe Sudaanitti gaggeeffame hordofee biyyattii sochiiwwan isaa hunda keessaa dhorkuu beeksise.

Dhorkaan Gamtichi Sudaan irra kaa'e kun hanga mootummaan ce'umsaa sivilootaan gaggeeffamu bakka isaatti deebi'utti kan turdha jedheera.

AUn fonqolchi mootummaa Wixata gaggeeffame kun faallaa heera mootummaati jedhe.

Bara 2019tti Manni Maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Sudaan aangoo bulchiinsi mootummaa ce'uumsa sivilii hanga hundaa'utti gocha Gamtichaa hundarraa kan uggure.

Biyyattiin ammas taanaan daandiin muddamaa amma keessa jirtu keessa ittiin baatu tokkichi bulchiinsa siviliin hogganamu hundeessu ta'u eera.

Akkasumas Manni Maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa namoota dhuunfaa fi gartuulee bulchiinsi sivilii akka hin hundoofne gufachiisan akka tarkaanfii adabaa irratti fudhatu beeksise.

Uummati Sudaan heerafi jaarmiyaalee biyyattiin gara dimookirasittii ceesisan qabachuu barbaadusaanii akka deeggaru ibsuun, Manni maree Waraana biyyatti garuu aangoo qondaalota siviliitti dabarsuu dadhabuu hime.

Manni maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamticha akka jedhutti, fonqolcha mootummaa Ebla 11, 2019 hordofee biyyattiin bulchiinsa mootummaa siviliin hogganamu hundeessu hanqatte jedhe.

Manni maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa hokkora lubbuu namoota nagaa akka darbuufi miidhamni qaamaa akka qaqqabuuf ka'umsa ta'e balaaleeffate.

Kana malees Manni Maree Tasgabbiifi Nageenyaa Gamtichaa kun Dura Taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa qooda fudhattoota Sudaan keessa jiran, IGAD fi Komishiinii Mirga Namoomaa qindeessun wixineen ta'iin bara 2019 lubbu nama dabarse qorachuuf oolu Mana marichaatiif akka dhiyaatu gaafateera.

Mormiiwwan humna waraanaa aangoo dhuufate kana irratti bahame magaalaa Kaartuum keessatti gaggeeffamu guyyaa sadaffaaf itti fufee jira.

Waldaaleen hojjetootaa doktorootaafi hojjetoota zayitaa bakka bu'an mormitootatti makamaa akka jiran dubbatu.

Roobii ganama Istees Sakireetaariin US Antoonii Bilinken, Ministtirri Muummee Abdallaa Hamdok kan aangorraa kaafaman mana isaatti deebiyuu hordofee bilbilaan dubbiseera.

Abdallaa Hamdok yeroo fonqolcha mootummaa kana kan to'ataman.

Antooniyoo Bilinken humnoota waraanaa gaggeessitoota sivilii akka gadi dhiisaniifis gaafateera.