Sudaan gamaa daangaan Itoophiyaa karaa al- Faashagaatiin halaalleen irratti raawwatamuu himatte

Madda suuraa, Getty Images
Sudaan yaalii waraanni Itoophiyaa daangaa ishee keessa deebisee qabachuuf taasisee ture qolachuu himte.
Dureen waraana Sudaan, Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaan, kunis yaalii fonqolcha mootummaa torban darbeetiin booda attamiin waraanni biyyattii eegaa akka jiru kan mul'isuudha jedhan.
Ibsa kana keessattis, taateen kun aanaa Umm Baaraakit jedhamu keessatti mudachutu eerame.
Himannaa kanarratti yaada gama waraana Itoophiyaatiin jiruu argachuuf yaalamu illeen BBCn deebii hin arganne.
Haata'u malee al- Jaziiraan maddeen mootummaa Itoophiyaa eeruun akka gabaseetti, ''Humnootiin keenya daangaa Sudaan irratti sochii taasisuu ykn bakkeewwan kamuu keessaa seenuu hinbeeknu,'' jedhan.
Bakkeen Umm Baaraakit jedhamu kunis kan naannawa irratti waldhabamu fi mudamni itti dabalaa jiru, al-Faashaagaa keessatti argama.
Naannichatti lafa gabbataa qonnaa baroota dheeraaf lammiileen Itoophiyaa misoomsaa turan Sudaan kan kootii jechuun himataa turte.
Erga Itoophiyaan hidha guddicha Haaromsaa Laga Abbayyaa irratti ijaaruu eegalteefi waraanni naannoo Tigraay keessatti eegalamee kaasee walitti dhufeenyi Sudaaniifi Itoophiyaa jidduu wal jalaan laafuu eegale.
Baatiiwwan muraasaan asis, guutuu naannoo al-Faashaagaa keessatti yeroo garaa garaatti walitti bu'iinsi mudachu gabaafameera.
Sudaan erga dhuma bara darbeetii kaasuun waraana ishee achi kan qubachiifte yoo ta'u, UN ammoo jalqaba bara kanaatti loltoonni Ertiraa, waraanni Itoophiyaa fi milishaan Amaaraa naannoo waldhabdeen itti mudate sana keessaa socho'aa jiraachuu himee ture.














