Mootummaan bakka hedduu deebisee to'achuu himus, TPLF ammoo 'tarsiimoofi' jedhe

Loltoota alaabaa Itoophiyaa qabatanii haabbachaa jiran

Madda suuraa, AFP

Mootummaan magaalaa seena qabeettii Laaliibelaa dabalatee naannoo Affaariifi Amaaraa keessatti bakkawwan murteessoo ta'an deebisee to'achuu ibsus, hidhattoonni TPLF ammoo 'tarsiimoo sirreeffachaa jirra' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa adda waraanaa hedduu naannolee Amaaraafi Affaar keessatti injifannoo argachaa jiraachuusaa ibsus, TPLF garuu tarsimoo haaraa sororfachaa jirra jechuun TV Tigraay irratti ibsera.

"Tarsimoofi tooftaan waraanaa faana bu'aa turre, akkasumas iddoowwan Amaaraafi Affaar keessaa qabannee turre siyaasaafi humna waraanaa murteessaa ta'uu hubannee osoo jirruu amma garuu tooftaa keenya sororsuun murteessaa ta'ee argameera.''

''Sababni isaa ammoo gidiraa diinni itti jiruufi tooftaa babal'ifannaa humnootii Amaaraaf fala kaa'uun waan barbaachisee argameef,'' jechuun hime TPLF ibsa baaseen.

"Kanaaf jecha sarara ittisaa keenya irratti jijjiirama hanga ta'e uumuun waraanicha yeroo gabaabaa keessatti goolabuuf,'' jedha gabaasi TV'n Tigraay ''Ajaja Giddu-galeessaa Humna Waraanaa Tigraay'' wabeeffachuun dhiyeesse.

Waraanni mootummaa Ministira Muummee Abiy'n durfamu iddoowwan TPLF qabatee ture kanneen akka Laalibalaa, Shawaa Roobit, Cifraa, Gaashanaafi adda waraanaa hedduu naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa kanaan dura humnootii TPLF jaa turan bilisoomsuu ibsaa jira.

Bakkeewwan to'annoo motummaa fi finciltootaa kalatti argaman addatti

Ministirri Muummee Abiy Ahmad Kibxata darbe adda waraanaarraa ibsa kennaniin, ''diinni mo'amee jira, barbadeessuu qofatu hafa,'' jechuunsaanii ni yaadatama.

Ministirri Muummee Abiy qaamoleen isaaniin lolaa jiran namoota leenjii waraanaa hin qabne hiriirsuun badii lubbuu hedduutiif sababa ta'uurraa akka of qusatan dhaaman.

Kanaan dura dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gamasaaniin turtii BBC waliin taasiseen, namoonni mootummaan dirree waraanaatti ergaa jiru kanneen muuxannoo fi leenjii waraanaa gahaa hin qabne waan ta'aniif garmalee dhumaa jiru jechuun ibsee ture.

Ministirri Muummee Abiy garuu ammas taanaan namoonni TPLF jala deemaa jiran hunduu harka kennuun dhumaatii lubbuu hambisuu qabu jedhan.

''Dargaggoonni Tigraay garee gara deemu hin beekne jala deemuun lubbuunsaanii garmalee badaa jira.''

''Akka baalaatti harca'aa jiru. Dargaggoonni kunneen injifatamuu hubatanii raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa, milishaa fi uummatatti harka akka kennatan. Yoo akkas hin goone waanti samoona ta'aa ture itti fufa, akka baalaa harca'uunsaanii kan dhaabbatu miti,'' jedhan.

Harmootiin Tigraayis ijoolleensaanii eessa akka jiraniifi akkamitti akka jiran hordofuu qabu jedhan Ministirri Muummee Abiy.

Guyyaa kaleessaa ammoo magaalaa seena qabeettii Laallibalaa dabalatee iddoowwan murteessoo ta'an waraana mootummaan qabatamuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibsee ture.

Finciltoonni Tigraay mootummaan addaa waraanaatti milkaa'aa jiraachuu ibsuunsaa soba jechuun himateera.

''Gareen kun guyyuu adda waraanaatti injifachuun iddoo murteessoo ta'an qabadhe jedhee uummata sobaa oola. Dhugaan jiru garuu nuti haala mijeeffachuuf hojiirra jirra. Haala fooyyee qabuun ofirraa qolachuuf mala dhahaa jirra,'' jedha gabaasi TV Tigraay.

Bakka nuti hin turreefaa eeruun harkaa baasneerra jedhanii dubbatu. Achitti suuraa ka'aa oolu. Haala kanaan uummata sobaa oolu.

Waraana waggaa 30 oliif leenjii ga'aa argachaa ture, akkasumas dahannoo waraanaa darbuun hin danda'amu jedhanii amanan ijaaranii waraana dadhaban guyyaa sadii keessatti waraana leenjii ga'aa hin qabneefi milishoota umriinsaanii waggoota 60 fi 70 keesa ta'een humna keenya dura dhaabachuu gonkumaa hin danda'amu,'' jedha ibsi kun.

Gamtaa Afrikaafi UN waraanni dhaabbaachuun gareen lamaanuu mariitti deebiyuun waldhabee isaanii akka furaniif wayita hojjetaa jiranitti kan waraanni Kaaba Itoophiyaa kun daran hammaachaa dhufe.

Ergamaan Addaa US Gaanfa Afriikaa Jeefrii Feeltimaan daawwannaa torbaniin dura Itoophiyaatti taasiisaniin booda ibsa kennaniin haalli waraanaa itti fufee jiru yaalii dhimmicha karaa araaraatiin fufuuf taasifamuutti gufuu akka hintaane yaaddoo qabaachu kaasani ture