Waraana Tigraay: Xumurri waraana Kaaba Itoophiyaa maal ta'uu danda'a?

Madda suuraa, Government Communication
Lolli Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko dura Naannoo Tigraayitti eegale haalota hin eegamne mul'isaa yoona gaheera. Waraanni kuni haalota jijjiiraman mul'isuun isaa itti aanee maaltu ta'a isa jedhu tilmaamuuf rakkisaa godheera.
Erga MM Abiy gara aangootti dhufanii as hariiroon mootummaan federaalaa yeroos olaantummaa kan qabu TPLF waliin qabu hammaataa deemus waraanni dhiiga lolaasu ni mudata jedhanii kan shakkan muraasa qofa.
Agarsiisi waraanaa, sababa weerara Covid-19'n filannoon achi darbuu, Tigraayitti addatti filannoon adeemsifamuufi hariiroon mootummaa federaalaa waliin jiru adda cituun haalicha hammeesseera.
Waraanni waggaa dura Tigraayitti eegale bulchiinsa yeroos naannicha bulchu aangorraa buusuun yeroo kan fudhatudha jedhanii hedduun tilmaamaniis torban sadii caalaa hin fudhanne.
Waraanni federaalaa humnoota TPLF irratti olaantummaa fudhatee Maqalee erga to'atee booda bulchiinsi yeroo hundaa'ee ture.
Finciltoonni haleellaa riphee loltummaa raawwachuuniifi lolli ji'otaaf erga turee booda mootummaan addatti labsii dhukaasa dhaabuu labsuun waraana isaa Naannoo Tigraay keessaa baasee ture.
TPLF lubbuu horuu
Waggaa darbe baatii Waxabajjii keessa Naannoo Tigraay deebisee kan to'ate TPLF, of ijaaruun gara Naannoo Amaaraafi Affaaritti ce'uun haleellaa raawwate.
Kanaanis bakkeewwan to'achuun sarbama mirga namoomaafi qabeenya irrattis mancaatii raawwatuu naannoleen lamaaniifi dhaabbileen mirga namoomaaf falman gabaasaniiru.
Lolichi gaafa kaan qabbanaa'aa gaafa kaan cimaa baatii Onkololeessa waggaa kana lolli hammaatee keessumaa finciltoonni bakkeewwan Walloo Kaabaafi Kibbaa Naannoo Amaaraa keessa argaman to'atan.
Keessumaa erga humnoonni TPLF Kombolchaafi Dasee to'atanii booda finciltoonni Tigraay WBO waliin ta'un imala gara Finfinnee cimsuu isaanii himan.
Gama Affaariin immoo bakkee murteessituu Cifraa jedhamtu to'achuun daandii Finfinnee Jibuutii geessu to'achuuf yaalii taasisaniiru.
Lolli Kaaba Walloorraa gara Kibba Wallootti eegasiis gara Shawaa Kaabaatti babal'ataa yeroo dhufu naannoleen Amaaraafi Afaar humna addaa qabaniin dabalata ummati akka lolarratti hirmaachu waamicha taasisan.
Mootummaan federaalaa immoo lammiileen hunduu waan danda'an akka godhan waamicha dhiheesse.
Dabalataan finciltoonni Tigraay finciltoota kaan biyya keessa sosso'u jedhan waliin Ameerikaatti qindoomina uumuun gara Finfinnee akka seenu danda'aniifi humni isaan dhaabsisu akka hin jirre ibsanii turan.
Waamicha nagaa
Adeemsa kana hunda keessa Gamtaan Afrikaafi mootummaan Ameerikaa lolli kuni mariin akka xumura argatuuf gara Finfinneefi Maqalee deddeebi'un carraaqqii taasisaa turan.
Haa ta'u malee, gama lamaanuu bu'aan ifatti mul'atu osoo hin dhufin Obasaanjoofi Feltimaan gara dhufanitti yeroo deebi'an waraanni itti fufe.
Mootummaan jalqabumaa qaama galmee shororkeessummaa jala galche waliin marii akka hin teenye ibsuus badiifi buqqaatii Amaaraafi Afaaritti mudate eeruun hedduun mariin jiraachuu mala jedhanii tilmaamanis jijjiiramni homaa hin mul'anne.
Haaldureewwan gama finciltootaa dhihaatan mootummaan fudhachuu diduun walqabatee bakkeewwan gara Finfinnee qajeelchan to'achuun Naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa gahun isaanii lolaan xumuruuf akka adeemaa jiran ibsan.

Inumaa si'achi dhimmi marii akka hin jiraanne ifatti bahanii dubbachuu eegalanii turani.
Ajajaa finciltoota Tigraay ta'u kan himamuu Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'e Dasee to'atanii gara Shawaa Roobit yeroo qajeelanitti waraanichi akka akka dhumateefi qaamni waliin marii taa'an akka hin jirre.
Dabalataan, kaayyoon isaanii mootummaa ce'umsaa ijaaruu akka ta'e himan.
Finfinnee irraa deebifamuu
Daseefi Kombolchaan to'atamuun yaaddoo guddaa kan uume yoo ta'u mootummaan Labsii Yeroo Muddamaa ji'oota jahaaf turu labsuun tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachuu eegale.
Kana hordofee biyyoonni Lixaafi dhaabbileen idil - addunyaa lolli Finfinnee gahuu danda'a jechuun lammiileefi hojjettoota isaanii Itoophiyaatii akka bahan akeekkachiisuun liqaa maallaqaafi kaanis akka gargaaran ibsaa turani.
Mootummaan garuu akeekkachiifni kunneen dhiibbaa uumuuf kan taasifamedha malee yaaddoon lolli Finfinnee gaha jedhu hin jiru jechuun mormiifi komii ibsaa ture.
Jiraattota magaalatti hirmaachisuun eegumsa magaalattiis cimse.
Ta'us, dippilomatoonniifi xiinxaltoonni dhukaasi dhaabatee mariin taasifamee waliigalteerra hanga hin gahamnetti finciltoonni Finfinnee seenuun isaaniifi mootummaan haaraa hundaa'e yeroo muraasa keessa balaarra bu'uu danda'a jechaa turan.
Obasaanjoon waraana dhaabuuf abdiin jira jechuun Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii (UN'f) ibsanis ammatti waan irra gahan hin baramne.
Murtoo MM Abiy
Waraanni Kaaba Shawaa iddoo gara garaatti bal'atee guyyoota muraasa keessatti maaltu akka dhalatu otoo hin beekamiin Koreen Hoji-raawwachiftuu Paartii Baadhaadhinaa haala yeroorratti mariyatee murtoo dabarse.
Paartichi maalirratti akka mariyateefi murtoon darbees bali'naan otoo hin dhiyaatiin walgahiin xumuramee sa'aatii booda MM Abiyyi murtoo gartuun kamiyyuu hin eegne ifoomsan.
Murtoon kunis namoota hedduuf hin galle, shakkii kaase.
MM Abiyi akka ajajaa humna waraanaatti wayita finciltooti magaalaa guddoo biyyattii Finfinneerra kiloomeetira dhibbaan lakkaa'amu qofti hafetti dhiyaatan loltoota hoogganuun gara dirree waraanaatti imaluun walfalmisiisa ta'e.
Sana caala mariif karraa banuutu fooyyedha jechuun murtoosaanii kanneen qeeqan turan.
Waraanni naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa qaqqabuufi MM Abiyyi dirree waraanaatti lola hogganuutti dabalamuu dhimmicha wal xaxaa gochuun olitti, waraanni garamitti akka ce'uu tilmaamuf rakkisaa ture.
Jeefrii Feeltmaan gara Waashingteenitti erga deebi'anii booda MM Abiyyi kan barbaadan TPLF naannolee Amaaraafi Affaar keessaa baasuun gara Tigraayitti deebisuu nan danda'an jedhanii akka amanan itti himuu dubbatanii turan.
Haata'u malee Feeltimaan haala waraana duraan gaggeeffaman ture yaadachuun, MM Abiy ofitti amanamumma mul'isan gaaffii keessa galchuun, ''waraanni Itoophiyaa naannoo Tigiraayi keessaa erga bahee booda waan uumame kaartaarratti qofa ilaaluun kuni ta'uu akka hin dandeenye amanuun ni danda'ama'' jedhanii turan.
Kanarraa ka'uun waraanaan fuulduratti dhiiburra mootummaan finciltoota TPLF wajjin mariyachuun falli akka barbaadamu jajjabeessu himanii turan.
Dirree Waraanaa
Murtoon MM Abiy maal fidee akka dhufu namoonni shakkan hedduun mala garaa garaa kaa'uu isaanitiin olitti, waraanichi caalaatti lubbuu namoota kan dabarsuufi akka dheeratu himaa turan.
Haata'u malee, torban tokkoo booda waraanichi kallatti geeddarachuu oduu agarsiisanitu dhaga'amaa ture.

Madda suuraa, fbc
Jalqabarratti karaa Affaariin lola cimaa gaggeeffameen raayyaan ittisaafi Humnoonni Addaa naannoo Affaar karaa Jabutii kan geessu, iddoo murteessituu taate Cifiraarraa finciltootarraa deebisanii to'achuun dhaga'ame.
Ittaansuun Shawaa Roobit dabalatee, bakkeewwan Shawaa Kaabaa keessatti argaman biroon finciltoota harkaa bahan.
Iddoon tarsimoof barbaadamtu Gaashanaan lola cimaa gaggeeffame booda finciltoota harkaa baate. Ittaansuun magalaan Laalibalaa humnoota mootummaa harka seente.
Adeemsa waraanaa kana keessatti maqaan MM Abiyyi ni kaafama ture.
Torbanoota lamaan darban waraana gaggeeffamaa turee kessatti raayyaan ittisaa Itoophiyaa, humni addaa naannoleefi milishoonni wal tumsuun kan waraanatti hirmaachuun kan himame yoo ta'u, duulli kunis otoo walirraa hin citiin gaggeeffame.
A.L.I Onkolooleessa 20, 2014 magaalonni Daseefi Kombolchaa finciltootaan wayita to'atamu adeemsa waraanarratti jijjiramni mul'ate guddaa ture.
Magaalonni gurguddoo lamaan kunneen waraana mootummaatiin deebi'anii to'atamuun adeemsi waraana geddaramuu isaatiif agarsiistu ta'u danda'a.
TPLF gama isaatiin, Shawaa Kaabaarraa amma Daseetti, sirumayyuu naannoo Affaar keessatti iddoowwan qabatee ture gadhiisuun injifatamnee otoo hin taane, iddoo tarsimoof jecha gadhiisanii bahu ibseera.
Garamitti?
Amma yoonaatti iddoowwan humnoota mootummaatiin to'aman Affaar, Shawaa Kaabaa fi Walloo Kaabaafi Kibbaa keessaa iddoowwan finciltoonni to'atanii turan harki caalaan isaanii to'annoo finciltootaan ala ta'aniiru.
Duulli itti fufee raayyaan ittisa biyyaa naannoo Amaaraa iddoowwan finciltoota jalatti hafan gadhiisisuu yoo danda'e, kallattiin waraana garamitti akka qajeelu ammaaf wanti beekamu hin jiru.
Waraanni akka kanaan duraa naannoo Tigiraayitti qajeelamoo finciltoonni naannoo Amaaraafi Affaar keessaa erga bahanii booda fala biraa barbaadu?















