Waraana Itoophiyaa: US fi UK dabalatee biyyoonni ja'a hidhaa 'sabummaarratti hundaa'e' jedhaniin yaadda'uu ibsan

Alaabaa UK, US fi Kanaadaa

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaafi Yunaayitid Kingidam dabalatee biyyoonni ja'a hidhaa 'sabummaarratti hundaa'e' jedhan Itoophiyaatti deemaa jiru ilaalchisuun ibsa waloo baasan.

Biyyoonni kunneen ibsa waloo isaaniii kanaan gabaasawwan hidhaa namoota saba irratti bu'eerraaffate jechuun mootummaa Itoophiyaa himataniin yaadda'u himan.

Ibsa waloo kana kan baasan Ameerikaa, UK, Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Denmaarkiifi Nezarlaandidha.

Biyyoota kanneen keessaa gara caalu lammiileen isaanii magaalaa Finfinnee akka gadhiisanii bahan watwaataa turan.

Ji'a dura dura finciltoonni Tigraay magaalota Daseefi Kombolchaa to'achuufi mootummaan Labsii Yeroo Muddamaa baatiiwwan ja'aaf turu labsuu hordofee hidhaan namootaa gabaafamaa tureera.

Haata'u malee, poolisiin Finfinneefi qondaaltonni mootummaa hidhaan raawwate kanneen garee shororkeessummaa deeggaruun shakkaman malee sabummarratti hundaa'uun kan raawwate miti jechuun deebii kennaniiru.

Dhalattoonni Tigraay BBCn magaalaa Finfinnee keessa dubbise ammoo yaaddoo akka qaban himaa turan.

Dhimma kana irratti Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa akkaataa hidhaan itti raawwatamu ilaalchisee akka yaaddoo qabuufi of eeggannoon akka qabamuu malu ibsee ture.

Guyyaa kaleessaa dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee keessa hiriira bahuun adeemsa TPLF balaaleeffatan jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Ibsi biyyoota kanaa yeroo mootummaan finciltoota Tigraay bakkeewwan Naannoo Amaaraafi Tigraay qabatanirraa gadhiisisaa jirutti dhagahame.

Ibsichi maal jedhe?

Biyyoonni kunneen ibsa baasaniin ''gabaasawwan hidhaa lammiilee Itoophiyaa saba irratti hundaa'een'' raawwatuun guddoo yaadda'u himan.

Dabalataan namoonni hidhaman himannaa malee ta'aniiru, akkasumas haala hin mijanne keessa jiru jedhan.

''Adeemsi kunneen gara caalu mirga idil addunyaa kan sarbaniifi ammuma dhaabatuu qabu,'' jedheera ibsichi to'attoonni idil - addunyaa akka daawwatan waamicha taasisuun.

Miidhaa xuxxuqqaa saalaa lola Kaaba Itoophiyaa keessa adeemaa jiruun walqabatees biyyoonni kuni yaaddoo qaban kan ibsan yoo ta'u kanneen lola keessa jiran lammiilee nagaa akkasumas hojjettoota deeggarsa namoomaa akka tiksan dhaamaniiru.

Lolli kuni waraanaan furmaata hin argatu kan jedhan biyyoonni kuni lolli akka dhaabatuufi waraanni Ertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahu gaafataniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti erga jalqabee waggaa kan darbe yoo ta'u sababa lola kanaan lammiileen miiiyoona 9 ol deeggarsa nyaataaf saaxilamaniiru jedheera UN.

Lammiileen miiliyoona 2 ol qe'eerraa yoo buqqa'an ummanni 400,000 ol ta'ummoo haala beela fakkaatu keessa jiru jedheera UN.

Lolli kuni dhaabatee mariin akka furamu carraaqqiin itti fufeera. Biyyooni waloon ibsa baasan kunneenis haal duree malee dhukaasi dhaabatee mariin akka eegalu waamicha taassianiiru.

Lammiileen Itoophiyaa adeemsa siyaasaa hunda hammateefi waliigaltee biyyaalessaa karaa siyaasaafi seeraa akka tolchan biyyoonni kuni ibsa baasaniin dhaamaniiru.