Waraana Tigraay: "Ni darba" - Abdiifi gaabbii dhalattoota Tigraay

Namoota mana hidhaa dura dhaabbatan

Madda suuraa, AO

Maanguddoo umuriin waggaa 72 Abboy Takilee Kidaan magaala Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Boolee keessa waggoota 40 ol jiraataniiru.

Dhala isaanii angafaa irraan kan hafe ijoolleen qaban ja'anis Finfinneedhumatti dhalatanii guddatan.

Waggoota 10 dura soorama bahanii hojii geejjibaa dhuunfaa keessa hojjetu ture. Umuriin isaanii deemaa waan dhufeef haadha warra isaanii waliin [qorrobanii] manaa gara mana sagadaatti deeddeebiyaa jiraatu.

Torban darbe keessa garuu poolisoonni 10 ol mana isaanii dhufanii 'ni barbaadamta' jechuun rakkisaa akka fudhatanii deeman artistii kan ta'e ilmi isaanii BBCf ibseera.

"[Loltootni sun] baayyee dheekkamanii ture kan dhufan, mana sakatta'anii wanti argatan hinturre. Meeshaa manaa diddiigan ofii keessan walitti qabaa jedhanii deeman," jechuun dubbata artistiin kun.

"Magaalaan keessatti dhaladheefi biyya kiyya jedhu keessatti giifii akka kanaa nan arga jedhee yaadee hin beeku."

Labsii Yeroo muddamaafi hidhaa hammaate

Waraana Kaaba Itoophiyaatti jalqabamee amma waggaa tokko lakkoofsiseen namoonni miliyoona 7 ol ta'an gargaarsi akka isaan barbaachisuufi kanneen kuma 400 ol ta'an ammoo haala beela hamaa fakkaatu keessa akka jiran odeeffannoon Mootummoonni Gamtoomanii ni mul'isa.

Walitti bu'insi kun naannoo Tigraay keessaa bahee gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'achuu isaa hordofee humnoonni Tigraay magaalota Walloo Kibbaa keessatti argaman, Daseefi Kombolchaa yeroo to'atanitti mootummaan Itoophiyaa labsii ji'a ja'aaf turu guutummaa biyyaatti hojiirra oolu labse.

Labsii yeroo muddamaa kun lammileen waraqaa eenyummaa qabatanii akka socho'aniifi humnootii nageenyaatiin yeroo gaafatamanittis akka dhiyeessan kan dirqisiisu yommuu ta'u, labsichi keessumaa dhalattoota Tigraay Finfinnee keessa jiraatan hidhaafi rakkoof saaxilaa akka jiru namoonni BBCn dubbise ni ibsu.

Itti-gaafatamaan dubbi himaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaaw Fantaa, "tarkaanfii mootummaan fudhataa jiruun kanneen hidhaman dhalattoota Tigraay qofaa miti, garuu irra caalaan ammo isaanidha," jechuun BBCf ibsaniiru.

Maatii isaanii dabalatee hojjetoonni isaa 12, akkasumas kokolaachistoonni Sagantaa Nyaata Addunyaa waliin hojjetan 72 akka jalaa hidhaman Mootummoonni Gamtoomanii ibsuun isaa ni yaadatama.

Konkolaachistootni hidhamanii turan hiikamuu isaanii Mootummoonni Gamtoomanii Jimaata kaleessaa ibse.

Hidhamuu hojjetoota Dhaabbatichaa ilaalchisee dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa kennaniin, hojjettoonni kunneen qajeelfama labsii yeroo mudamaa cabsuun akka hidhaman ibsaniiru.

''Haadha keenya' jechuun boo'aa jiru''

Dargaggeessi Finfinneetti dhalatee guddate biraa BBCn dubbise: Waggoota 10 oliif Poolisii Federaalaa kan tajaajilteefi barsiistuu Kollejjii Poolisii Federaalaa kan turte Adaadaan isaa *Tigistii akka fudhatamte ibsa.

"Ji'a lama dura isheeniifi dhalattoonni Tigraay biroo 'leenjiif isin barbaadna' jedhanii fudhatanii guyyoota 20f wiirtu leenjii Sandaafaatti argamu isaan galchan. Achii baasanii ammoo gara Xollaayitti isaan geessan," jedha.

Tigistiin digiriidhaan eebbifamanii poolisiitti kanneen makaman keessaa tokko yoo taatu, dubartii gaa'ela qabduufi haadha ijoollee lamaati. Ijoolleenshee umuriin isaanii wagga 7 fi 4 ta'an 'haadha keenya' jechuun boo'aa jiru," jedha.

Waraanni Tigraay kun erga jalqabameen booda dhalattoonni Tigraay humna ittisaa, poolisii federaalaafi tika keessa hojjechaa turan akka dhaabaan taasifamuun baay'een isaanii manneen hidhaa akka jiran BBCtti himaniiru.

Tokko tokkoon isaanii ammoo 'TPLF waliin hariiroo qabu' jedhamuun himanni kan irratti baname yoo ta'u, manni murtii waraanaa kanneen murtaa'anirratti hidhaa murteesseera.

'Kan ittiin maallaqa argatan taasisaniiru'

Hospitaala mootummaa keessa doktora baqaqsanii wal'aanuu onnee ta'ee kan tajaajilu obboleessa isaa poolisoonni hidhataniifi namoonni tikaa sivilii uffatan bakka hojiisaa dhufanii akka fudhatan namni sodaa nageenyaaf maqaasaa himuu hin dandeenye tokko ni dubbata.

"Obboleessi isaa kun sababa eenyummaa isaarraan kan hafe balleessaa tokkollee hin qabu," jedhee amana namni kun.

"Junticha waliin hariiroo akka qabdu shakkineerra," jechuun rakkisaa jalqaba Garjii tursiisanii booda ammoo buufata Poolisii Laga Haar akka geessan dubbata.

"Si'a takkaa qofadha kan dubbisne," kan jedhu obboleessa doktora hidhamee kanaa, poolisiin itti dhiyeenyaan waan hordofuuf "nagaa kooti" jechuun alatti waa'ee wanta uumamee dubbachuu akka hin dandeenye ibseera.

Namni obboleessi isaa jalaa qabameefi artistiin abbaan isaa jalaa hidhames hiiksisuudhaaf maallaqa kan barbaadan akka jiran, kaffalanii ammoo kan hiikaman, akkasumas maallaqa olaanaa namoota gaafatama nakka beeku ibseera.

Itti-gaafatamaan Poolisii Finfinnee Komaandar Faasikaaw Fantaa kana waliin walqabsiisuun dorsisuudhaan, akkasumas namoota hidhaman hiiksisuudhaaf maallaqa fudhachuudhaaf miseensonni poolisii yaalan shan to'annoo jala oolfamanii qorannoon irratti taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Gochi akkasii kun namoota dhuunfaa muraasaan kan raawwatamu waan ta'eef miseensota poolisii waliigalaa kan bakka bu'u waan hin taaneefi wanti akkasii, "akka yakka qarmattiitti hin ilaallu. Akka biyya ganuutti lakkaa'ama," jedhaniiru.

'Manneen hidhaa guutaniiru'

Dhalattoonni Tigraay tokko tokko dhalattoota saba sanaa ta'uusaaniillee maatiiwwan hin beekne ijoolleesaanii waliin jumlaadhaan hidhamuufi rakkachuu isaanii olloonni isaanii ni ibsu.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen hidhaan magaalattii keessatti gaggeeffamaa jiru haadhotiifi daa'imman akka dabalatuufi eenyummaa bu'uura kan godhate akka fakkaatu eereera.

Namoonni BBCn dubbise akka jedhanitti maatii isaanii hidhaman keessaa hanga ammaa namni mana murtiitti dhiyaate akka hin jirre dubbatu.

Manneen hidhaa waan guutaniif namoonni baay'een mooraa maneen barnootaafi man-kuusawwan keessa haala rakkisaa keessatti akka argaman namoonni ijaan argan ibsaniiru.

Namoonni baay'een maatiiwwan isaanii eessatti akka hidhaman kan hin beekne yoo ta'an, tokko tokko gara naannoo Affaar, Awaash Arbaafi gara Sandaafaa geeffamuu isaanii dubbataniiru.

Komaandar Faasikaaw hanga ammaatti Finfinnee keessatti namoonni meeqa akka hidhaman odeeffannoo akka hin qabne kan ibsan yoo ta'u namoonni tokko tokko guyyoota muraasaan booda gadhiifamuusaanii ibsaniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa namoonni dhibba torbaa ol ta'an akka hidhaman kan ibse yoo ta'u, Mootummoonni Gamtoomani ammoo yoo xiqqaate namoota kuma tokko akka ta'an himeera.

Hidhaan kun magaalaa Finfinnee keessatti qofaa akka hin taane odeeffannoon bakkawwan gara garaatii dhufan kan mul'isan yoo ta'u, jalqaba torban kanaarra Komihsinarri Olaanaa Komisinii Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii hidhaan kun akka isaan yaaddesse ibsa kennan irratti bakkawwan gara garaatti kan raawwatamaa jiru ta'uu eereera.

Dubbi himaan Komishinarichaa Liiz Tiroosel hidhaan dhalattoota Tigraay irratti xiyyeeffate dabaluun isaa dhaabbaticha akka yaaddessefi hidhaan kunis Finfinneetti, Gondaritti, Baahir Daarittiifi bakkawwan birootti labsii yeroo muddamaa hordofee poolisiin sakatta'insa taasisuufi namoota baay'ee ammoo hidhaa jira jedheera.

'Ni darba'

Miseensa poolisii federaalaa kan turte amma hidhamte magaalaa Adwaatti kan dhalatte yoo ta'u, abbaa daa'ima tokkoo kan ta'e doktorichi garuu Finfinneetti dhalatee akka guddate firoonni isaa ni dubbatu.

"Yeroo dheeraadhaaf magaalaadhuma kana keessa jiraanne, dhugaadha, Tigraay keessaas maatiiwwan qabna. Tgiroota akka taanes ni beekna, olloonni keenyas ni beeku. Eenyummaa keenya dhokfannee hin jiraanne. Wanti akkasii ni dhufa jennees yaadnee hin beeknu," jedhu.

Dabalataan, "erga waraanni kun jalqabee wagga tokko kanatti wantonni Tigirootaafi Tigraay ilalchisuun dubbataman namatti hin tolan. Hiriyyoota kiyya dhiyoorraa wanti anarra gahe hin jiru. Haata'u malee, maatiiwwan hedduu rakkoon irra gahe nan qaba," jechuudhaan miira fokkisaa itti dhaga'amu ibsa.

Maatiiwwan namoota hidhamanii BBCn dubbise harki caalaan haalli rakkisaan kun, "akkuma ta'etti ni darba" abdii jedhu qabu.

Odeessaaleen biroo kana waliin deeman: