Labsiin yeroo muddamaa mirga bilisaan yaada ofii ibsachuurratti dhiibbaa uumee?

Poolisii Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ka’e hordofee labsiin yeroo muddamaa keeyyata gabaasa miidiyaalee ilaallatu qabu A.L.I Onkoloolessa 23, 2014 hojiirra oole.

Labsiin guutummaa biyyatti keessatti ji’oota jahaaf hojiirra akka oolu labsame keeyyata 4 lakkoofsa 10 irratti gaazexeessitootaafi miidiyaalee ilaalchisuun waan ibse qaba.

Qaamni labsicha raawwachiisu ‘’kallattiinis ta’e al-kallattiin miidiyaa gartuulee shororkeessitootaaf deeggarsa hamilee kenna jedhee amanu ykn gaazexeessaa abbaan taayitaa dhimmichi ilaallatu akka hojiirra ittifaman ykn eeyyamni hojii isaanii akka haqamu ykn hojiirra akka ittifamu gochuu danda’a’’ jedha labsichi.

Itti aansuun lakkoofsa 6 irratti labsicha ilaalchisuun haasaa dhorkaman ibsa.

‘’Sochii qajeelfama labsii yeroo muddamaafi kaayyoo labsichaa kan mormu, akkasumas kaayyoon gartuulee shororkeessitoota akka milkaa’uuf kan gumaachu, gartuulee shororkeessitoota kan jajjabeessu, haasaa namoota nagaa shororkeessu dubbachuufi tamsaasuun dhorkamaadha,’’ jedha.

Daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kaa’ame kun miidiyaalee irra darbee lammilee biyyattii kaanis akka ilaallatu eere.

Bara dijitaalaa kanatti maamiltoonni miidiyaalee hawaasummaa odeeffannoo ni fudhatu, ni tamsaasa.

Kanaaf maamiltoota miidiyaaalee hawaasummaa miliyoonaan lakkaa’aman akkuma miidiyaalee idilee seeraan to’achuun danda’amaa? jennee hayyuu heeraa Aadam Kaase(PHD) gaafanneerra.

Aadam akka jedhanitti, seerri wayita bahu hunda to’achuun ni danda’ama ilaalcha jedhurraa ka’uun miti, bara dijitaalaatti to’annoo akkasii gochuuf guutummaatti hin milkaa’u jedhan.

Haa ta’u malee, muraasa isaanii kanneen gurguddoo ta’aniifi miidhaa mul’atu qaqqabsiisu jedhamee sodaatamu to’achuuf seeronni bahu jedhan.

‘’Mirgi bilisummaan yaada ofii ibsachuu sadarkaa addunyaatti mirgoota daangeeffamu malu keessaa tokkodha. Kanaafuu daangeffamuun waan haaraa miti,’’ jedhan

‘’Daangaan wayita kaa’amu komiiwwan ka’an sirnaan keessummeessu qopheessu barbaachisa,’’ jedhan.

Dhimmooni labsichaan keessatti ibsaman labsiin yeroo muddamaa hanga ka’utti qaamni murtee kennu kamuu aangoo akka hin qabne labsame.

Aadam akka jedhanitti, tarkaanfiin miidiyaaleerratti fudhataman kanneen biroorratti sodaa guddaa uumu.

Sodaan akkasii ‘’ogeeyyiin miidiyaalee hojiisaanii sirnaan akka hin hojjannefi nan adabama jedhanii akka of to’atan fi hawaasni odeeffannoo sirnaan akka hin arganne godha,’’ jedhan.

Sodaa labsiin yeroo muddamaa uume

Barreessan Waldaa Miidiyaalee Itoophiyaa Obbo Sisaay Sahiluu, hanga tokkoo sodaa uumame qabaachu dubbatu.

Kunis qaamoleen labsicha raawwachiisan biratti hojimaatni walfakkaataan dhabamurraa dhufe jedhan.

‘’Biyyi balaa keessa jiraachu ni hubanna. Haata’u malee, gaazixeessitoonni odeeffannoo sirnaa hawaasaaf dhiyeessuu qabu‘’ jechuun himu.

Dabalataan, ofii isaanii gabaasaaf magaalaa Finfinnee bahanii waayillan hojii biroo waliin sa’aatii lamaaf qaamolee nageenyaatiin to’atamanii turuu dubbataniiru.

‘’Baajii fidaa jedhu. Waraqaa eenyummaa itti agarsiifne. Sa’aatii kanatti baajii otoo hin qabaatiin hojjachuun hin danda’amu jedhu. Kuni gaazexeessaan abdii akka kutatu taasisa,’’ jedhu.

Labsii yeroo muddamaa irratti wanta hin daangeffamne fa’aa gaafatu, akkaataa hubannaarrattis rakkoon jira,’’ jedhan.

Sisaayi Waldaan isaanii labsiin yeroo muddamaa ofii isaatiif rakkoodha jedhee amanu, rawwiirratti rakkoo qabachuu amana jedhu.

Jaarmiyaa mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ Gammoojji Sahaaraan gaditti Bakka-buutuu kan taate Mutukii Muumoo, yaada kanatti hin amanan.

Mutukii Muumoo labsichi rakkoolee bu’uuraa qaba jedhu.

Labsichi keessa keessattu qondaaltoonni daangaa malee namoota qabanii hidhuu akka danda’an aangoo argachuun, kallattiifi al-kallattiin deeggarsa hamilee kennu dhaabbileen miidiyaa jedhaman tarkaanfi eeyyama hanga haquu gahutti ajajuun yaaddeessadha jedhe amana CPJ’n jedhan.

Dabalataan, tibbana qaamni raawwii labsichaa to’atu ajajni baase, waraana ilaalchisee qondaaltoota dhimmichi ilaallaturra yoo hin taane gabaasa dhiyeessuu dhorkuu isaa ni kaasu.

Labsiiwwan kun hiikaa itti kennuuf mijatoo ta’uufi iftoomina dhabuun yaaddoo biraati jedhan Mutukiin.

Magaalaa Dasee
Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Itoophiyaa baatii tokko dura magaalonni kanneen akka Dasee finciltotaan to'atamuu hordofeeti Labsii Yeroo Muddamaa kan labse

Keessattuu seeronni yaada bilisaan ibsachuu daangeessan wayita bahan namoonni dhimmichi ilaallatu amala isaanii seericha waliin akka sirreeffachuu danda’an ifa ta’uu qabu jechuun BBCtti himan.

‘’Fakkenyaaf al-kallattiin hamilee kennuufi jechuun maal jechuudha? Qaamolee nageenyaa mootummaan tarkaanfii fudhadhaa jechuun? Hidhaa jechuudha?

''Moo meeshaa gaaxizeessaan ittiin hojjatu irraa saamaa jechuudhamoo eeyyama isaa haqaa jechuudha? Kun ifatti hin ibsamne. Ittaansun ibsi bahe ‘’gabaasa kan dhorkuudha’’ jedhanii dubbatan.

Kana waliin sodaan jiru mirgoota bu’uuraa dhala namaa akka sarbamuuf karra bana kan jedhu akka ta’e himan.

‘’Aangoon guddaan labsii yeroo muddamaa keessa kaa’amu dagachuu hin qabnu’’ kan jedhan Mutukiin, namoonni waan shakkamaniif qofa otoo hin qoratiin yeroo hin daangeffamneef nagayee mana murtii malee hidhuu labsichi eeyyameera jedhan.

Barreessaan Waldaa Gaazixeessitoota Obbo Sisaay akka jedhanitti, odeeffannoo akkatti tamsa’urratti gufuu ta’eera, Kunis ‘’qaama mootummaa tokkorra gara miidiyaa mootummaatti akka yaa’u’’ taasise.

Keessattu miidiyaalee dhuunfaarratti dhiibbaa uumuun, odeeffannoo qulqulluu hawaasa kennuurratti rakkoo uume jedhan.

Nageenya Gaazexeessitoota eeguuf

Barreessaan Waldaa Miidiyalee Itoophiyaa Sisaay akka jedhanitti, waldichi haaraa waan ta’eef mirga gaazexeessitootaa eeguuf tattaaffiin godhe xiqqaadha.

Gaazexeessitoonni wayita to’ataman ibsa baasun dhiibbaa uumuuf akka yaalan dubbatan. Waldichi hanga yoonaatti hojii quubsaa akka hin hojjanne Obbo Sisaay kan himan.

Yeroo labsii yeroo muddamaa kanatti gaazexeessitoonni akka seeraan ala hin to’atamne gochuuf yeroo yerootti akka mariyatan himan.

Mutukiin gama isaanitiin akka jedhanitti, nageenya gaazexeessitoota eeguun dirqama mootummaati, miidiyaaleenis nageenya hojjattoota isaanii eeguuf itti gaafatamummaa qabu.

Gaazexeessitoonnis gama isaaniitiin dirqama isaanii dagachuu hin qaban, hojiin isaaniif kenname hamaa ta’uu adda baasun hojjachuuf fedha akka hin qabne dubbachuurra of qusachuu malu jedhan Mutukiin.

Kanaafuu kutaan oduu gaazixeessitoonni gabaasa tokko eegaluu isaanii dura nageenya isaaniif dursa laachuu akka qaban himaniiru.