Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Waraanni Itoophiyaa gara gocha duguggaa sanyiitti geessuu danda'a' - Seenaatara US

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Kaaba Itoophiyaa gara gocha duguggaa sanyiitti geessuu danda'a jedhan miseensi koongirasii Ameerikaa seenaatar Kiriis Kuuns turtii raadiyoo BBC 'Focus On Africa' waliin taasisaniin.
Waraana Sadaasa bara 2020 eegale jalqabarraa kaasanii hordofaa turuu kan himan seenatar Kiriis, waraanni Itoophiyaa keessaa fiixee duguuggaa sanyiirra jiraachuun "daran yaaddessaadha" jedhan.
Seenaatar Kiriis kana kan jedhan wayita Loltoonni mootummaa federaalaa fi deeggartoota isaa magaalota naannoo Amaaraa finciltoota Tigraayiin qabamanii turan deebisee to'achaa jirutti.
Magaalotni ijoo akka Deessee, Kombolchaa, Laalibaalaa, Baatii fi kaan to'annoo humnoota federaalaa jalatti deebi'aniiru.
Mootummaan federaalaa injifannoo waraanaa argateen magaalota kana bilisoomsuu yoo himu, TPLF ammoo magaalota kana tarsiimoof jecha gadi dhiisee bahuu hima.
Ameerikaan ammallee lammileen ishee Itoophiyaa gadi dhiisanii akka bahan waamicha gochuu itti fufteetti.
Kiriis Kuuns Maal jedhan?
"Waa'ee waraana Tigraay jalqaba MM Abiy waliin yoon dubbadhu, TPLF Raayyaa Ittisaa Tigraay keessa ture irratti tarkaanfii fudhachuu hordofee, Abiy reefu TPLF irratti haleellaa banuuf jalqabiirra ture" jedhan seenatar Kiriis.
Yeroos Ameerikaa fakkeenya fudhachuun, ''wayita waraanni waliinii Ameerikaa eegalu jeneraalonni gama lamaaniinuu turan waraanichi torbanoota keessatti xumurama jechaa akka turan itti himeen ture'' jedhu.
"Inni garuu tarkaanfiin waraanaa Tigraay keessatti loltooti isaa eegalan, torbanoota keessatti kan xumuramuu fi wanti ijoon hogganoota garee yakkamaa muraasa itti marsanii qabuu qofa malee waraana waliinii guutuu akka hin taane natti hime."
"Waraanni waliinii Ameerikaa torbanoota keessatti xumurama jedhamee eegalame waggoota afur akka turee fi waraana hamaa dhiigni hedduun irratti dhangala'e akka ta'e itti himeen ture" jedhu.
Fakkeenyi waraana waliinii Ameerikaa kun akka of duuba deebi'u isa taasisa jedhee abdadheen ture garuu hin taane jedhan.
Waggaa tokko booda gama lamaaniinuu akkasumas loltoonni Eertiraa fi milishoonni naannolee waraana suukkaneessatti jiru jedhan.
"Amma waraanichi danqaatti jira, furmaatni waraanaan argamu tokkollee hin jiru. Kanaaf qaamoleen lamaanuu hatattamaan gara marii akka dhufan hubachiisuun barbaada" jedhan.
Ameerikaan irra deddeebiin waraanichi mariin xumura akka argatuu waamicha gochaa turte. Sochii gama kanaan pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo godhaa jiran akka deeggartus beeksisaa turte.
Obasaanjoon hogganoota mootummaa federaalaa fi naannolee akkasumas kan TPLF waliin marii godhaa turan. Mootummaan Itoophiyaa yaada furmaataa isaan dhiyeessan eegaa jiraachuu waajjirri MM Itoophiyaa himeera.
'Gara duguuggaa sanyii geessuu mala'
Itoophiyaa keessa milishoonni saba bu'uura godhachuun ijaaraman jiraachuun Yugoslaaviyaa na yaadachiisa kan jedhan seenatar Kiriis Kuuns, akkuma Yugooslaaviyaa Itoophiyaanis bittinaa'uu malti yaaddoo jedhu qabaachuu dubbatu.
Itti fayyadamni jechoota saboota jidduu jiru, akkaataa marsaaleen hawaasaa san hammeessaa jiran, muddamni milishoota naannolee jidduu jiruu fi kaan akka daran isaan yaaddessu himan.
"Qarqara nagaa mariin argamuurra osoo hin taane, qarqara waraana gara duguuggaa sanyiitti geessuurra jirra" jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa faallaa kanaatiin biyya TPLFn diigamuuf jirtu baraaruuf lolaa akka jiru hima.
Humnoonni biyyoota alaa meeshaa waraanaa fi diroonii Itoophiyaaf gumaataa jiran waraanichi akka hammaatu gochaa jiru kan jedhan aanga'aan kun, waraanni kun wayita xumuramu itti gaafatamummaan jiraachuu qaba jedhan seenaatar Kiriis.
Kanaaf koongirasii Ameerikaa keessatti seera namoota waraana Itoophiyaa keessatti mirgooti namoomaa akka sarbamu taasisan itti gaafatamoo taasisuu fi waraanichaaf furmaata siyaasaa deeggaru eegalchiisuu himu.
Waraana kana keessatti qaamoleen hundi sarbama mirgoota namoomaa fi yakkawwan suukanneessoo raawwataniiru kan jedhan senaatar Kiriis, "dirqiin gudeeduun akka meeshaa waraanaatti bal'inaan dhimmi itti bahamaa ture" jedhan.
Hundaa ol yaaddessaan garuu "beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuudha" jedhan. Namootni miliyoonaan 7 ta'an deeggarsa namoomaa barbaadu kanneen 400,000 ta'an ammoo fiixee beelaarra jiru jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun himatamaa ture.
Haata'u malee qorannoon waloo komiishinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Waajjira mirgoota namoomaa UN, mootummaan ta'e jedhee beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu ragaa agarsiisu hin arganne jedheera.












