Sodaa weerara Yukireen irratti Baayidan Putiin akeekkachiisan

Marii viidiyoo Puutiiniifi Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Putiin Sochiirra marii gama viidiyoon godhame irratti argaman

Sodaa Yukireen Raashiyaan weeraramuu malti jedhu irratti pireezidantiin US Joo Baayidanii fi gitni isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin bilbila viidiyoo amma dura gidduu isaaniitti hin baratamaneen walarganii mariyataniiru.

Marii kana irratti pireezidant Baayidan Raashiyaan Yukireeniin yoo weerarte Ameerikaa fi michootni ishee tarkaanfii akka fudhatan ibsaniiru.

Raashiyaan Yukireen haleeluuf hin jiru haa jettuyyuu malee sochiin waraanaa jabaan jiraachuu isaa hordofee Waashingitan michoota ishee waliin ta'uun tarkaanfiiwwan diinagdee fi kaanis fudhachuuf qophoofte akka jirtu ibsiteetti.

Putiin Kiyeev dubbii barbaadaa jirtii jechuun Nato'n gama Bahaan daangaa Raashiyaatti siiqee sochii waraanaa fi babal'ifannaa gochaa jiru ilaalchisee wabii akka barbaadan dubbatan.

Aanga'ootni biyyoota gurguddoo lamaanii kun sarara viidiyoo bulchiinsa duraanii US'n nageenyummaan isaa cimee ijaaramee garuu hanga ammaa hojiirra oolee hin turreen akka gaggeefame maddii oduu Raashiyaa Tass gabaaseera.

Viidiyoon jalqaba marii isaaniirratti waraabame pireezidantootni lameen yeroo harka walfuudhan kan agarsiisu ta'us marichi garuu cufaatti gaggeefame. Sa'aatii lamaafis ture.

Akka Tass gabaasetti Putiin marii kana bakka jireenyaa isaanii risoortii Kibba Soociitti argamurraa gaggeessan.

Marii viidiyoo kanaan booda gorsaan dhimma nageenya biyyaalessaa US Jaak Suulvan gaazessitootaaf ibsa kennaniin yaaddoo weeraraa Yukireen ilaalchisee torbanoota dhufan keessatti tarkaanfii fudhatamuu malu ilaalchisee qophiiin godhamuu himaniiru.

''Wantoota bara 2014 hin goone amma gochuuf qophoofneerra'' jechuun bara Kreemiyaan Raashiyaan fudhatamte callisa warra Lixaa ibsaniiru.

''Pireezidantichi dhimmoota kana ilaalchisee ejjennoon Yunaayitid Isteets maal akka ta'e ifa godhniiru'' jedhan Suulivan.

Tarkaanfiiwwan US fudhachuuf karoorfatte keessa qoqqobbiin diinagdeefi loltoota dabalataa ishee Nato'tti makuun Yukireen deeggaruun dhaabachuu akka ta'es ibsameera.

Baayidanii fi qondaalota olaanoo

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Baayidan qondaalota olaanoo waliin maricha irratti hirmaatan

Taknaafiiwwan diinagdee fudhatamuu malan ibsuurraa of qusatanis bo'oo boba'aa gara Awurooppaa keessumaa gara Jarman galchuuf diriire Nord Stream 2, kan ammatti hojii hin eegalle tursisuun mala tokko akka ta'e akeekaniiru.

''Puutiin gaasiin bo'oo sana keessa akka yaa'u arguu barbaada yoo ta'e, balaa Yukireeniin weeraruun qabu fudhachuu hin fedhu ta'a'' jedhan Suulivan.

Weerarri kun ni raawwata yoo ta'e US fi Jarmaniin bo'oo gaasii kana cufuuf waliigaluun isaanii beekameera.

Tarkaanfiiwwan biroo yaadaman keessaa dhaabbilee faayinaansii Raashiyaa sirna kaffaltii idila addunyaa swift gargar kutuu fa'a ni argama.

Ammaan tana loltootni Raashyaa 90,000 ta'an daangaa Yukireenitti qubatanii argamu.

Humni waraanaa Raashiyaa inni guddaan ammoo lafa Yukireenirraa bara 2014 fudhatte Kiriimiyaa buufatee jira.

Gama Yukireeniinis lafa hidhattootni Raashyaan deeggartu fi bulchiinsa of danda'e ijaaruuf socho'an kan Doneeskiifi Luhaanesk jedhamanitti waraanni Yukireen guddaan bobba'eera.

Bara 2014 irraa eegalee walitti bu'iinsa Ukireeniifi Raashiyaa giddutti dhalateen namootni 14,000 ta'an lubbuu isaanii dhabaniiru.