Raashiyaa-Yuukireen: Laavroov Raashiyaan abjuun waraana kaasuu akka hin jiraanneef akeekkachiifte

Madda suuraa, Rooyitarsi
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Awurooppaan gara ''abjuu wal waraanuutti'' deebi'uu dandeessi jechuun akeekkachiisan.
Konfiransii nageenyaa Awurooppaa Iswiidinitti taa'ame irratti Laavroov humni waraanaa Nato gara Bahaatti akka hin babal'anne dhaabsisuuf jecha waliigaltee dhimma nageenyaa Awurooppaa haaraa morman.
Sekretariyeetiin US Antoonii Biliinken yoo Raashiyaan Yuukireen waliin walitti bu'insa keessa galuu barbaaddi tahe, ''balaa hamaa'' qabaata jechuun akeekkachiisan.
Wal gahichis Raashiyaan humna waraanaa ishee naannoo daangaa Yuukireenitti baay'isuu hordofee taa'ame.
Yuukireen akka jettutti Raashiyaan humna waraanaa 90,000 tahu naannoo daangaa qubachiifteetti.
Mooskoon ammoo kun Yuukireen haleeluuf miti jechuun waakkatti. Inumaa Kiiyev qophii waraanaa taasisaa jirti jechuun himatti.
Yeroo muddamni lamaan isaan gidduu dabaletti Raashiyaan basaastota Yuukireen jechuun kan shakkite namoota sadii Kamisa kaleessaa to'achuu himte.
Sadan isaanii keessaa tokko haleellaa shororkeessaa raawwachuuf karoorsa ture jedhamuun himatame. Kan hafan lamaan ammoo odeeffannoo nageenyaa funaanuu [basaasuuf] shakkaman jedhe Tajaajilli Tikaa Raashiyaa.
Obbo Laavroovii fi Obbo Biliinken konfiransii Dhaabbata Nageenyaa fi Wal Tumsaa Awurooppaa [OSCE] irratti wal arganiiru.
Qondaalonni US lamaan isaanii iyyuu Yuukireenitti marii dabalataa gaggeessuuf waliigaluu isaanii himan.
- Obbo Biliinken fuulduratti pirezidaantiin US, Joo Baayidenii fi kan Raashiyaa Vilaadmir Puutin kallattiin waliin mari'achuu akka danda'an eeran.
Ministerri Dhimma Alaa Raashiyaa wal gahiin Putin-Baayiden guyyoota dhufan kanatti akka gaggeeffamu himuun garuu guyyaa kam akka tahe hin himamne tajaajilli Oduu Interfaksi jedhamu akak gabaasetti.
Waxabajji keessa gaggeesitootni lameen Jeneevitti yeroo wal argan dhimma loltootni Raashiyaa naannoo daangaa Yuukireen buufachuu irratti marii gaggeessaniiru.
Jalqaba torban kanaati Putiin, Naton sochii isaa Yuukireen keessaa akka daangessu Ameerikaa irraa wabii barbaanna jechuun dubbatan.
Kamisa darbe garuu Laavroov Naton muddama jiru hir'isuu fi balaa qaqabu ittisuuf wixinee dhiyaateef fudhachuu hin barbaanne jechuun dubbatan.

Madda suuraa, Maxar via Reuters
"Bu'uuraaleen misoomaa tokkummaa waraanichaa [Nato] itti gaafatamummaa malee karaa Roomaaniyaa fi Poolaandi gara daangaa Raashiyaatti dhiyaateera, ittisa farra misaa'elaa kan haleellaa adda addaaf oolus qophheessera,'' jedhan.
''Misaa'eloonni fageenya gidduugaleessaa Ameerikaa Awurooppaa keessatti argamuu isaaniiti, kun ammoo abjuu wal waraansaa kan deebisee fidudha.''
Itti dabaluun Nato'n biyyoota Raashiyaa daangessan akka ''riqichaatti wal waraansaatti'' fayyadamuu akka hin qabne akeekkachiisan.
Akkasumas sanada dhimma nageenyaa raashiyaan qopheesite hubannoon ilaalu jennees abdanna jedhan.
Ibsa waloo konfiransicha irratti kennan irratti Bilinken tooftaa gaariin rakkoo hanbisuun danda'amu dippilomaasii fi Raashiyaan loltoota ishee daangaa irraa duubatti deebisuudhaan jedhan.
''Ameerikaan sanaaf haala mijeessuuf fedha qabdi...garuu yoo Raashiyaan walitti bu'insicha barbaadde balaa hamaa qabaata'' jedhan.
Roobii darbe pirezidaantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii, Baha Yuukireenitti humnoota foxxoquu barbaadan Raashiyaan deeggaraman irratti kallattumaan Raashiyaa waliin mari'achuuf waamicha godhaniiru.
Loltootni Raashiyaa Baha Yuukireen naannoo Donbaas kan qaama Luhaanisk fi Doonetiski taatee humna foxxoquu barbaadaniin to'atamtetti dhiyaataniiru.













