US-Raashiyaa: Vilaadmir Putiniifi Joo Baayidan yeroo jalqabaaf Geneevitti wal argan

Vilaadmir Putiniifi Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin, pirezidaantii US Joo Baayidan waliin yeroo jalqabaaf Jeeneevitti wal argan. Mariin baay'ee ulfaataa tahe gaggeesitoota lameeniifi garee isaanii gidduutti gaggeeffameen boodas pirezedaantonni miidiyaaf ibsa kennaa jiru.

'Joo Baayidan pirezidentii US isaan dura turerraa addadha jechuun jajateera Pirezidentiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin.

Joo Baayidan "nama muuxannoo qabudha" jechuun saatii lamaaf akka waliin mariyatan himaniiru.

Putiin dhimma gaggeessaa gareea mormituu isaa Navaaliinis kaasee dubbateera.

"Navaaliin waan hojjechuu barbaade hojjeteera," jedhan Putiin waa'ee morkataa isaa hidhaa jiru kana yeroo gaafataman.

"Namni kun seera Raashiyaa keessa jiru akka cabse ni beeka ture. Nama irra deddeebiin yakka hojjetedha.

"Akka barbaadamu sirriitti beeka ture, haata'u malee waan beekaadhuma hidhamuu barbaaduuf ta'e jedhee Raashiyaatti deebiye. Waan hojjechuu barbaade hojjeteera," jedhe Pirezedent Putiin.

Dhimmi Yuukireen, haleellaa saayiberii fi niwukileraas dhimmoota gurguddoo marichaa akka tahan eegamus, lameen isaanii waliigaltee seena qabeessa tahe irra gahu jedhamee akka hin eegamne himamaa jira.

Putin akkuma gaheen pirezidaantii Iswiizerlaandi, Gaay Parmeeliin simatamaniiru. Gareen Raashiyaa kan Baayiden dursuun kan gahan yoo tahu, dubbii himaan Kireemiliin Dimitirii Peskoov, ganama kana Televizhinii mootummaa biyyattiitti akka himanitti, mariin gaggeesitoota lamaanii ''baay'ee ulfaataa'' taha jedhan.

Roosiyaa 1 Tvtti akka himanitti gaggeesitootni lameen ''hoj-manee hafe baay'ee irratti waliigaluu qaban qabu,'' jedhan. Itti dabaluun Putin gaaffii qabu ifatti karaa gaarii taheen kaasuun furmaata barbaaduuf deema jedhan.

Peskoov marii gaggeesitoota lamaanii haalaan eegamu kanatti ''waan seenaa qabeessa hin tahu,'' jechuun bishaan itti naqaniiru.

'' Waan gatii qabuu miti, waan addaa eeguunis hin danda'amu. Hariiroon Raashiyaa fi US baay'ee ulfaataadha,'' jedhan.

Garuu gaggeesitootni lameen wal arguun rakkoo jiru irratti waliin dubbachuuf murteessuun isaanii matumti isaa waan gaarii akka tahe himan. Gareen Raashiyaa Putin waliin ministera dhimma alaa, Serge Lavroov, Dubbii himaa pirezidaantichaa, Dimitirii Peskoov, UStti ambaasadara Raashiyaa, Anatolii Antonov fi kaanis qabateera.

Gama Joy Baayideniin ammoo Ministirri Dhimma Alaa , Antoonii Bilinkeen walgahicha irratti ni argamu. Miseensonni Baayiden kaan eenyufaa akak tahan hin mirkanoofne.

Hariiroon Waashingitanii fi Mooskoo gidduu jiru amma baay'ee gadi bu'aadha. Baayiden akka aangootti dhufaniin kan hojjechuu barbaadan hidhannoo niwukileeraa fageenyaa dheeraa biyyoota lameenii kan daangessu irratti waliigaltee 'New START Treaty' jedhamu dheeressuu ture. Waliigalteen dheereffame kun kan turu hanga Guraandhala bara 2026tti qofaadha.

Humnoota cicimoo adunyaa gabbisa niwukileeraa to'achuu irratti irra deebiin waliigaluun dhimma marii isaanii taha. Haa tahu malee meeshaalee waraanaa saffisa guddaa qabani fi 'artificial intelligence' akka malee dabalaa dhufuun isaa yaaddoo guddaa uumeera.

Jeneev seenaa wal gahii gaggeeffamaa tureen ''magaalaa nagaa'' maqaa jedhamuun beekamti. Bara 1955 '' gurguddoota afur'' jedhamuun kan beekaman, hoggantootni US, Biriiteen Guddittii, Faransaayii fi Sooviyeet Raashiyaa achiiti wal arguun waraala Ololaa ture dhaabuuf waliigalan.

Waggoota 30 booda Roonaaldi Reeganii fi Mikaahil Gorbaachev asuma magaalaa Jeneevitti wal arguun hamma hidhannoo niwukileraa qaban xiqqeessuuf waliigalan.