Donaald Tiraamp: Hayyoota seenaa US duudhaa Tiraamp ittiin yaadataman irratti

Donald Trump in front of Mount Rushmore

Yeroon turtii aangoo pirezidaantummaa Doonaald Tiraamp har'a goolabameera. Waggootni arfan itti Tiraamp aangoo pirezidaanti irra turan US'f yeroo ulfaataa turan. Pirezidaantii akkanaa gara fuulduraatti seenaan akkamiin yaadata?

Hayyoonni seenaa qoratan haala kanaan kaa'aniiru.

Short presentational grey line

'Hariiroo isaan garee warra adii leellisan waliin qaban'

Jaarmiyaa barnootaa 'American Enterprise Institute' jedhamu keessatti adeemsa siyaasaa warra Paartii Rippaabilikanotaa fi Warraaqsa leellistoota sirna ganamaa (American conservative movement) kan qo'atan hayyuun seenaa Mathew Cotinetti hariiroo Tiraamp garee warra adii qofa leellisan waliin qaban irratti yaada kana kennaniiru.

Duudhaan Tiraamp maali?

Tiraamp pirezidaanti Ameerikaa jalqabaa yeroo lama aangoorraa akka buqqa'aniif himatan ta'uun yaadatamu.

Filannoon waliin dhahameera jechuun baayyee dubbatan, bakka bu'aa filannoo mirkaneessuuf walga'iin taa'ama jiruttis deggertootasaanii hiriira baasuun jeeqan.

Deggertoonnisaanii gamoo bakka buutonni uummataa keessatti walga'ii taa'an Kaappitaal Hiil akka weerarnii fi mootummaan aangoo heeraa qabu akka jeeqamu godhaniiru.

Hayyoonni seenaa waa'ee turtii pirezidaantummaasaa Tiraamp wayita barreessan, waa'ee jeequmsa kaasuu isaanii yaadaa barreessu jechuudha.

Hariiroosaan garee warra adii leellisan qofa waliin qaban, jeequmsa bara 2017 bulchiinsa Varjiiniyaa, magaalaa Charlottesville keessatti lubbuu namoota hedduu galaafate akkaataasaan itti ilaalaa turan, hookkarri sabummaarratti hundaa'e bara bulchiinsa isaanii bal'inaan mudachuun, fi dhiironni adda walbaasan shiraan wal haleeluun seenaa Tiraamp ittiin yaadataman keessaati.

Tiraamp wayita deggertoota isaaniitti dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Barri bulchiinsa isaanii weerara koronaavaayirasiin kan qorame pirezidaant Tiraamp garuu weerara dhibichaa ittisuun hafee ofumaayyuu of-eeggannoo gochuurratti rincicuun irra deddeebiin komatamaa turan.

Dhimma weerara koronaavaayirasi irratti Chaayinaa komachuun ilaalcha lammiileen Ameerikaa Chaayinaaf qaban hanga jijjiiruutti deemaniiru.

Gama kaaniin shororkeessitoota haleeluurratti xiyyeeffachuun dureewwan isaanii hedduu dhabamsiisuu, sagantaa teeknooloojii hawaa haaraa guddisuu, Mana Murtii Walii galaa keessatti olaantummaan saboota ganamaa(adii) akka jiraatu gochuu, talaalliin koronaavaayirasii yeroo qabame keessatti akka ga'u gochuudhaan yaadatamu.

Short presentational grey line

'Hooggansa addunyaarra kan biyyaa irratti xiyyeeffachuu'

Laura Belmonte Kolleejii Aartii fi Saayinsii Hawaasaa Varjiiniyaatti pirofeesara seenaati. Ogeettii hariiroo biyya alaa fi aadaa dippiloomaasii irrattis nama kitaaba barreessitedha. Waa'ee hooggansa Tiraamp kana jette.

Gama kanaan duudhaan Tiraamp maal?

Pirezidaanti Doonaald Tiraamp akkuma aangoo qabataniin hooggansa idil-addunyaa fi dippiloomaasii biyyoota hedduu laaffisuun biyya keessatti xiyyeeffatan. Bulchiinsa biyya keessaa qofarratti xiyyeeffatanii waan bara dabarfatan fakkaatu.

Kunimmoo hariiroo idil-addunyaa US daran miidheera, miidhaansaa gara fuulduraattis ittuma fufa.

Tiraamp kan bulchiinsa biyya keessaarratti xiyyeeffataniif hariiroo dippiloomaasaasiirratti laafina waan qabaniif.

Bara 2018 wayita gitasaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin dhimma giddu seentummaa Raashiyaarrratti ibsa kennan, gara Raashiyaa goruun biyyasaanii komatan.

Doonaald Tiraamp fi Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantichi waan warri dimokiraatotaa akka duudhaa Ameerikaatti eeggatan hunda qo'achuun faallaasaa hojjechaa turan.

Walii galtee haala qilleensaa Paaris keessaa ni ba'an, Dhaabbata Fayyaa Addunaa hin gargaaru jedhan, kana malees hooggantoota US waliin walitti dhufeenya gaarii hin qabaanne kanneen akka Kim Jong Un, Pirezidaantii Biraaziil Jeer Bolsonaaroo fi kan Tarkii Tayib Erdogaaan waliin walarganii harriioo gaarii uumuu akka fedhan ibsaafii turan.

Kun hunduu seenaa Tiraamp gara fuulduraatti ittiin yaadatamaniidha.

Short presentational grey line

'Dimokiraasii Ameerikaa qormaata keessa galchan'

Kathryn Brownell Yuuniversitii Purdue jedhamutti pirofeesara seenaati. Hariiroo miidiyaa, siyaasaa fi aadaa uummtaa irratti hojjetu. Keessattuu pirezidaantummaa Ameerikaa irratti xiyyeeffachuun hojjetu. Bara Tiraamp waan dimokiraasii Ameerikaa mudate akkanaan ibsan.

Duudhaan Tiraamp maal ture?

Doonaald Tiraamp fi gareen isaanii haala hin eegamnee fi argamee hin beekneen dimokiraasii Ameerikaan ittiin dhaadattu qorumsa keessa galchan.

Miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuun uummataa miiliyoona hedduu oduu sobaan oofaa turan.

Taateen Amajjii 6, 2021 Kaaappitaal Hiil mudate, oduu sobaa fi dogoggoraa Pirezidaantichi waggoota afran darbaniif facaasaa turan gubbaatti baasuun kan agarsiiseedha.

Donald Trump

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp yeroo hedduu odeeffannoo hin gulaalamnee fi yaada falmisiisaa uuman maxxansuun miidiyaa hawaasummaatti garmalee fayyadama aturan.

Firaankliin Roosevelt, Jooon of Keeneedii, fi Ronaald Reegaan akkasuma odeeffannoo hin gulaalamne miidiyaaa irratti dabarsuun beekamu, seenaan bara sanaa amma deebi'ee miidiyaa hawaasummaarratti Tiraampiin irra deebi'ameera.

Short presentational grey line

'Mana murtii bifa haaraa qabsiisuu'

Mary Frances Berry Yuuniversitii Peensalveeniyaatti Pirofeesara seenaa fi jiruu fi jireenya uummataati. Bara 1980 hanga 2004 'tti miseensa Komishinii Mirga Namaa US turte. Waa'ee qaamolee seera hojiirra oolchanii fi bulchiinsa Tiraamp akkas jette.

Duudhaan Tiraamp maal ture?

Pirezidaanti Tiraamp mana murtii fi hojimaata abbootii seeraan walqabatee imaammaa waggoota 20, 30 dhufuuf hojjechuu danda'u bu'uuressaniiru.

Pirezidaantiin itti aanu seerota muraasa baasuu yookiin ammoo dhiyeessuu danda'a, jijjiirami bu'uuraa Tiraamp kaa'an garuu yeroo dheeraaf kan turuudha.

Manneen murtii olaantummaa Ribbaablikaanotaan guutamee ture, abbootiin seeraa fedhii gartuu siyaasaa isaanii teellaatti dhiisanii waan biraa hojjetu jechuun rakkisaadha.

Trump applauds newly sworn in Supreme Court Justice pick Amy Coney Barrett

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp qondaala Mana Murtii Walii galaa haaraa muudaman Amy Coney Barrett'f wayita harka rukutan
Short presentational grey line

'Falmii filannoo 2020'

Margaret O'Mara Yuunversitii Oof Waashingitanitti Pirofeesara seenaati, waa'ee siyaasa, dingdee fi seenaa yeroo ammaa US irraatti hojjetu. Waa'ee falmii filannoo Tiraamp irratti yaada kana kennan.

DuudhaanTiraamp maal ture?

Filnnoo pirezidaantummaa akkaataa heeraa fi seera US kabajuun gaggeeffame kan mo'atan Joo Baayidan.

Tiraamp filannocha burjaajessuuf yaalii guddoo godhan. Erga mo'amaniis bu'aasaa fudhachuu didanii baayyee mataa jabaatan, deggertoonni isaaniis akkasuma.

Ce'umsi aangoo US rakkoo keessa seenee hin beekne keessa seeneera. Herbert Hoover injifatamuusaaniitti akkaan gadde, ammallee amanee hin fudhanne, daandii Pensalveeniyaa irraa dhaabbachuun sirna Baayidan aangoo qabachuuf taasisan eega.

Tiraamp seenaa aangoo dabarsuu US keessatti seenaa hin dagatamne kaa'anii darbaniiru.

Tiraamp fi kaabinootasaanii, bara 2017

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp deemuu danda'u, garuu wanti isaan bu'uuressanii darban sodaa guddaa uumuu mala.

Short presentational grey line

'Waa'ee Chaayinaa irratti komii'

Saikrishna Prakash Yuuniversitii Varjiiniyaatti pirofeesara seeraati, Heera biyyaa, hariiroo alaa fi aangoo pirezidaantummaa irratti xiyyeeffachuun hojjetu, komii Tiraamp Chaayinaarraa qaban akkanaan ibsu.

Duudhaan Tiraamp maal ture?

Barri dhumaa bulchiinsa Tiraamp xaxaa baayyee fi dhiibbaa guddaan kan itti uumame ture, deggertootasaanii irraan dhiibbaa guddaa ga'aa turan, akka irra deebiin dorgomanis ibsaa turan.

Dhimmi ijoon kan biraan ammoo komii isaan Chaayinaarratti dhiyeessaa turaniidha.

Chaayinaan diinagdee fi nageenya Ameerikaa barbadeessuuf hojjetaa jirti jechuun komii kaasu.

Kubbaaniyyaawwan Chaayinaa hedduus qoqqobaa turan.