Tiraamp Sudaaniifi Israa'el waliigaliigalteerra gahuun hariiroo tolfachuusaanii ibsan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Sudaaniifi Israa'eel walitti dhufeenya jidduusaanii jiruurratti waliigalteerra gahuu ibsaniiru.
Haaluma kanaanis Sudaan biyyoota Arabaa Israa'el waliin walitti dhufeenyasaanii fooyyeeffatan kan biraa taatee jirti.
Sudaan pirezidaant Omaar Al Baashir aangoorraa buufamuu hordofuun walitti dhufeenya Ameerikaa waliin qabdu fooyyeeffataa dhuufutu himama.
Sudaan walitti dhufeenya Israa'el waliin qabdu fooyyeeffachuuf yaalii taasisaa kan turte ammoo Ameerikaan galmee biyyoota shororkeessummaa deegaru jedhamanii keessaa akka haqxuuf akka ta'e hedduun ibsaa turan.
Israa'el erga bara 1948tti akka biyyaatti walabumaashee labsittee kaasee Sudaan walitti dhufeenya ishee waliin qabdu dhaabdee turte.
Dhiheenya kana ammoo Yunaayitid Araba Imiraatis (UAE) fi Baahireen Israa'el waliin walitti dhufeenya qaban irratti waliigalteerra gahuunsaanii ibsamuuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatunis Israa'eliifi Baahireen hariiroo waliin qaban gutummaatti fooyyeessuuf waliigalteerra gahusaanii kan ibsan pirezidaantiidhuma Ameerikaa Donaald Tiraamp turan.
Tibba sanattis, ''biyyi Arabaa lammaffaan Israa'el waliin waliigalteerra geessee jirti,'' jechuun karaa tiwitaraatiin barreessanii turan.
Biyyoonni Arabaa hedduunis erga dhimmi Filisxeemotaa hiikameen booda Israa'el waliin walitti dhufeenya itti fufna jechuun waggoota hedduuf Israa'eliin ofiirraa dhiibaa turan.
Waldhabuun UAE fi Israa'el jidduu jiru gara foyyaa'uutti kan dhufes jaarsummaa Ameerikaatiin yoo ta'u, Adooleessa ture ifatti walitti araaramunsaanii kan ibsame.
Haata'u malee, baatii darbee keessa UAE walitti dhufeenya Israa'el walii qaban fooyyeessuuf waliigalteerra geesseee jirti.
Hanga baatii darbeetti Masriifi Jordaan qofaatu Israa'eel akka biyyaatti ilaalaa ture.
Biyyoonni lamaan Israa'eliin wal daangeessan kunneenis karaadhuma jaarsummaa Ameerikaatiin bara 1979 fi 1994tti waliigaltee nagaa waliin mallatteessan.
Haata'u malee, lakkoofsi biyyoota Arabaa Israa'eliif beekkamtii kennannii dabalaa dhufuu warra Filisxeemotaatiin balaaleffatamaa ture.
Seenaadhumaanuu haasaan nagaa biyyoota Arabaafi Israa'el daangaawwan bara 1967 Israa'eliin qabamaniifi hundeeffama bulchiinsa Filisxeem gama Baha Yarusaaleem irratti hundeeffama ture.
Pirezidaantiin aangoo Paalesitaan Mahmuud Abbaa waliigalte haas hinfudhadhu jedhaniiru. Kanaafis qaamni Paalesitaanoota bakka bu'ee dubbatu kamu hinjiru jedhan. Hamaas kan Gaazaa to'atus ''cubbuu siyaasaa'' ittiin jedheera.
Waliigaltichi attamiin mallattaa'e?
Battaluma Mr Tiraamp Sudaan tarree biyyoota shororkeessummaa deegaran irraa haquuf socha'aniitti gaazexessitoonni waajjira isaanii Waashingitaniitti wal gahan.

Madda suuraa, Reuters
Wayita sanattis Mr Tiraamp gaggeessitoota Sudaaniifi Israa'el bilbilaan bakka tokkotti dubbisan.
MM Israa'el Benjaamiin Netniyaahoo gama isaanitiin waliigalticha, ''diraamaa fiixaan bahiinsa nageenyaaf'' akkasumas ''jalqaba jaarraa haaraa'' jechuun ibsana.
MM Sudaan Abdallaa Hamdook gama isaanitiin biyyasaanii tarree biyyoota shororkeessummaa deegaran irraa haqusaanitiif Mr Tiraampiin galateeffachuun ''mootuummaan Sudaan walitti dhufeenya idil-addunyaa biyyasaa caalaa fayyadu irrati hojjata,'' jedhaniiru.
Haasaa bilbilaatinis Mr Tiraamp; ''Kana kan 'Sleepy Joe' raawwachuu danda'u isinitti fakkaataa? jedhanii ture, dorgomaasaanii waa'ee Joo Baayidan kaasuun.
Mr Netniyaahoon ammoo, ''Eeyyeen Mr Pirezidaant wanti ani asirratti jechuu danda'u tokkoochi, um, uh, nama kamiyyuu Ameerikaa keessaa nageenya kanaaf deegarsa taasisee hunda ni galateeffanna.''
Walumaagalattis sochii imaammata alaa Mr Tiraamp taasisaa jiran kunis filannoo Sadaasa 3 gaggeefamuun deegarsa walitti qabachuu akka ta'e dubbatama.














