Joo Baayidan pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun kakuu raawwachuufi

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo Ameerikaa baatiiwwan muraasaan dura gaggeeffameen kan mo'atan Joo Baayidan pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun kakuu raawwachuuf jira.
Kaamaalaa Haaris ammoo itti aantu pireezidantii Ameerikaa ta'uun ifatti muudamu. Muudama kana irratti maal fa'itu akka ta'u eegama?
Of eeggannoo Covid-19 hanga yaaddoowwan nageenyaatti dhimmoonni guyyicha ilaalchisee baruu qabdan muraasni kunooti.
Guyyaan sirna kakuu kun maali?
Sirni muudamaa ykn kakuu (inauguration) guyyaa kabajaa pireezidantiin haaraa aangoo itti qabatu yoo ta’u, Waashingitan DC keessatti kan adeemsifamudha.
Wanti barbaachisaan injifataan filannoo pireezdantummaa kakuu pireezdantummaa raawwachuu isaati.
Kunis: “Hojii Waajjira Pireezdaantii Yuunaaytid Isteeti amanamummaan hojjachuufi dandeettiikoo guutuun Heera US kunuunsuuf, eeguufi ol qabuuf waadaa nan seena,” kan jedhudha.
Baayden erga himoota kana dubbatee booda, pireezdanti 46ffaa ta’uun aangoo isaa fudhata, sirnichis Kanaan dhuma. (Garuu kana qofa miti kabaji itti fufa.)
Kamaalaa Haaris ammoo pireezdaantichi muudamuun dura waadaa ishee galuun itti aantuu-pireezdaantii ta’uun ni muudamti.
Sirni muudama Baayidan yoomi?
Akka seeraaatti, sirni muudamaa Amajjii 20 irratti gaggeeffama. Haasaan banuumsaa sirnichaa ganama naannoo 5:30 irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, Joo Baayidan fi Kamaalaa Haaris gara guyyaa walakkeetti muudamu.
Sana boodaa Baaydan Waayit Haawus seenaa – kana booda Waayit Hawuus waggoota afuriif dhufaniif mana isaa ta’a.
Nageenyi guyyichaa akkam ta’a?
Guyyaan sirna muudama pireezdaanti akkuma barumeen karoora nageenyaa hedduu qaba, ammaa garuu erga deeggartoonni Tiraamp Amajjii 6 irratti US Kappitool seenuun hokkora kaasanii booda eegumsi caalaatti cimeera.

Madda suuraa, Getty Images
Aanga’oonni eegumsa dabaluun kutaa bal’aa magaalichaa cufaniiru. Karooraa eegumsa nageenya kan to’aata jiru Dhaabbata Basaasaa yoo ta’u looltooti 15,000 ta’an fi qoondaaltonni poolisii kumaatamaan lakkaa’aaman ni argamu.
Waashigitan DC ammaatti laabsii yeroo muuddamaa jala kan jirtu yoo ta’u, guyyaa sirna muudamaa sanattis itti fufa.
Dhaabbata Basaasaa bakka bu’uun eegumsa kana kan dursu Maat Miiler, guyyaa kanaaf karoorri kan eegale wagga tokkoo dura ta’uu Jimaata gazeexessittootatti himaniiru.
Baayden akkuma barametti waadaa isaa bakkeetti fudhachuu kan barbaadu yoo ta’u, lakkoofsi namooota saganticha irrati argamanii ammo kan hir’isamu ta’a.
Tiraamp sirnicha irratti ni argamaa?
Akka barametti pirezdaantiin aangorraa ka’uu yeroo pirezdaantiin inni haaraa aangoo qabachuuf waadaa seenuu ni ilala. Waggaa kana garuu haala addaan, pireezdaantiin aangoo gadhiisuuf jiru sirnicha irratti hin argamu.
“Warra gaafatan hundaaf, Amajjii 20 sirna muudama irratti hin argamu,” jechuun Tiraamp Amajjii 8 irratti barreeseera. Guyyaa sana irratti gara mana jireenyaa isaa Filooridaa jirutti ni imala jedhamee eegama.
Deeggartoonni isaa tokko tokko guyyaa Baayiden muudamu irratti karaa interneetaan “muudama lammataa” Tiraampiif qopheessuuf waadaa seenaniiru.
Namootni 68,000 ol ta’an Feesbuukii irratti sagantaa Tiraampiin deeggaruuf qophaa’e irratti ni hirmaanna jedhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kana dura pireezdaantoota sadii -Joon Adaams, Joon Quyiinsi Adams fi Andiruu Joonsan qofaatu sirna muudama pireezdantoota aangoo isaan irra fudhatanii irratti hin argamne, kunuu kan ta’e jarraa kana keessa miti.
Itti – aanaan Pirezdaant Maayik Peens garuu sirna kana irratti nan argama jedheera.
Covid-19 sirna muudamaa bara kanaa akkamiin geeddara?
Akka barametti utuu ta’ee yeroo sirna kanaatti namootni kumaatamaan lakka’aaman gara magaalaa Washiigtanitti ni imalu- bara 2009 yeroo Pireezdaanti Obaamaan muudametti namoota miiliyoona lamatu argame jedhamee tilmaamama.
Bara kana garuu hammi saganticha “hedduu akka murtaa’aa” ta’uu fi lammileen sagantichaaf gara Washiigtanitti imaluu irra akka of qusatan gartuun Baayden ibsaniiru.
Akkuma barametti Baayden fi Kamaalaan waadaa kan seenan gamoo US Kaappittol duratti yoo ta’u, aadaan kun kan eegalame bara 1981tti yeroo pireezdaant Roonald Riigan muudamedha.
Waltajjiirra namootni 200 ta’an fageenyaa isaanii eeggatanii akka taa’anii fi hundi isaanii sagantichaa guyyaa muraasaa dura qorannoo Covid akka taasisan Washington Post gabaaseera.

Madda suuraa, Getty Images
Sana booda baandii fi gartuu dibbee taphatanii fi miseensotaa waraanaa waliin Joo Baayden, Kamaalaa Hariisifi maatiin isaanii gara Waayit Hawuusitti ni gaggeessu.
Sagantichaa irratti weellistoonni argaman eenyu?
Sagantaa kanaratti faaruu biyyaleessaa kan sirbituu weellistuu beekaamtuu fi deeggartuu Joo Baayden kan taate Leedii Gaagaa yoo taatu, Jeenifar Looppeez ammo saganticha irratti ni weellisti.
Erga Baayden muudamee booda ammo taatoon Toom Haanks daqiiqaa 90f sagantaa TV qophaa’ee ni keessummeessa.

Madda suuraa, Getty Images
Sagantaa kanarratti weellistoonni akka Joon Boon Joovii, Demii Lavaatoo fi Jaastin Tiimbarleek kan argaman yoo ta’u, TV Fox News ( miidiyaa Tiraampiin deeggaru) irraa kan hafe miidiyaalee gurguddoo US hundaa fi miidiyaleen hawaasummaa hundi saganticha ni dabarsu.
Sagantaa muudama Obaamaa isa jalqabaa irratti weellistoonni akka Ariitaa Firaankiliin fi Biyoonsee argamanii turani.
Muudama Pirezdaant Obaamaa isaa lammaffaa bara 2013 irratti Biyoonseen yeroo lammaffaaf kan argamte yoo ta’u, weellistoonni akka Keelii Kilaarkisan fi Jeenifar Hadson argamaniiru.
Tiraamp weellistooti akka muudama isaa irratti argaman gochuuf rakkatee akka ture ni gaabaafama. Weellisaan Eeltan Joon waamichaa Tiraamp dhiyeesseef kan died yoo ta’u, weellistoonni akka Seeliin Diyoonis, Kiis fi Gaart Birookis akkasuma diduu isaani himamaa ture. Dhumarratti weellisaan Lii Giriinwood fi baandiin 3 Doors Down guyyaa muudama Tiraamp irratti argamaniiru.















