Haleellaa Kaappital: Tiraamp Amajjii 20 dura aangoorraa buqqifamuu danda'uu?

Madda suuraa, White House via Twitter
Deeggartoonni Tiraamp Kongireessii biyyattii erga haleelanii as pireezdant Tiraamp hokkora kakaasan jechuun aangoorra akka buqqifaman waamichi dhiyaatu heddummateera.
Doonaald Tiraamp bara pireezdantummaasaanii goolabuuf guyyoota torban lama hin guutnetu hafa.
Amajjii 20 Joo Baayideen akkuma sirna kakuu raawwatanii muudamaniinTiraamp waajira gadhiisanii bahuuf jiru.
Haa ta’u malee, afyaa’ii mana maree biyyatti Naansii Peelosii dabalatee seera baastonni biyyattii danuun Tiraamp Amajjii 20 dursanii masaraa Waayit Haawus gadhiisanii akka bahan barbaadu.
Adeemsi pireezdanticha aangoorra buqqisuu kan baratame ta’uu baatullee karaa itti raawwatamu qaba.
Seera pirezedantii aangoorraa buqqisuu eeyyamu (The 25th Amendment)
Dimookiraatonni Koongireessi Ameerikaa olaanoon akka Naansi Peelosii fi Chaak Shumeer, Pirezedantiin ittinaa Maayik Peens fi miseensonni kaabinee Tiraamp pirezedantichi ‘jeequmsa kakaasuu’ isaaniif aangoorraa akka buqqisan waamicha dhiyeessaniiru.
Kana raawwachuun Peens seera biyyattiin Tiramp aangoosaanii akka dabarsan eeyyamu akka hojiirra oolu gaafachu qabu.
Seerri kun Pireezidant Tiraamp gaafatama isaanii bahachuu dhabuu isaanii ragaan yoo mirkanaahee aangoo isaanii itti aanaa isaanitti dabarsanii akka kennan dirqisiisa.
Fakkenyaaf, sababa dhukkubaatiin pirezedantiin yoo dirqamaa isaa raawwachuu dadhabe ykn dadhabde jedha seerichi.
Qaamni ameendimanticha mari’atamaa jiru isa afuraffaadha, kun itti aanaan pireezidaantii fi harki caalaan kaabinee Pireezdaant Tiraamp itti gaafatamummaa isaa ba’uu dadhabuu isaa akka beeksisaniif kan eeyyamudha.
Mana Maree Bakka Bu'ootaa fi seeneetiitti pireezdaantichi bulchuu waan hin dandeenyeef ykn “aangoo fi itti gaafatamummaa waajjiirichaa” hojjachuu akka hin dandeenyee xalayaa mallatteessanii erguu qabu. Yeroo kun ta’u I/A Pireezdaant Maayik Peens battalumaan aangoo fudhata.
Pireezdaantichi carraa deebii isaa barreessee dhiyeessuu ni keennamaafi, yoo moorme ammo Koongireesiin akka murtee dabarsu ta'a.
Pireezdaantichi akka buqqifamu sagaleen Seneetii fi Mana maree bakka bu’ootaan kennamu kamuu calmaa harka sadii keessa lamaa argachuu qaba.
Hanga dhimmichi furamutti I/A pirezdaanti bakka pireezdaanti bu’ee hojjata.
Mariin Ameendimaantii 25ffaa fayyadamuu Onkololessa bara darbee yeroo Pirezdaant Tiraamp Covid-19'n qabamanitti, yaaddoo dhukkubsatanii tajaajiluu dhabu jedhu uumee ture.
Yerooma sana keessa Af Yaa’ii Naansii Peloosii Amendimantii 25ffaa irratti hundaa’uun sirna komishinii pirezdaantiin aangoo isaaf ga’aamoo miti jedhu uumanii turan.
Kana dura fayidaarra oolee ture?
Ameendimantiiin 25ffaa kan raggaasifame pireezdaant Joon F Kenedii ajjeefamee wagga afur booda bara 1967tti yoo ta’u, yaaddoo yoo pirezdaantiin itti gaafatamummaa isaa ba’uu hin dandeenye aangoo eenyu fudhata jedhu furuuf ture.
Sababa kanaaf, pireezdaantonni hedduun ameendimaantii kana fayyadamaniiru- keessumaa kutaa isa sadaffaa- kan akka isaan yeroof aangoo itti aanaa pireezdaantii isaaniif dabarsaniif eeyyamu.
Bara 2002 fi 2007tti Pireezdaanti Joorji W Buush yeroo wal’aansaa kolonskooppii isaa yeroo yeroof qoricha of wallaalsisu kennameefitti yeroof itti aanaa pireezdaantii isaatti aangoo dabarsee ture. Akkuma kana Pireezdaant Roonald Riigan bara 1985tti yeroo wal’aansa baqaqsanii hodhuu kaansarii argacha ture yeroof aangoo dabarsee ture.
Hanga ammaatti garuu, pireezdaantii guutummaa guutuutti Ameendimantii 25ffaa fayyadamuun aangoorraa kaafame hin jiru.
Pireezdaant Tiraamp mala biroo akkamiin aangoorraa kaafamuu danda’a?
Pireezdaant Tiraamp akka aangoorraa kaafamuuf si’a lammaffaaf waamichi godhameera.
Miseensi Kongireesii Dimookraatotaa Ilhaan Omaar akka inni aangoorraa kaafamuuf gabaasaa qopheessaa akka jirtu erga beeksistee booda Dimokraatonni biros deeggarsa isaanii dageessisaniiru.
Kana dura Donaald Tiraamp Muddee 2019tti himannaa carraa deebi’ee filatamuu isaa fooyyeessuuf jecha Yukireen irraa karaa seeraan alaan gargaarsa gaafate ture jedhamuun aangoorra akka kaafamuuf dhiyaatee (impeach) ture.
Himannaa lamatu irratti dhiyaate -aangoo qisaasessuu fi sirna Kongiresii cabsuu – ta’us garuu boodarra Seeneetii Rippaablikaanootaan caalmaa qabuun himannaan isaanii haqameera.
Tiraamp seenaa keessatti pireezdaanti US akka aangoo irraa kaafamuuf yaadni irratti dhiyaate isaan sadaffaadha.
‘Impeach’ godhamuu jechuun dhaddachii akka banamuuf himannaa gara Kongiresiitti fiduu jechuudha.
Heera US keessatti pirezdantiin ''aangoorraa kaafamuu kan danda’u yoo himannaan biyyaa ganuu, malaammaltummaa fi yakkoota gurguddoo biro irratti mirkanaa’eedha.''
Adeemsa yakkaa caalaa kun adeemsa siyaasaati.
Sadarkaa lamaan rawwata – gabaasni gara Mana Maree Bakka Bu’uutaatti dhiyatee, yoo darbe, dhaddachaaf gara Seeneetiitti dabarfama.
Asitti garuu pireezdaanti aangoorraa kaasuuf sagalii harka sadii keessa lama argamuu qaba – seenaa US keessatti garuu kanarra ga’amee hin beeku.
Kana dura pirezdaantiin yeroo tajaajila isaa keessatti akka aangorraa kaafamuuf si’a lama himanni iratti dhiyaates kan alanaa yoo itti fufe Tiraamp kan jalqabaa ta'u.
Gaaffiin amma jiru Pireezdaant Tiraamp aangoon isaanii Amajjii 20 xumurumu guyyaa kana dura aangoorraa buqqisuuf yeroo ga’aan jiraa isa jedhudha.












