Hokkora US Kaappitol: Hogganoonni biyyoota addunyaa waa'ee hokkora Ameerikaa maal jedhan?

Deeggartoonni Tiraam kaleessa gamoo seera baastotaa US Kaappitol jedhamuun beekamu seenuun hokkora kaasan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni Tiraam kaleessa gamoo seera baastotaa US Kaappitol jedhamuun beekamu seenuun hokkora kaasan

Hogganoonni addunyaa hokkora Washingitan keessatti Roobii deeggartoonni Tiraamp kaasan balaaleffatan.

Deeggartoonni Tiraamp kumaatamaan lakkaa'aman gamoo US Kaappitol kan teessoo seera baastotaa ta'e cabsanii ol seenuun hokkora kaasaniin lubbuun nama afurii badeera.

Wayita hokkorri kun uumamu miseensonni Seneetii fi Koongiresi Ameerikaa waliin ta'uun injifannoo Joo Baayidan mirkaneessuutti turan.

Taatee kana hordofuun hogganoonni biyyoota addunyaa Ameerikaa keessatti nagaan akka bu'u, sirni wal-harkaa fuudhiinsa aangoos nagaan akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessan.

Wanti ta'e 'suukkanneessaa fi haleellaa diimokiraasii irratti raawwatame' jechuun ibsan.

MM UK Booriis Joonsan "wanti mul'ate waan nama qaanessu" jechuun balaaleffatan.

"Ameerikaan biyya guutuu addunyaa irratti diimokiraasiif dhaabbattudha, kanaaf wal-harkaa fuudhinsi aangoo sirnaan karaa nagaa raawwatamuu qaba," jechuun twiitara irratti barreessan.

Namni siyaasaa UK biroon Sar Keeyir Istaarmar "haleellaa kallattiin diimokiraasii irratti raawwatame" jechuun wanta ta'e ibsan.

Chaansilarri Jarmanii Angelaa Meerkel wanta Washiingitanitti ta'etti "aaruu fi gadduu" himte.

"Pireezidant Tiraamp mo'amuu isaa fudhachuu dhabuu fi waa'ee filannoo irratti shakkiin akka ka'u gochuun isaa sirrii miti," jechuun dubbatan.

Chaayinaam gama isheetiin deeggartoota Tiraamp waajjira seera baastotaa US Kaappitool cabsanii seenan, hiriirtota Hoongi Koongi diimokiraasii dhaadhessan kan bara darbe mana maree seera baastotaa cabsanii seenan waliin wal fakkeessuu yaalte.

Armed guards

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Haajaa Alaa Chaayinaa Huwaa Chunyiing hokkorri Hongi Kongi kan Washingitan caalaa hamaa ture garuu namni tokkollee hin duune jedhan.

Chaayinaan taateewwan lamaan wal bira qabuun ishee rogeeyyii Hongi Koongi diimokiraasii dhaadhessan oriisisee jira.

Awurooppaa irraa hogganoonni hedduun wanta Washingitan keessatti ta'e haleellaa diimokiraasii irratti raawwatame jechuun cimsanii balaaleffataniiru.

MM Ispeen Peedroo Saancheez akki jedhan: "Jabina diimokiraasii Ameerikaarraa amantaan qaba. Bulchiinsi pireezidantii haaraa Joo Baayidan kana irra aanee uummata Ameerikaa ni tokkoomsa," jedhan.

Pireezidantiin Fireench Imaanu'eel erga gama viidiyoon dabarsaniin, "biyya diimokirasii ganna dheeraa lakkoofsise qabdu keessatti deeggartoonni pireezidantii aangoo gadi dhiisaa jiru, wayita hidhannoon bu'aa filannoo morman arguun, qajeeltoon idil-addunyaa 'nama tokko, sagalee tokko' jedhu gatii dhabsiisa jedhan.

"Wanti har'a Washingitan DC keessatti ta'e gonkuma Ameerikaa hin mul'isu. Jabina diimokiraasiin keenya qaburraa nuti amantaa qabna. Jabina diimokiraasii Ameerikaa irraas amantaa qabna," jedhan.

MM Siwiidin Isteefan Loofveen taatee uumamee kan "nama yaaddessu" fi "haleellaa diimokiraasii irratti raawwatame" jedhan.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

1px transparent line

Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaas yaaddoo isaanii ibsatanii jiru.

Pireezidantiin Mana maree EU CHaarlas Misheel Ameerikaan karaa nagaa aangoon Baayidanitti akka darbu akka mirkaneessitu amantaan qaba jedhan.

Pireezidantiin Komiishinii EU Ursula von Der Leyen gama isheen gara fuulduraa dipireezidantii haaraa filannoo injifate waliin hojjechuuf akka abdatan himan.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

1px transparent line

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees wanta ta'etti gadduu isaanii dubbi himaan isaanii himeera.

MM Kaanadaa Jastiin Tiruudoos "haleellaa diimokiraasii irratti raawwatame kanaan daran gaddeera, jeeqameera," jedhan.

"Hokkorri yoomuu fedhii uummataa irra aanuu hin danda'u. Ameerikaa keessatti dimokiraasiin hundaa ol ta'uu qaba, ni ta'as," jedhan.