Haleellaa Kaappital : Baayidan hokkora deeggartoonni Tiraamp 'Capitol'tti kaasan balaaleffatan

Madda suuraa, Reuters
Injifataan filannoo Pireezdaantummaa US Joo Baayiden deeggartoonni Tiraamp gamoo Kongiresii US humnaan seenuu ‘hokkora’ uuman hadheefatanii balaalleffatan.
Dimookraatoonni hokkora adeemaa jiru kana Pireezdaant Tiraamp ‘itti gaafatamummaa fudhate’ akka tasgabeessuuf gaafataniiru.
Tiraamp ursee mormitoonni akka gara mana mootummaatti hiriiraaniif gaafatanii, boodarra ‘manatti galaa’ jechuun dhaamaniiru.
Mariin Kongireesii waliin injiffannoo Baayden raggasiisuuf adeemsifamaa ture erga hokkorri kun tasgabbaa’e booda deebi’ee eegaleera.
Itti aanaan Pireesdaantii US Maayik Peens maariii Roobii galgalaa kana yeroo eegalu, “seeraa mana mootummaa US keessatti kun guyyaa isa hamaadha,” jechuun dubbataniiru..
Moormitoonni gamoo kana poolisoota loluun darbanii iyyaa, alaabaa suura Tiraamp qabu qabatanii humnaan yeroo seenanitti bu’aan filannoo akka haqamuuf gaafachaa turani.
Gochaa addunyaa maraan ilaalamaa ture kanaan, dhukaasii dhaga’amaa ture, gaasiin nama boossisus mormitootatti biifamaa ture.
Miseensonni kongiresii gamoo Kongiresii Rotundaa keessatti sodaan yeroo dhokatan mul'ateera.
Aangaa’oonni fedeeralaa akka jedhanitti meeshalee dhoyiinsaa ta’uun shakkaman lama kan argaman yoo ta’u, lamaanu FBI fi poolisii Kapitool Hiiliin nagaan to’atamaniiru.
Hokkorri kun kan uumame yeroo Dimookratoonni lama filannoo teessoo Seneetii Joorjiyaa injifatanitti.
Kadhimatootni Dimookraatotaa lamaan teessoo Seeneetii Joorjiyaa injifachuu jechuun ammoo dhaabichi Seeneetii keessatti olaantummaa akka qabaatu godhee jira.
Joo Baayideen maal jedhan?
Filannoo pireezdaantummaa ka injifate Joo baayden gochii mormitootaa kun “mootummaa jeequu irraa kan hin hanqanneedha,” jedhaniiru.
Haasaa Delaweer Wilmingitaan irraa taasisaniin dimookraasii irratti “haleellaa raawwatamee hin beekne” dha jedhan.

Madda suuraa, Reuters
“Pireezdaant Tiraamp amma TV irratti ba’ee waadaa isaa guutuun heeraa biyyatti eegee fincilli kun akka dhaabatuuf akka godhuuf waamichan dhiyeessa,” jedhaniiru.
Gamoo teessoo mootummaa humnaan seenuun, foddaa caccabsuun, kutaalee Seneetii US to’achuun, nageenyaa qoondaltoota filatamanii yaddoo keessa galchuun “Kun hiriira mormii miti, finciladha” jechuunis dubbatan
Tiraamp maal jedhan?
Tiraamp viidiyoo twiitara gubbaa gadhiisaniin himannaa filannoon haatamera jedhu irra deebi’uun dubbataniiru.
''Akka miidhamtan beeka. Akka gadditan beeka'' jedhan deeggartoota isaaniin.
“Filannoon nu jalaa hatameera. Filannoo kufe ta’uu namni hundi beeka, keessumaa qaamni inni faallaa jedhan.
“Garuu amma gara manaa galuu qabdu. Nagaa qabaachuu qabna.”
Roobii ganamaan hirmaatootta “Hiriira Ameerikaa olchaa” jedhurratti hirmaataniin Waayit Haawuus fulduratti haasaa taasisaniin mormiitoonni gara mana mootummaa akka deeman gaafatanii ture.
Teessoo mootummaatti(Capitol) maaltu uumame?
Jeeqtoonni kun -kan gariin isaanii uuffatta qama eegu uffatan- poolisii haleeluuf keemikaala akka fayyadaman Hogganaan Poolisii Waashingitan Roobart Koontee dubbataniiru.
Gamoo sana keessa humnaan seenuun “Eessa jiru?” jechaa iyyaa dhaadannoo “Tiraampiin barbaanna” jedhu dhageessisaa turani.
Namni tokko waltajjii Seeneetiitti ol ba’uun “Tiraamp filannoo injifateera” jechuun iyyaa ture. Namni biraan ammo waajjira Af yaa’iii Mana Maree Bakka Buututaa Naanci Peelosii keessa luka isaa miinjalatti ol baasee taa’aa ture.
Kutaa mariin itti gaggeefamaa ture keessa mormiitoooni akka hin seenneef poolisiin balbalatti barcumaa fi miinjaala hirkisuun shugguxii isaanii baasaanii eegaa turani.
Looltoonni, qoondaltoonni FBI fi US Secret Service boodarra poolisii Kaapitool gargaaruuf bobbaafamaniiru.
Hokkorichaan sa’aatii hedduu booda aanga’oonni Seeneetii gamoon kun qamoolee nageenya eegasisaaniin to’atamuu ibsaniiru.
Poolisiin Waashigtan shuquxiin shan booji’aamuu fi yoo xiqqaate namootni 13 to’annoo jala ooluu isaani ibseera.
Dabalataanis mana mootummaa Kaansas, Joorjiyaa, Yutaa, Origoon fi bulchiinsa kaabaa Washiingitan keessa hiriirri mormii gaggeeffamaa ture.












