Guyyaa Kongireesiin injifannoo Baayiden raggaasutti Tiraamp hiriira mormiirratti argamuuf

Madda suuraa, EPA
Seera baastotni US Roobii har’a wal arganii injifannoo filannoo pireezdaantummaa Joo Baayidan raggaasisuuf jiru. Ta’us garuu deggaartoonni Tiraamp hedduun hiriira mormii ba’aniiru.
Rippaablikaanonni tokko tokko karaa seeraan marii kana mormuun bu’aa filannichaa dhabamsiisuun Pirezdaant Tiraampiin akka deeggaran dhaadataniiru.
Sirna kana hordofee deeggartootni Tiraamp hedduun hiriira mormii guddoo gochuutti jiru, miiseensotni qaama nageenya eegsisaa National Guard bobbaafamaniiru.
Deggartoonni Tiraamp filannoo Kanaan injifatamuu raggaasifamuuf jiru mormuuf hiriiranii Waashingitan keessatti walitti qabamaa kan jiran yoo ta’u, isaaniin mormuun ammo hiriirri ni ba’ama jedhamee eegama.
Kibxata Tiraamp ''Hiriiraa Ameerikaa Olch''jedhu guyyaa itti aanuu gaggeefamu irratti haasaa akka taasisu Tiwiitara gubbaatti barreessanii turan.
Tiraamp bu’aa filannoo Sadaasa 3 gaggeefamee hatameeraa jedhanii raga malee mormuun simachuu didaniiru.
Ta'us garuu pireezidantii ta'uuf kan filataman Joo Baayden Amajjii 20 aangoo pireezdaantummaatti muudamuuf jira.
Manni maree Kongireesii lamaan – seneetii fi Mana maree bakka bu’uutaa - marii Roobii gaggeessan irratti raga samsamaa bulchiinsota 50’n US irraa ergamaan kan bu’aa filannoo qabatee jiru bananii ni ilaalu.
Baayiden filannoo elktiroolaan sagalee 306 kan argatan yoo ta’u Tiraamp ammo 232 argatan.
Bakka bu’oonni paartilee lamanii bu’aa filannoo kanaa dubbisanii seeraan ni lakkaa’u.
Paartii Rippaablikaanii bakka lamaatti qoodamee jira- miseensonni Mana Maree Rippaablikaanii fi seeneetonni muraasni adeemsa kan moormuu barbaadan jiru.
Mormiin kamuu miseensa Seeneetii fi Mana maree bakka bu’uutaan ka’u seeraa tumtootaan ilaalamee falmii sa’aatii lama booda sagalee kennuun adda baafama.
Ta’us garuu mormiin kun ilaalamuuf miseensonni qaama lamanii sagalee ga’aan deeggaruu qabu.
Seeneeta keessatti harki caalaan Rippaablikaanota ta’aniis miseensonni garuu bu’aa filannichaa akka hin mormine beeksisaniiru. Mana Maree bakka bu’ootaa keessatti ammo baayyina kan qaban Dimookraatotadha.
Hiriira Deeggarsa Tiraamp
Leellistoota olaantummaa adii dabalatee deeggartoonni Tiraamp kuumaataman lakkaa’amanii hiira namootni Kiibtaxa irratti walitti qabamuu eegalan irratti ni hirmaatu jedhamee eegama.
Aanga’oonni deeggartoonni Tiraamp meeshaa waraanaa qabatanii akka hin baaneef akeekkachiisaniiru.
Wiixata poolisiiin hogganaa gartuu olaantummaa adii leellisan Proud Boys jedhaman, moormii kanaan dura ture irratti qabeenya barbadeessuun himachuun to’annoo jala oolchee ture.
Ta’us boodarra Enrikee Tarriyoon hidhaarra gadhiifamus, Abbaan Alangaa akka inni Washiingitan hin seenne dhorkeera.
Qaamni nageenya eegsisaa 'The National Guard' aanga’oota naannichaa akka gargaaraniif bulchaan Washiigtan DC waamicha dhiyeessaniiru.
Aanga’oonni akka jedhanitti loltoonni meeshaa akka hin hidhanneefi to’annoo tiraafikaa fi uummataa duwwaaf akka argaman ibsaniiru.














