Guyyaa Baayidan ifatti aangoo fudhatu Tiraampi ni argamaa laata?

Madda suuraa, Getty Images
Joo Baayidan pirezidaantii Ameerikaa itti aanu ta'un kan filataman baatii lamaan dura ture. Haata'u malee hanga sirni aangoo ifatti wal harkaa fuuchuu gaggeeffamutti gara Waayit Hawus hin galle.
Aangoo ifatti wal harkaa fuudhuun kunis qophii mataasaa danda'e qaba.
Guyyaa sana ilaalchisee wantoota baruu qabdan muraasni kunooti.
Sirni aangoo wal harkaa fuudhuu maali?
Sirnichi kan ittiin pirezidaantiifi itti aantuun pirezidaantii US haaraa filataman kakuu raawwachuun aangoo itti fudhatanidha.
''Waadaa cimaa amanamummaa hojii Waajjira Pirezidaantii Ameerikaa raawwachisuun raawwadheen, Heera biyyattii dandeettii kiyya guutuun eegisiisuufi ittisuuf hojjadha.''
Tokkicha jechoota kanneen dubbachuun sanada Ameerikaa hundeesseef beekamtii itti kennee kaasee, Mr Baayidan akka pirezidaantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun iddoo qabata. Sirnicharratti taateewwan aadaas ni gaggeefamu.
Guyyaan aangoo wal harkaa fuchuu Baayidan yoomi? Pirezidaantiin haaran yoom Waayit Haawus galu?
Akka seeraatti, sirni aangoo wal harkaa fuudhuu Amajjii 20 raawwata. Guyyaadhuma sana Joo Baayidaniifi Kaamaalaa Haariis gara waaree booda ifatti Waashingitan DC’tti waadaa kan galan.
Sirni baniinsa qophichaa seenaadhaan gara sa'aatii 11:30 EST (01:30) tti karoorfame.
Tokkicha Mr Baayidan kakuu raawwannaan, ifatti akka waan waajjiraafi aangoo pirezidaantummaa fudhateetti lakkaa'ama.
Guyyuma sana waaree booda gara Waayit Hawusitti gala- bakka mana jireenyaa isaa waggoota afur dhufaniitti jechuudha.
Sirinicharratti hirmaachuuf tikeetiin attamiin argatama?
Sirna aangoo wal harkaa fuudhuu sanarratti hirmaachuu kanneen barbaadan, dursanii bakka bu'oota naannoo isaaniitti dubbachuu qabaatu.

Madda suuraa, Getty Images
Seenaataroonniifi miseensonni kongrasii kanneen muummeen hirmaataniidha.
Tokkoon tokkoosaaniis hamma tikkeetii hiruu danda'an kan ramadameef qabu.
Haata'u malee bara kana sababii weerara Covid-19 US guutuutti mudateen, haalli xiqqoo adda ta'uu mala.
Tarii duraan tikeetiin hanga 200,000 sirnichaaf kennamaa ture bara kana gara 1,000’tti akka hir'atu eegama.
Gareen Baayidan namoonni sirinicharratti hirmaachuuf gara Waashington akka hin imalleef cimsanii ergaa dabarsaa jiru, sodaa facaatii vaayirasichaatiif jecha.
Haala barameen, DC’n namoota kuma hedduun guutamti ture. Bara Baaraak Obaamaan aangoo fudhatan namoota miliyoona lamatti tilmaamamutu sirnicha irratti hirmaatee ture.
Sirni aangoo wal harkaa fudhuu maaliif Amajjii ta'e?
Amajjii ta'uun waan barame hinturre. Heerri motummaa jalqaba hooggantoonni biyyattii haaraa Bitooteessa 4 akka sirna raawwatan kaa'e.
Innis Sadaasa yeroo filannoon waliigalaa itti gaggeeffamee kaasee baatiin afur akka sagaleen biyyattii guutuun gara tokkotti dhufuuf yeroo ga’aadha jedhamee kan kaa'ameedha.

Madda suuraa, Getty Images
Kana jechuun ammoo yeroo sana hunda pirezidaantiin aangoo dabarsu aangoorra tura jechuudha.
Erga injifatamuunsaa barameen booda isaaf aangoorra turuun baayyee dheeraa ta'u mala. Haata'u malee wal-jalaan teeknooloojiin akkuma haala lakkaa'uufi kan filatan gabaasuu salphisaa dhufeen, yeroon dheeraan kun geeddarameera.
Fooyya'iinsa 20ffaa bara 1993 keessa ragaassifameen, pirezidaantii haaraan filatame Amajjii 20 sirna aangoo fudhachuu akka raawwatu labse.
Sirnichi eessatti gaggeeffama?
Waltajjii Waashingitan DC, fuuldura gamoo biyyaaleessaatti raawwata. Namoonni hedduun sirnicha irratti hirmaachuunis bara 1981 muudama pirezidaanti Ronaaldi Reegan irraa kaasee waan baramedha.
Isaan dura, pirezidaantoonni kalattii tokkotti kutaa kongirasii keessatti, Waayit Hawusitti ykn biyyattii keessatti bakka biraatti waadaa galu(kakuu raawwatu). Joorji Waashingitan kakuu kan raawwatan Magaalaa Niiw Yoorkitti ture.

Madda suuraa, Getty Images
Sirna waadaa seenuutiin booda ammoo, Waayit Hawus galma Peensilvaaniyaatti agarsiisa barametu raawwatama.
Bara kana garuu baayyinni hirmaattoota kabajichaa ''baayyee kan murtaa'edha'' jedhan gareen Baayidan. Qophiilee akka agarsiisaa fa'i irra deebiin kan ilaalaman ta'u sababii koronaavaayirasiitiif jecha. Hanga ammaattis karoorri qophii koronaavaayirasii hubannoo keessa galche kun maal akka fakkaatu ifatti hin baramne.
Eenyuu fa'itu guyyaa sana sirba?
Mr Baayidan eenyu fa'i waltajjii irratti akka affeeran ammallee hin beeksiifne. Namoota bebbeekamoo muraasaan alatti.
Baroota dhiyoo asitti pirezidaantonni biyyattii haaraa muudaman, sagantaa guyyichaa keessatti artiistota jaalatamoo ni hirmaachisu.
Sirna aangoo fudhachu jalqabaa Jorji W Buush kan bara 2001 irratti muuziqaan kan dhiyaate baandii waraanaatiin ture. Garuu boodarra Riippabliikaanonni Daa'ima Riikii Maartiin fi Seestiniin ittiin dabaalanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Akkasumas bara 2005’tti yeroo Buush marasaa lammaffaaf aangoo fudhatanitti, weellistoota akka Hilaarii Duuf fi Gilooriyaa Isteefaan fa'iin kan gaggeefame ture.
Bara 2009 sirna aangoo fudhannaa Baaraak Obamaa irratti Ariizaa Firaankiliin dabalatee kan biroos irratti argamun waltajicha ho'iisanii ture.
Akkasumas Biyoonseenis waltajjicha sirna Obaamaaf qophaa'e jalqabaa irratti argamuun sirbitee turte.
Aangoo fudhannaa marsaa lammaaffaa bara 2013 irratti ammoo Pirezidaanti Obaamaan Keelii Kilaarsaniifi Jeenifar Haadsan affeerree ture.
Biyoonseen yeroo sanatti faaruu biyyaaleessaa faarfachuuf sirnicha irratti affeeramte turte.
Sirna aangoo fudhannaa Doonaaldi Tiraampiin taasifamee irratti ammoo haalli muuziiqaa itti qophaa'e kan sirriin hin qindoofne akka ture himama.
Ofii Tiraampi sirnicha irratti argamaa?
Pirezidantiin aangoo dabarsu sirnicha irratti argamuun sirna waadaa galumsaa pirezidaantii itti aanu hordofuun aadaadhuma barameedha. Tarii Tiraampi dhaquu didnaan, kunis waan hin baramne taasisuu mala ta'a.
Giifti-dureen duraanii Hiilaarii Kiliintan abbaa warraashee pirezidaantii duraa Biil Kiliintan waliin ta'uun sirna aangoo fudhannaa Mr Tiraampi irratti hirmaatanii turan. Kunis ammoo duula na filadhaa Mr Tiraampi waliin waan hamaa waliin jedhaa erga turanii baatii lama booda qofa ture.
Ta'uus haalli addaa jiraachu danda'a, garuu kan dhiheenya mudatee miti malee. Pirezidaanti Joon Adaams, illmisaa, Pirezidaantii Joon Qu'nsii Adaams fi Pirezidaanti Andriiw Joonsan hunduu wayita pirezidaantiin itti aanu ifatti aangoo fudhatu achi hinturre.

Madda suuraa, Getty Images
Bara kaan garuu sirna aangoo fudhannaa Joo Baayidan irratti argamu diduun tarree jarreen kaaniitti makamuuf akka jiru oduuwwan odeeffamaa jiru.
Tiraamp hanga ammaattu injifatamu isaa fudhataa hinjiru. Garuu haala sirna filannoo biyyattiin Baayidan mo'aachun ibsameera. Tiraampis sirnicharratti argamuufi dhiisuu hanga ammaatti waan jechuu dideera.
Deeggartoonni isaa tokko tokkos tarkaanfii flduratti fudhachuun, guyyaa Baayidan itti aangoo ifatti fudhatuutti karaa viidiyootiin Mr Tiraampiif mudama lammaffaa taasisuuf karoorsaa jiru.
Namoonni gara kuma 600 ta'anis taatee sanarratti argamuun Abba Tiraampiif deeggarsa isaanii agarsiisuu akka barbaadan Feesbuuk irratti himaniiru.
Mr Baayidan garuu gama isaatiin pirezidaantiin isa duraa sirnicha irratti aragamuun fakkeenya cee'umsa aangoo nagaa akka ta'an akka abdatan himan.
Haata'u malee argamuun Mr Tiraamp ''tarreewwan gurguddaa 10'' filatamaa pirezidaantii keessa miti, jedhan barreessaan pireesii itti aanan Jeen Pisaaki baatii darbee keessa.













