Filannoo US 2020: Joo Baayidan pireezidantummaa Ameerikaa injifatan, BBCn mirkaneesse

Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Joo Baayidan filannoo guyyaa Wiixataa gaggeeffamee adeemsi lakkoofsa sagalee hanga har’aatti taasifamaa tureen Doonaald Tiraamp mo’achuun pireezidantii Ameerikaa itti aanu ta’uuf filataman.

BBCn Baayidan isteetiiwwan dorgommii cimaan keessatti adeemaa ture keessaa Peensilviaaniyaatti mo’achuun, sagalee mo’ichaaf isa barbaachisu 270 ol darbuun Waayit Haawuus galuuf mo’achusaa mirkaneeffatera.

Duula gaggeessaaan Tiraaamp kaadhimamaan isaanii bu’aa filannichaa fudhachuuf karoora hin qabu jedhan.

Bu’aan filannoo kunis bara 1990taa as Tiraampiin pireezidaantii Ameerikaa bara filannoo tokkicha qofaa biyya hogganee taasiseera.

Joo Baayidan battala injifachuun isaanii ibsametti yaada 'twitter' irratti barreessaniin 'kabajatu natti dhagaa'ama' jedhan.

"Ameerikaa, biyya keenya guddoo kana akkan dursu na filachuu keessaniif kabajaatu natti dhagaa'ama. Hojiin nu eeggatu jabaa ta'us pireezidantii Ameerikaanota hundaa ta'uuf waadaan isiniif gala. Yoo na filattanis, na filachuu baattanis. Amantaa narra keessan nan eega."

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Pireezidantii itti aantuu ta'anii filamuun dubartii jalqabaa kan ta'an Kamala Hariis, filannichi waa'ee Ameerikaati jedhan.

"Filannoon kun dhimmi koo ykn Joo Baayidanirra hedduu darba. Kuni waa'ee lubbuu Ameerikaa fi sanaaf loluuf hayyamummaa qabnu agarsiisa. Hojii guddaatu nu eeggata, amma haa eegallu."

Baayidan filannicha mo’achuu isaa BBC kan mirkaneeffate isteetiiwwan sagalee lakkaa’u xumuranii fi bu’aa isteetiiwwan akka Wiiskonsin fa’i irraa eegamurratti hundaa’uun.

Filannoon ammaa kunis erga 1900 as kan filattoonni baayyeen irratti hirmaatan jedhameera.Baayidan hanga ammaatti sagalee miliyoona 73 kan argatan yoo ta’u, kunis pirezidaantii Ameerikaa sagalee olaanaa argate taasiseera.

Pireezidaant Tiraamp osoo lakkoofsi sagalee hin xumuramiin dura akka waan injifataniitti ibsanii ture.

Donald Trump

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Tiraamp bu'aa filannichaa fudhachuuf karoora hin qaban jedhu waahiloonni isaanii

Haa ta’u malee filannichii hatameera jedhanii himatanilleen kanaaf ragaa qabatamaa dhiyyeessuu hin dandeenye.

Duula gaggeessitoonni isaa garuu guyyaa Jimaataa isteetiiwwan adda addaarratti himannaa bananii jiru.

Dorgommiin filannichaa kunis kan gaggeeffamee osoo lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin guutuu Ameerikaatti qabamanii fi du’an dabalaa jiruu ture.

Tiraampis Baayidan yoo filataman ugguurrii fi kufaatiin dinagdee ni ta’a jechuun mormaa turan.

Joo Baayidan gama isaanitiin Tiraamp weerara Covid-10 to’achuuf tarkaanfiiwwan gahaa hinfudhannee jechuun balaaleefataa turan.

Amma Joo baayidan Waayit Hawuus bakka bara Baaraak Obaamaa itti aanaa pirezidaantii ta’uun waggoota saddeetti itti tajaajilaniitti deebii’uuf.

Baayidan umurii waggaa 78 seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantii dulloomaa ta’a. Kanaanis nam duraan riikardii qabatee Tiraamp kan waggaa 74 injifachuun.