Filannoo US 2020: Gareen duula nafiladhaa Tiraamp akkaata sagaleen itti lakkaa’amaa jiru mormuun himata bane

Kaadhimamtoonni lamaanuu dhimma keenya seeratti geeffanna jechaa jiru

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Kaadhimamtoonni lamaanuu dhimma keenya seeratti geeffanna jechaa jiru

Filannoo kaadhimamtoonni lamaanuu anatu dursaa jira itti jedhaniifi lakkoofsi sagalee inni xumuraa itti geggeeffamaa jiru kanaan, dorgomtoonni lamaanuu dhimmicha gara seeraatti geessina jechuun dhaadataa jiru.

Gareen duula nafiladhaa Tiraamp kutaalee bulchiinsaa Wiiskoonsin, Joorjiyaa, Peensilvaaniyaafi Michigaanitti sagaleen akka itti lakkaa’aamaa jiru aad-maleedha jechuun gamanumaan himata bane jira.

BBC’n Baayidan Michigaanitti akka injifatan yoo tilmaamu, miidiyaaleen biyya keessaa ammoo Wiiskoonsinillee irra aaneera jechuun gabaasaa jiru. Kan Peensilvaaniyaa garuu ammallee hin baramne.

Naannolee murteessoo ta’an kunneen sadanitti injifachuun, Baayiniin pirezidantii isaan taasisa.

Baayidan haasawa galgalarra taasisaniin, injifadheera jechuuf xiqqoota isaan hafe. Boodarra Tiraampiin injifachuuf daandiirra jirra jechuun qajeelchan malee.

Nama filannoof galmaa’e keessaa %66.9 hirmaachuun seenaa dimokraasii biyyattii keessatti ganna 120 as isa guddaa ta’uutu himama.

Namoonni miiliyoona 70.5 Baayidaniin filachuun isaanii seenaa kaadhimamtoota pirezidantummaa keessatti sagalaee akkasii argachuun dursummaarra isaan kaa’e.

Tiraampi gama isaaniitiin namoota miiliyoona 67.2’n filatamuun kan bara 2016’rra caalmaa sagalee miiliyoona afurii ol argataniiru.

Jeesan Miilar Tiraampiifi Peensi waggoota afur dhufaniif angoorra akka turu jedha

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Jeesan Miilar Tiraampiifi Peensi waggoota afur dhufaniif angoorra akka turu jedha

Gareewwan lamaan maal jechaa jiru?

Haasawa Roobii kaleessaa taasisaniin Baayidan akkas jedhani: "Lakkoofsi sagalee yoo dhumu akka injifattoota taanu ni amanna, akka pirezidantii Ameerikaattan tajaajila, pirezidantummaan mataasaatti dhaaba of-danda’e miti"

Peensilvaaniyaatti waan ta’aa jiru irrattis ‘‘miira gaariin qaba’’ yoo jedhan, gareen Tiraampi gama isaatiin, naannoo ‘‘sagaleen seera qabeessi hundi’’ itti lakkaa’amaa jiru kanarratti injifattoota ta’uu beeksisuuf qophaa’uu himu.

Miseensa olaanaa garee duula nafiladhaa Tiraampi kan ta’an Jeesan Miilar akka jedhanitti ‘‘Tiraampiifi Peensi waggoota dabalataa afuriif angoorra akka turan dhuma torbee kanaarra ifa ta’a’’ jedhani.

Tiraampi ammallee injifachuu maluu?

Baayidan sagalee 270 barbaachisu keessaa 243 kuufachuun injifannootti dhiyoo jiru, morkataan isaanii ammoo 214 irratti argamu.

Tiraampi sagalee ‘electoral college’ 10 Wiiskoonsinitti yoo dhaban, injifannoo argachuuf dirqama kan Joorjiyaa 16, Kaarolaayinaa Kaabaa 15, Peensilvaaniyaa 20, Ariizoonaa 11 ykn Nevaadaa 6 argachuu qabu.

Pirezidantichi Kaarolaayinaa Kaabaafi Joorjiyaatti qabxii tokkoon dursaa jiru, bakka sagaleen hedduun itti lakkaa’ame Nevaadaattis morma wal-hudhanii jiru. Gareen Tiraampi Arizoonaattis irra anna jedhanii abdatu.

Baayidan Arizoonaa bakka duraan Rippabliikaanota haalaan deeggaran kantti caalmaa qabxii sadiin dursaa jiru. Sagaleen %85 kan lakkaa’ame yoo ta’u naannoo kanatti Dimokraatotatu injifata jechuun CBS tilmaameera.

Tarkaanfiiwwan seeraa akkamiitu jiraachuu malu?

Gareen Tiraampi akka jedhutti Wiiskoonsinitti akkaataan sagaleen itti lakkaa’ame ‘‘shakkisiisaa’’ waan ta’eef irra deebiin akka lakkaa’amu nigaafanna jedha. ‘‘Godinaalee naannichaa hedduu keessatti seeraan hin lakkaa’amne’’ jechuun.

Qabxiin hin xumuramne akka agarsiisutti naannoo kanatti garaagarummaan Baayidaniifi Tiraampi gidduu jiru qabxii tokko waan hin guunneef, kaadhimamaan irra deebiin akka lakkaa’amu gaafachuu danda’a.

Garichi itti dabaluunis Michigaanitti lakkoofsi akka dhaabbatu gaafateera. Korojoowwan akka taajjabaniif ‘‘haalli mijataan’’ hin uumamne jechuun.

Diitrooyit Michigaanitti namoonni adeemsa filannoo ilaaluu qabna jechuun mormaa waan turaniif, balbala kutaalee sagaleen itti lakkaa’amanii akka eeguuf poolisiin waamamee ture.

Akka Diitrooyit Firii Prees gabaasetti garuu namoonni 200 ol akkaataa sagaleen itti lakkaa’amu taajjabuuf gamoo sana keessa turani.

Gareen Tiraampi dabalataanis Peensilvaaniyaatti akkaataa sagaleen itti lakkaa’amu ‘‘sirriitti ifa hanga ta’utti’’ lakkoofsi haadhabbatu jechuun himata seeraa lama baneera.

Pirezidantichi caalmaa qabxii sadii qabaatanus ammallee sagaleen hin lakkaa’amne kumaatamni hedduun jira.

Joorjiyaattis taajjabaan keenya korojoon 53 seera-maleessa ta’e Godina Chaataamitti yoo dabalamu argeera waan jedheef, lakkoofsi dhaabbachuu qaba jechuun himateera gareen duula nafiladhaa Tiraampi.