Filannoo US 2020: Ameerikaatti sababii bu'aa filannootiin walitti bu'insii ka'uu danda'aa laata?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoon pireezidantummaa Ameerikaa boru [Sadaasa 03, 2020] raawwata. Torbee kana jiraattonni sa'aatii dheeraaf TV, takkaahuu midiyaalee hawaasaa isaanii mil'achaa oduu filannoo hordofu.
Pireezidant Tiraampis ta'e ykn morkataan isaanii pireezidantiin itti aanaa duraanii Joo Baayidan yoo mo'aman, akka walitti bu'insii uummataa hin uumamneef baay'ee sodaatamaa jira.
Waldhabdeen filannicharratti uumamnaan sagaleen irra deebiin lakkaa'uu eegalama. Akkasumas himannaan mormii sagalee irratti ni banama, hokkorri uummataa biyyattii guutuu babal'achuu mala.
Itti aansees battalumatti Manni Murtii Olaanaa biyyattii akka murtee dabarsuuf ol iyyannoon ni galfama.
Haa ta'u malee yoo Ameerikaanonni bu'aan hanga baramuutti kan obsan ta'e taateen akkasii kun hafuu danda'a.
Pireezidant Tiraamp halkanuma filannootti bu'aan akka ifa ta'uun taasisa jechaa kan jiran yoo ta'u, Joo Baayidanii fi Diimokiraatonni ammoo kana mormuun garee ogeessota seeraa fi abbootii alangaa dhibbaan lakkaa'aman walitti qabuun mana murtiitti himannaa banuuf qophii taasiisuu beeksiisaniiru.
Bu'aa filannoo himuun hagam tura? Halkan tokkotti bu'aa filannoo himuu fi dhiisuun hoo dhiibbaa akkamii qaba?
Fialattoota karaa poostaa
Bara 2016tti namoonni miliyoona 33tu karaa poostaatiin filannoo irratti hirmaate. Bara kanas sababii Covid-19tiin namoota miliyoona 82tu karaa poostaatiin filachuuf gaafate.
Haa ta'u malee filannoo guyyaan tokko qofti hafeen kanaan, isteetiiwwan ykn kutaalee biyyaa hedduunis seera bara dheeraa kan sagaleen poostaan ergame yoom banamuu, ilaalamuu fi lakkaa'amu akka qabaatu ajaju geeddaruuf ammalleen rakkataa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Fakkeenyaaf bakka dorgommii cimaan itti taasifamu Michigaan keessatti namoonni miliyoona sadi ta'an akka filatan eegama.
Haa ta'u malee hanga guyyaa filannichaa ganama sa'aatii 1tti(7am) sagalee lakkaa'u waan hin dandeenyeefu bu'aa achi jiru ibsuuf Michigaan guyyaa tokko itti fudhata.
Isayyuu irra deebiin lakkaa'uun yoo hin jiraanneedha guyyaa tokkichi sunuu kan gahu.
Pireezidant Donaald Tiraamp karaa poostaatiin filachuun bu'aa filannoo irratti rakkoo uuma jechuun akka hafu gaafataa turan. Tajaajila Poostaa US irraa fandii yeroo ariifachiisaas dhaabaniiru.
Filannoo duraanii irraa akka hubatamuutti irra caalaa warra Dimokiraatotaatuu karaa poostaatiin filata. Riippablikaanoonni harki caalan guyyaadhuma filanichaa qaamaan argamanii filatu.

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoon lammataa himannaadha
Wayita bu'aan ibsamuutti dhiyaatu isteetiiwwan rakkoon seeraan wal-qabatu isaan mudachuu danda'a. Kunis sagalee osoo hin lakkaa'amiin dhiifamu ilaalchisee shakkii namootatti umamuun wal qabata.
Kun mataansaa ammoo bu'aan akka dafee hin himamne caalaatti akka turuu taasisa.
Sababii baramaan sagaleen akka dhiifamu taasifamuu, yoo karaa poostaatiin baay'ee turee lakkaa'amu hin qaqabneedha.
Sababiiwwan biraa ammoo mallattoo seera qabeessa hin taane ykn yoo poostaan icciitii lammaaffaan badeedha.
Filannoo kana duraatiin wal-bira yoo qabamu, baay'ina filattootaa olaanaa bara kana karaa poostaatiin taasifameen, baay'inni sagalee turee qaqqabuu akkasuma akka baay'atu eegama.
Filannoo bara 2016tti pireezidaant Tiraamp Michigaaniitti sagalee kuma 11 gadiitiin mo'ate.
Halkan filannoo isteetiiwwan dorgommii cimaan keessatti taasifamu hedduu keessatti baay'inni sagaleewwan dhiifamanii mataan isaanii dhimmaa waldhabdee olaanaa ta'u danda'u.
Halkanuma sanatti haalli bu'aan itti baramu ni jiraataa?
Eeyyeen. Harkifannaa poostaatiin alatti, haala kenniinsa sagalee amma jiruutiin, halkanuma sanatti kan mo'ate baruun ni danda'ama.
Garuu halkan sanatti baramuuf bu'aa filannoo morkattoota lamaanii jidduu garaa garummaa olaanaan galmaa'u qabaata.

Madda suuraa, Getty Images
Tikeettii warqee kan ittiin Waayit Haawus galamu mo'achuuf, Joo Baayidan ykn Tiraamp 'electoral college' 580 keessaa 270 ol argachuu qabaatu.
'Elektoraal Kolleejjiin' sirna yeroo dheeraaf namni filannoo pireezidantummaa mo'ate ittiin beekamudha.
Isteetiiwwan baay'ina uummataa irratti hundaa'uun lakkoofsi 'electoral college' wal caalu kan murtaa'ee kennameef qabu.
Isteetiiwwan lamarraa kan hafe isteetiiwwan biyyattii hunda keessatti kaadhimamaan sagalee uummataa caalmaa argate 'electoral college' isteetiin sun qabu mara dhuunfata.
Kanaaf jecha kaadhimamaan tokko sagalee uummataa caalmaa argatus lakkoofsa 'electoral college'n caalamee mo'amuu danda'a.
Filannoo guyyaa tokkichi hafe kanaan lammiileen Ameerikaa miliyoona 69.5 ta'an sagalee isaanii karaa poostaa kennaniiru. Kunis sagalee filannoo bara 2016 poostaan kennamee ture wallaakkaan ol kennamu agarsiisa.
Bara 20166tti Tiraamp erga isteetiin Wiiskonsiin sarara dhumaa 270 oliin isa ceesiiseen booda injifannoo sa'aatii 02:30 EST (07:30 GMT) labse.
Haata'u malee barana sagaleen karaa poostaatiin ergamu dabaluun wal-qabate, halkan sana bu'aa beeksiisuun waan ta'u hin fakkaatu.
Isteetiiwwan murteessoonni akka Michiigaan, Penisiilvaaniyaa fi Wiiskonsiin guyyaadhuma filannichaatti sagalee lakkaa'u eegalu.
Hundi isaanii irra deebiin lakkaa'uu fi himannaa seeraatiif saaxilamu danda'u. Haa ta'u malee Filooriidaa abdiin jira.

Madda suuraa, Getty Images
Isteetiiwwan gurguuddoo dorgoommii cimaan keessatti gaggeeffamu bakka injifannoon kaadhimamtootaa keessatti murtaa'udha.
Filoridaan filannoon dura guyyaa 40tti sagale karaa poostaan dhufe ilaaluun lakkaa'uu eegalte.
Sagaleen miliyoona 2.4 ol ta'u kan guutamee ergame yoo ta'u, kan kanaan booda eegatan poostaawwan muraasa qofaadha. Kanaafu isteetiiwwan kaan irra carraan sagalee ifa taasisuu qaban baay'ee olaanaadha.

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan bara 2020tti sababii weerara koronaavaayirasiitiin garmalee kan laamshoofte yoo ta'u, akkasumas dhimma ajjeechaa gurraachotaan wal qabatee ammoo adda qoodamuun tureera, amma garuu lammileen pireezidantii isaanii itti aanuu eeggataa jiru. .













